Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa qilleensarraa Mandiitti raawwateen namoonni nagaa ajjeefaman - Jiraattota
Haleellaa qilleensarraa magaalaa lixa Itoophiyaa, Mandii, kan to'annoo hidhattootaa jala jirti jedhame irratti raawwateen lammiileen nagaa ajjeefamuu jiraattonni BBC'tti himan.
Haleellaan Godina Wallagga Lixaa, magaalaa Mandiitti guyyaa Roobii guyyaa keessaa sa'aatii 7:00 - 8:00 gidduutti raawwate jedhame.
Jiraattonni bakka haleellaan raawwate turanii fi BBC'n dubbise haleellaan tokko konkolaataa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), kan mootummaan Shanee jedhurra xiyyeeffatus baay'inaan kan du'an lammiilee nagaati jedhan.
''Naannoo Maazoriyaa ykn Maqa Daalatti jedhamutti kan dirooniin ummata walitti qabamee jiruufi waraana Adda Bilisummaa Oromoo iddoo sanatti kan rukutte,’’ jedhan jiraataan BBC'n dubbise.
''Kana keessatti kan baay'inaan miidhame waraana osoo hin taane ummata nagaadha,'' jedhan. ''Walumaagala naannoo nama digdamaa ta’u,’’ jechuun lakkoofsa namoota du’anii ibsan.
Dhimma kana irratti mootummaan waan jedhe hin qabu. Namoonni siyaasaafi dhaabni ABO garuu haleellaa lubbuu lammiilee galaafatu jechuun balaaleeffataniiru.
Dubbii himaan hidhattoota WBO Odaa Tarbii, haleellaa Mandiitin gara namoota 30 ajjeefamuun hedduun madaa’aniiru jedhan.
Miseensonni isaanii miidhamuu ilaalchisuun garuu waan dubbatan hin qaban.
Torban muraasa darban haleellaan qilleensaa hidhattoota irratti xiyyeeffate jedhame irra-deddeebiin Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti raawwataa jira.
Torban darbe godinuma kana Aanaa Boojjii Dirmajjii magaalaa Biilaatti haleellaa diroonii wal fakkaataa raawwateen namoonni 60 ol ajjeefamuu maddeen garagaraa BBC'tti himanii ture.
Haleellaa diroonii haaraan magaalaa Mandiitti raawwateen lakkoofsi namoota ajjeefamanii BBC madda walabaa irraa mirkaneeffachu hin dandeenye, dhaabni ABO ibsa dhimmicharratti baaseen garuu gara nama 100 tahu ibsa.
Maddeen hospitaalaa irraa qulqulleeffachuuf yaaliin BBC’n godhe hin milkoofne.
Dhimma kana kan gaafataman qondaalli nageenyaa naannoo Oromiyaa yaada kennuu irraa of qusataniiru.
Qondaalli KFO Obbo Jawaar Mahaammad, hawaasni idil- adunyaa rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa fi Benishaangul Gumuz keessa jiruuf xiyyeeffannoo gahaa hin kennine jechuun qeeqan.
Obbo Jawaar toora midiyaa hawaasaa isaaniirratti akka barreessaniitti, hawaasni idil-adunyaa adda baasee qaama tokkoof boo’uun rakkoo nageenyaa Itoophiyaa keessaa furuu hin danda’us jedhe.
Haleellichi akkamiin raawwate?
Jiraattonni BBC’n dubbise akka jedhanitti, haleellaan kun magaalaa Mandii keessaa bakkeewan lamatti dhaqqabe.
Jiraataa BBC’n dubbise tokko, ''isaan hidhattoota irratti haa xiyyeefataniyyuu malee irra caalaa kan miidhamee fi ajjeefame namoota nagaati,'' jedhan.
Namoota ajjeefaman keessaa hojjetaan wangeelaa Taarikuu Waannaa jedhaman tokko ta'uu hiriyaan isaanii tokko BBC'tti himan.
Jiraataan nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan kun, dirooniin jalqaba kan irratti qiyyeefate konkolaataa hidhattoota WBO irratti ture jedhan.
