Intalli Kim Jong Un aangoo abbaashii dhaalti jedhamee yaadamu eenyu?

Akka ejensiin Basaasaa warra Kooriyaa Kibbaa (NIS) jedhutti, intalli pirezedaantii Kooriyaa Kaabaa, Kim Jong Un, dhaaltuu aangoo abbaashii ta’uuf caarraa bal’aa qabdi.

Dursaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un, waa’ee maatiisaa odeeffaannoon jiru iccitiidhaan kan qabamu waan ta’eef, waa’ee isaanii wanti beekamu baayyee xxiqqoodha.

Kan biraa hafee haadha warraa isaanii Ri Sol Ju, mataanshii erga walfuudhanii hanga bara 2012tti, ifatti baatee hin beekamtu. Miidiyaan Kooriyaa Kibbaa akka gabaasetti, Kim fi haati warraa isaa bara 2009 walfuudhanii bara 2010 mucaa godhatan.

Haati warraa ishaa kun haadha intala isaa kan amma gonfoo abaashii dhaalti jedhamtee yaadamtu kanaati.

Intalli Pirezedaantichaa yeroo jalqabaaf uummatatti kan baate bara 2013 yeroo taphataan kubbaa Ameerikaa, Dennis Rodman imala falmisiisaa gara Kooriyaa Kaabaatti taasisee turetti.

Rodman yeroo daawwannaa isaa Kooriyaa Kaabaa sanatti maatii pirezedaant Kim waliin yeroo dabarsuu fi mucaa isaanii xiqqoo kan Ju Ae jedhamtu hammatee baachuu ibsee ture.

Yunvarsiitii Kookmiinitti siyaasa Kooriyaa Kaabaa kan qoratan Fyodor Tertitskiy, yeroo sanatti midiyaaleen Kooriyaa Kaabaalleen maqaa fi umurii intalasaanii kana osoo hin ibsin pirezedaantichi intala qabaachuu beekamtii kennanii ture jedhan.

“Waa’ee maatii pirezedaantichaa ummatatti wanti beekamu hin jiru” kan jedhan qoratan kun, umuriin intala pirezedaantichaa waggaa sagalii fi kudhan gidduu akka taatu tilmaamu.

Bara darbe ammoo waa’ee intala pirezedaantichaa ibsa kan kenne dhaabbanni basaasaa Kooriyaa Kibbaa NIS'n, intalli pirezedaantichaa mana barumsaa idilee osoo hin seenne manumatti barsiifamaa akka jirtu hime.

Kana malees farda gulufsiisuu, bishaan daakuu akka jaalattus himan. Farda gulufsiisuu ishee kana abbaanshees akka jaalateef kanneen ibsa kana hordofan ni himu.

Dhaabbanni basaasaa kun akka jedhutti, intalli pirezedaantichaa obboleessa hangafaa fi ijoollee firaa isheedhaa gadi kan umuriin isaanii hin beekamnes qabdi. Jarri kun garuu takkaa ummatatti mul’atanii hin beekan.

Ummatatti mul’achuu…

Intalli pirezedaantichaa, Kim Ju Ae ifatti uummatatti kan mul’atte bara 2022 yeroo shaakala misaa’elaa biyyi isaanii taasifte abbaashii cinaa teesseeti. Ergasii yeroo adda addaatti abbaashii waliin uummatatti mul’atteeti.

Caamsaa 1, yeroo biyyattiin ayyaana bara haaraa kabajju istaadiyeemii keessatti abbaashee waliin madii yeroo waldhungatanis mul’atee ture.

Gurraandhala bara 2023 ammoo, mootummaan Kooriyaa Kaabaa lammiin biyyattii biraa maqaa Kim Jun Ae qabu jiraannaan maqaasaa akka jijjiiru ajajni darbuu raadiyoon Free Asia jedhamu Gabaasee ture.

Kana malees, maqaanshee yeroo waamamu ‘Jaalatamtuu’ kan jedhuun osoo hin taane ‘kabajamtuu’ kan jedhuun akka jalqabu murtaa’eera. Kunis kan mul’isu aangoof carraa qabaachuu akeekuuf.

