Sirreeffamtoonni mana hidhaa Maqalee guddicha keessaa miliquuf yaalan afur ajjeefaman

Madda suuraa, TIGRAI TELEVISION
Naannoo Tigraayitti sirreeffamtoonni mana hidhaa guddicha Magaala Maqaleetti argamu keessaa miliquuf yaalan afur humnoota nageenyaatiin ajjeeffamuu TVn naannichaa gabaase.
Gaafa Samabata, Sadaasa 8, 2023 galgala keessa sirreeffamtoonni 125 ta’an miseensa poolisii ‘‘abbaa dabaree waardiiyaya turan reebuudhaan’’ miliquudhaaf yaalii taasisanii akka turan hime gabaasni miidiyaa naannichaa.
Mana hidhaa guddicha magaalichaa Maqalee Zoon jedhamun beekamutti waardiyyootaafi hidhamtoota jidduutti walitti bu’insi uumamuu miidyaa hawaasaa gubbaatti qoodamaa ture.
Galgala guyyaa Sambataa naannoo sa’aatii 11:30 ta’utti poolisoota gara 20 ta’an irratti haleellaa banamuufi karra gamoowwan cabsanii miliquudhaaf yaaliin taasifamee akka ture TV Tigraay Qindeessaa Mana Sirreessaa Koomaandar Amaanu’el Fisihaa waabii godhachuun gabaaseera.
Sirreeffamtoonnis kutaa nyaanni itti qophaa’u keessa albee fudhachuudhaan poolisootarraan miidhaa qaqabsiisuun miliquuf yaalan illeen, sirreeffamtoonni 112 kan ta’an to’annoo jala oolfamuun gabaafameera.
‘‘Tarkaanfii sirreeffamtoonni akka hin miliqne gochuuf taasifameen lubbuun namoota afur darbeera’’ jedhan qindeessaan mana sirreessaa kanaa. Kana maleessa sirreeffamtoonni bilbila harkaas fudhatanii akka turan ibsameera.
Hidhamtoota miliquudhaaf yaalii taasisaniiru jiedhaman jidduutti walitti bu’insi guyyaa Dilabataalleen itti fufee akka ture TVn naannichaa gabaaseera.
Sirreefamtoota miliquudhaaf yaalan keessaa 112 deebiisanii to’annaa jala oolfamunsaanii ibsamulleen, kanneen miliqan jiraachu ilaalichisee garu wanti jedhame hin jiru.
Sirreeffamtoonni kunneen akak hin miliqne gochuudhaaf yaalii taasifmeen miseensoota nageneyaa afur irra miidhaa cimaan yoo irra gahu, sadan isaanii ammo miidhaa salphaan irra gahu buufatichi dabalun gabaaseera.
Naannoo Tiraayitti waraanaa cimaa wagga lamaaf gaggeeffame hordofuun naannichatti bakkeewwan garaa garaatti gochaawwan yakkaa babal’achuun gabaafamaa jira.
Saamichi hidhannoon deeggarameefi gochaan ajjeechaa naannichatti sadarkaa yaaddeessaa irra gahu jiraattoonni BBCtti himaniiru.
Naannichatti Pirezidantiin Bulchiinsa yeroo Obbo geetaachoo Raddaa nbaatiiwwan muraasaan dura ‘‘manneen hidhaa dhunfaa’’ mootummaan naannoo hin beekne dabalate, gochaan hannaa baayyachu dubbatanii ture.












