Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp mootummaa fonqolchuuf yaaluutiin himatame
Pirezidaantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp jeequmsa Kaapitool bara darbeetiin ''yaalii fonqolchuu taasisee'' ture jedhe dhaddachi dhimma Kongrasii ilaalu.
Dhaddachi kun kana kan jedhe himata kanaan walqabatee yeroo jalqabaatiif dhagahuu wayita eegaleetti.
Ittaantuu dura-teessuun koree warra Riippablikaan Liiz Cheeney, ''ibidda haleellaa sanaa kan qabsiise" Tiraamp jette.
Beenii Tomipsan garee Dimokiraatootaa irra ammoo jeequmsichi dimokiraasii Ameerikaa kan balaa irra busee ture jedhan.
Deeggartoonni Tiraamp Amajjii 6, 2021 osoo miseensoonni mana-maree injifannoo Joo Baayidan mirkanneessuuf walgahii taa'aa jiranuu Kongirasiitti ol-seenuun hokkara kaasuun isaanii ni yaadatama.
Koreen Bakka bu'oota mana mrichaa Ameerikaa Dimokiraatotaan durfames erga gara waggaa tokkootiif dhimmicha qorataa turee, Waxabajjii 9, 2022 waraabbiiwwan sagalee namoota Tiraampitti dhiyaatan waliin taasisan dhageessisuun eegale.
Warrabbii suur-sagalee kunneenis Abbaa Alangaa waliigalaa Ameerikaa duraanii Biil Baariidhaan dhiyeeffame sun, himannaan pirezidaantiin duraan filannoon hatameera jedhu bu'aa hin qabu jedhe.
''Addunyaa bulchiinsi aanga'aa ilaalcha mataasaa qabaachuun, garuu ragaa addaatiin hin deegaramneen filannoon dogongoraara jedhu keessa jriaachuu hin dandeenyu,'' jedhan abaan alangaa waliigalaa duraanii.
Akkasumas, dhaddachi waraabbii sagalee intala Tiraamp Ivaankaa Tiraamp osoo isheen, Mr Baar shira abbaa ishee diduu ''nan fudhadha'' yoo jettu dhagahameera.
Kamisa osoo dhaddachi dhimmicha dhaggeeffatu hin eegalamiin dhuras, ji'a darbe keessaa dhaddachi jaha gaafatamulleen, Aab Tiraamp 'shira Siyaasaa' jechuun kufiisee ture.
Tiraamp ifatti irra deebiin bara 2024 Waayit Hawusiif akka dorgomu dubbatee ture. Filannoon darbee filatootta sobaa baayyeen kan guutame jechuun himannaa qabatamaa hin taanee dhiyeessuu itti fufe.
Mr Tompison dura-ta'aan koorichaafi bakka bu'aan Misisippii akka dhaddachatti himanitti, ''Waxabajjiin 6, 2021 sun akka battaluma hokkorichi mudateetti barreessaan tokko akka barreesseetti, gochaa yaalii fonqolchaati. ''Hokkarri sun kan akka tasaa umamee miti. Innis ejjannoo dhumaa Tiraamp ture''.
Ms Cheney gama isheetiin, ''Kanneen Kaappitool keessa seenuun miseensoota mana marichaa miidhan kanneen Tiraampiin akka raawwataniif itti-himameedha. Innis filannoon hatameera kanaafu isatu pirezidaantii sirriidha jedhee itti himeeti'' jetti.
''Pirezidaanti Tiraamp okkooricha kakaasuun, walitti qabuufi ibidda haleelaa kanaa kan qabsiiseedha.''