Abaanshiis yeroo waa’een aangoo qabachuu isaa mirkana ta’uun baramutti maqaan kabajaa ‘kabajamaa’ jedhu dursarra akka dhufu murtaa’efii ture.

Carraa gonfoo dhaaluu

Kooriyaan Kibbaa biyya iccitooftuudha. Addunyaa biraatiif intalli pirezedaantichaa maaliif yeroo hedduu irra deddeebiin abbaashii waliin akka mul’aattu ifa miti.

Lammiileen Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un aangoo dhaalan itti fufsiisuu kan jedhu ni beeku. Amma intalasaanii kana irra deddeebiin kan mul’isanii fi uummanni akka baru gochaa kan jiranis intaalli isaanii kun aangoo abbaashii dhaaluuf karoora jedhu akeekuuf akka ta’e ni hubatu.

Dhaalli gonfoo kuni dhiheenyattimmoo fagoodha kan jedhu beekamuu baatulleen waa’een fayyumma pirezedaantichaa akki odeeffamu yaaddessaa ta’uusaaf dhihootti ta’uu mala kan jedhu madaala kaasa.

Yunvarsiitii Oxfordtti barsiisaa siyaasaa kan ta’an Edwards Howell, “ Bulchitoota Kooriyaa Kaabaa duraanii Kim Jon II fi Kim II Sung gahee abbummaa fi haadhummaa bulchitoonni qaban irratti holoola hedduu ture” jedhan.

Ammas adeemsi kun itti fufee jennaan pirezedaantichi intalasaanii kana waliin ija ummataa duratti qabatanii mul’achuu baayisu jedhan.

Kooriyaan Kaabaa erga of dandeessee bara 1948 asitti, miseensotuma hidda dhiigaa Kim qabanii fi dhiiroota ta’aniin bulaa turte. Kim Ju Ae amma abbaashii dhaaltee aangoo qabannaan pirezedaantii Kooriyaa Kaabaatti dubartii jalqabaa taati.

“Kooriyaa Kaabaa bulchuuf hiddi dhiigaa warra Kim qabaachuun murteessaadha. Dubartii yoo taates nama hidda dhiigaa warra Kim hin qabnerra filatamaadha,” jedhan Howell.

Intala pirezedaantichaa kanaan alattis Bitootessa bara 2014 ummatatti kan mul’atte obboleettiin Pirezedaant Kim Jong Un, Kim Yo Jong carraa dhaala gonfoo pirezedaantummaa kana nama argachuu maltutti shakkama.

“Isheen Kim Ju Ae caalaa guddoo fi siyaasa Kooriyaa kaabaas sirritti beekti muuxannoos qabdi. Kanas ta’e sana, obboleettiis ta’e intalli , Kooriyaa Kaabaatti garuu hidda dhiigaa warra Kim qabaachun dirqamuma,” jedhu Howell.

Dhaabbanni basaasaa Kooriyaa Kibbaa NIS'n akka jedhutti ammoo, Kooriyaan Kaabaa carraawwan jiran hunda ilaalaa jirti. Waan baayyeetu ilaalama waan ta’eef jedha.

Fyodor Tertitskiy ammoo Kim Jong Un amma intala isaanii kana mumul’isuu kan jalqaban dhaala gofoo itti aanu kanarratti waan ummanni jedhu ittiin ilaaluuf akka ta’e himu.

“Yaa jennuutii, osoo inni du’e, umuriima abbaansaa du’e 70tti osoo du’ee kunis bara 2054 ta’a. Osuma sirni mootummaa Kooriyaa Kaabaa kun dandamatee achi gaheeyyuu hawaaasni yeroo sanaa akka hawaasa amma jiruu kana ta’uu dhiisuu mala,” jedhan.

“Kana malees, walqixxummaa koorniyaa fudhachuuniifi bulchiinsa dubartii fudhachuu gidduu garaagarummaan jiraachuu beekuunis murteessaadha,” jechuun itti dabalu.