Weellistuu beekamtuu Shaakiiraan gibira Yuuroo mil. 14 waliin dhahuun mana murtiitti dhiyaachuuf

Weelliftuu beekamtuun addunyaa lammii Koloombiyaa taate Shaakiiraan gibira yuuroo miliyoona 14 waliin dhahuun mana murti Ispeen keessaatti dhiyaachuuf.

Manni Murtii magaalaa Baarseeloonaa keessatti argamu weellistuun tun himannaawwan jaha irratti dhiyaateen akka dhiyaattu ajaja kan itti baasee yoo ta’u, haata’u malee dhaddachichi dhimmashee yoom irraa kaasee akka ilaalamu hin ibsine.

Gibira waliin dhahuun himannaa kan irratti bane abbaan alangaa Ispeen, yoo Shaakiiraan balleessaan irratti argame hidhaa hanga wagga saddeetiifi maallaqa yuuroo miiliyoona 23.8'n akka adabamtu barbaada.

Weelliftuu beekamtuu fi gaheettiin umrii waggaa 45 tunis, yakka omaatuu akka hin raawwannee himuun himannaa irratti dhiyaate kufiste.

‘‘Ragaa himannaa narratti dhiyaate kufisu gahaan waanan qabuuf, haqa na deeggaru akkan argadhu nan amana,’’ jechuun barruu afaan Ispeeniin maxxanfame tokkorratti ibsitee jirti.

Ibsa ogeessonni seeraa dhimma Shaakiiraa hordofaa jiran baasaniin ‘‘yeroo barbaachisutti mormii isaanii dhiyeeffachuun’’ itti gaafatamummaa saanii akka bahan ibsan.

Abbaan Alangaa Ispeen Shaakiiraa himachuurra karaa nagaatiin waliigaltee irra gahuuf fedhii akka qabu kan ibse ta’ulleen, isheen garuu dhimmichi mana murtiitti akka ilaalamuuf filattee jirti.

Dhimmoota himmannaan irratti dhiyaate keessaa tokko bara 2013-2014tti Shaakiiraan wayita Ispeen keessa jiraatteetti, mana jireenyaa ishee bakka biraatti galmeessitee jirti kan jedhuudha.

Haala seera ispeeniitti gibira kanfalchuus jecha namni tokko biyyattii keessa baatiiwwan jahaaf yoo ture, akka jiraataatti lakkaa’ama. Haata’u malee Shaakiiraan irra jireessa Ispeen keessa hin turre jechuun mormiti.

Abbaan alangaa Ispeen garuu, Shaakiraan maatiin mana jireenyaa isheefi hiriyaan ishee duraanii kan ture tabataan kubbaa miilaa garee Baarseeloonaa Shiiraard Piikeen keessa jiraate bara 2012 keessa Baarseeloonaa keessaa bitachu isheef sanada agarsiisu dhiheenya ifa taasiseera.

Abokaatoowwan ishee garuu, hanga bara 2014tti galiiwwan Shaakiiraa irra caalaan kan argame qophiilee muuziiqaa addunyaa garaa garaa irratti qopheessiteen yoo ta’u, sababii kanaanis yeroo ishee baay’ee Ispeeniin alatti dabarsite jechuun mormu.

‘‘Lammii Iseen sana waliin jaalala eegalee waanan tureef aanga’oonni Ispeen gibira na kanfalchiisuu barbaadanii turan. Dhimmichi ifadha. Sanas ta’e kana kan barbaadan maallaqadhuma’’ jechuun ture barree gaaffii fi deebii waliin gooteetti kan himte.

Dhimma gibirashee hordoofuu fi kanfalu wayita barbaaddeetti bara 2015 booda ammo Shaakiiraan Ispeen bakka jireenyaa ishee ta’u ifa taasifte. Erga sanaan booda ammo yuuroo miiliyoona 17 ol gibira kanfaluu fi idea omaatu narra hin jiru jechuun ibsiti.

Gama biraatiin ammo jaalalleen ishee duraanii tabataan kubbaa miilaa Piikeen bara 2019tti himannaa mana murti biyyaaleessaa Ispeeniin irratti banameen, himmannaa gibira maqsuu irratti dhiyaateen balleessaan irratti argamuun yuuroo miiliyoona 2.1 adabame ture.

Shaakiiraa fi Peekiin waliin ijoollee wagga torbaa fi sagaliin kan qaban yoo ta’u, gaa’illisaanii waggoota 11 diigamuun bara darbe baatii Waxabajjii keessa ture ifa kan ta’e.