Godaantota gara Ispeen otoo imalanii achi buuteen dhabame keessaa 86 argaman

Doonii galaanarra jiru

Madda suuraa, SALVAMENTO MARITIMO/FACEBOOK

Eegduun karra galaanaa Ispeen godaantota bidiruu isaanii wajjin achi buuteen dhabame 86 argachuu himeera.

Bidiruun Odola Keneerii irraa gara kibba-lixaan km130 fagaattee argamte kunis namoota Afrikaa Sahaaraan gadii kan feetee turte dha.

Eegdonni karra galaanaa doonii meeshaa fayyadaman, bidiruu baqattootaa wajjiin gara odola Giraan Kanaariyaatti adeemaa jiru.

Bidiruuwwan lama kan namoota muraasa hin jedhamne qabatan ammallee achi buuteen isaanii hin baramne.

Gareen deeggarsaa Walking Borders BBCtti akka himetti bidiruun tokko namoota 65 kaan immoo 60 fe'aniiru.

Bidiruun namoota 200 feete Kaafoontiin, Senegaal irraa Waxabajjii 27 ture gara Odola Keneeriitti imala kan jalqabde.

Kanneen amma baraaraman keessaa 80 dhiirota yoo tahan ja'a immoo dubartoota dha.

Kanneen bidiruun feetee turte hundi baraaramuu isaaniif garuu waan beekame hin jiru.

Oduun kuni dooniin godaantota humnaa ol baattee galaana Meditaraaniyaanii, naannoo qarqara galaanaa Giriikitti dhidhimuun torbanoota booda dhagahame.

Balaa galaana Meditaraaniyaanii irratti qaqqabeen namoonni 78 liqimfamuufi kanneen 500 tahan immoo achi buuteen isaanii akka hin baramne UN gabaaseera.

Imalli Lixaa Afrikaa irraa gara Odola Keneerii taasifamu balaafamaa dha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kunis godaantonni bidiruu xixiqqoo qurxummii kiyyeessuuf oolu fayyadamuu isaanii qofa osoo hin taane, dambaliin cimaa galaana Atilaantiik irraa ka'u waan jiruufi.

Bara darbe godaantonni 556 odolawwan Ispeen gahuuf otoo yaalanii du'uu UN'tti dhabbanni dhimma godaantotaa- IOM gabaaseera.

Akka IOM jedhutti lakkoofsi godaantota lixa Afrikaa irraa ka'anii baratamaa kan hin taaneefi dooniin achii ka'e balaan irra gahuunis badaa kan gabaafamu miti.

Yeroo bayyee godaantonni Morokoo, Maalii, Senegaal, Ayivoorii Koost ykn biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadiitii kan ka'aniidha jedheera.

Akka IOM Ministeera Biyya Keessaa Ispeen waabeffachuun ibsetti namootni 15,682 tahan bara 2022 Odola Keneerii gahaniiru, lakkoofsi kuni kan bara 2021 irra harka 30'n hir'iseera.

''Lakkoofsi godaantotaa karaa kana fayyadaman waggaa irraa waggaatti hir'isaa adeemus, bara 2020 irraa qabee godaantonni lakkoofsa guddaa qaban ammallee karuma kanarra adeemu,'' jedha IOM.