Obbo Taayyee Danda'aa humnoota 'farreen nageenyaa' deeggara jedhamuun himataman

Deetaa Ministeera Nageenyaa duraanii Itoophiyaa Obbo Taayyee Danda’aa humnoota "farreen nageenyaati" jedhaman deeggaruu, meeshaalee waraanaa seeraan alaa qabachuun mana murtii olaanaa federaalaa ramaddii Araadaa dhaddacha yakkoota heerafi sirna heeraa ilaalutti himataman.

Miidiyaan biyya keessaa FBCn akka gabaasetti, Ministeera Haqaatti abbaa alangaan daarektoretii yakkoota daangaa qaxxaamuranii himata sadii Obbo Taayyee Danda’aarratti dhiyeesse.

Obbo Taayyeen abukaatota isaanii afur wajjiin dhaddachatti dhiyaatanii himata irratti dhiyaate dhaggeeffataniiru.

Obbo Taayyeen ergaa farreen nageenyaati jedhaman miidiyaa hawaasaarratti maxxansuun, holola tamsaasuun himatamuus gabaase miidiyichi.

Kana malees eeyyama malee kilaashiinkoovii tokko, kaartaa lama, rasaasa 60 wajjin mana isaanii keessa sakatta’insa taasifameen argamuun himameera.

Obboo Taayyee Danda’aa himata irratti dhiyaate erga dhaggeefatanii booda karaa abukaatootasaanii mirgi wabii akka eegamuuf gaafatan.

Mirga wabii eeguurratti falmiin dhiyaateera.

Manni murtichaa murtoo kennuuf manni murtii ALI Ebla 24, 2016tti beellameera.

Obbo Taayyeen fuula Feesbuukii isaaniirratti bulchiinsa Paartii biyya bulchaa jiruu qeeqaa kan turan yoo ta’u, MM Abiy Ahimed ''waan dubbatan jiraachaa hin jiran'' jechuunis barreessani ture.

Obbo Taayyee Danda'aa hidhattoota ABO-WBO yeroo dheeraaf mormaa fi qabsoo hidhannoo akka dhaaban dubbachaa turan.

Marii Taanzaaniyaa magaalaa Daaresalaamitti gaggeeffamerratti araarri akka hin milkoofne kan godhe ''mootummaa anumti keessa jiru'' jechuun wayita mariitti waraanni hammaachuu hin qabu ture jechuunis mootummaa qeeqaa turan.

Dabalataanis, ajjeechaa namoota nagaa irratti naannoo Oromiyaa keessatti yeroo adda addaa raawatuuf humnoota nageenyaa mootummaatti quba qabaa turuunsaanii ni yaadatama.

Ibsi waloo Humna Nageenyaa fi Tasgabbii Biyyaalessaa ammoo osoo aangoo mootummaa guddaarra jiranii mootummaa qeeqanis hordoffii taasifameen ofumaa finxaalessitoota waliin hojjechaa turan jechuun ibse.

Obbo Tayyee Danda'aa aangoo irraa kaafamuu isaanii hordofee BBCtti akka himanitti, MM Abiy ''waan kitaaba isaanii Ida'amuu keessatti barreessan hojiirra oolchaa hin jiran'' jechuun qeeqan.

Malaammaltummaan biyyicha keessatti sarara diimaa tahuu hafee afata diimaa taheera kan jedhanii turan Obbo Taayyeen biyyicha keessatti araarri dhufuu qaba, wal dhabdee jiru karaa nagaa hiikamuu qaba jechuun BBCtti himanii turan.

Obbo Taayyeen eenyu ?

Obbo Taayyeen mootummaa garagaraa keessattis shororkeessummaafi mootummaa kuffisuuf yaaluun deddeebiin himatamanii murtiin irratti darbeera. Isaan garuu himannaa kanneen ni mormu.

Waggoota 20 keessa umurii isaanii keessaa nuusa(1/4ffaa) mana hidhaatti dabarsan.

Obbo Taayyeen Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuutti ALI Bara 1970 dhalatan.

“Taayyeen yeroo ijoollummaatti nama rakkoo keessatti guddatteedha,’’ jedhu obboleessi isaanii maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan.

“Nama gargaaruu gubbaatti nama duubatti hin deebine tahuusaa beekna, keessumaa waan rakkoo namoota irra gahuf maaliif jedhee maatii keessattillee falmaa ture.’’

Obboleessi isaanii kun Obbo Taayyee yoo ibsan, ''nama dhugaaf bakka guddaa qabu,’’ jechuun waan barbaadan galmaan gahuuf nama dhamahan akka ta’an himu.

Obbo Taayyeen waa’ee isaanii kana dura BBC’tti yoo himan, ''Warri kiyya beeki, baay’ee rakkinaan na barsiisan,'' jedhan.

Obboleessi isaaniis kana mirkaneessu. ''Waliigala nama rakkoo keessatti guddate Taayyeen, ilma qote-bulaa [qonnaan-bulaa] waan taheef.’’

Taayyeen akka barattoota bara isaanii jiran baay’eetti siyaasa keessa qooda kan fudhachuu eegalan barataa barnoota sadarkaa 2ffaa yeroo turanittidha.