''Konkolaataa hidhattoonni qabatan magaala keessa karaarra dhaabataa turte. Dirooniin konkolaaticha yeroo dhahu boombiin dhohe bittinaa’uun namoota nagaa mana jala taa’aa turan ajjeese, kaan miilla irraa kutee madeesse'' jedhan.
'‘Hidhattoonni WBO ajjeefaman hedduu miti. Namoota nagaatu baay’ee miidhame malee’’ jedhan.
Jiraataan biraas waa'ee haleellaa raawwate akkanaan ibsan:
''Makiinaa ittiin waraanni socho’aa turedha. Ta’us immoo makinaa kanarra waraanni baay’inaan hin jiru ture. Yoo xiqqaate waraana nama shanii, jaha hin caalledha. Makiinaa lama gidduudha kan isheen buuste. Makiinaan sun achumatti barbadoofte. Hawaasnis duukaa miidhame,'' jedhan.
'‘Battala sa’aatii sanatti ummanni du’e naannoo namoota torba, saddeet kan ta’anidha. Namoonni 13 ta’an ammoo mana yaalaa seenan,’’ jechuun achitti kan du’an akka jiran dubbatan.
Namni kun ofii lubbuun akka hafaniifi erga haleellaan raawwate booda ''Reeffi namaa wallaalame’’ ture jechuun ibsan.
Akka jiraataan kun ibsanitti, yeroo ammaa waraanni mootummaa magaalaa Mandii seenuu hime.
Haleellaan diroonii kan lammataa ammoo naannoo mana nyaataa Lalisaa jedhamuu tokkoo bu’e jedhan jiraataan biraa dubbifne.
Sodaa jiru irraa kan ka’e manaa bahaa akka hin jirre kan himan jiraataan kun, odeeffannoon waraanni mootummaa karaa Asoosaa baay’inaan dhufaa jiru jedhu jira jedhan.
Kana irraa kan ka’e magaala keessatti tarii dhukaasni yoo ka’e miidhaan nurra gaha jechuun jiraattonni magaalittii hedduun gadhiisanii gara baadiyaa fi bosonaatti baqataa jirus jedhan jiraataan kun.
Sababa rakkoo nageenyaa godinicha keessa jiruun tibbana tajaajilli geejibaa bakka hedduutti adda citee jira.
Hiriyaan isaanii hojjetaa wangeelaa Taarikuu akkatti ajjeefaman yoo himan, '‘Laaqana waliin nyaannee ani xiqquma biraa deemee daqiiqaa shan osoo hin ta'iin haleellichi raawwatame.
Laaqana waliin nyaannee Taariikuun ammoo buna dhuguuf namoota kaan waliin mana jala taa’aa turan. Ani biraa deemee daqiiqaa shan kan hin caalle keessatti haleellaa dirooniitin ajjeefaman,’’ jedhan.
Bilbila haadha warraa Taarikuu irratti wayita bilbilleetti gaddaa fi naasuu guddaa keessa waan taateef dubbachuu akka hin dandeenye hiriyaan isaa kun BBC'tti hime.
''Yeroo achi geenyu lubbuun keessa hin jiru. Namoonni barandaa manaa jala taa’aa turan hedduun du’aniiru. Nama baay’een miillifaa irraa citee argine.’’
Jiraataan kun lakkoofsa namoota ajjeefamanii adda baasuu baatanis lakkoofsi namoota du’anii fi madaa’anii baay’ee tahuu himan.
Mootummaan dhiyeenya kana hidhattoota irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachaa jiraachuu maatiin miidhamtootaa BBC'tti himaniiru.
Hidhattoonni WBO aanolee godina Wallagga Lixaa akka Qilxuu Kaarraa, Lataa Sibuu, Laaloo Assaabii, Najjoo fi naannoo isaatti humna waraanaa mootummaa waliin walitti dhukaasaa akka turan BBC’n odeeffateera.
Dilbata darbes magaalaa guddoo Lixa Oromiyaa keessa jirtu keessaa tokko kan taate magaalaa Naqamtee galuun dhukaasni cimaa dhagahamaa akka ture jiraattonni BBC himun ni yaadatama.