'Naa game!' - Bakka hojii, gaa'elaafi kaanitti akkamiin of baraarru?

Dubartii yaaddofte

Madda suuraa, Getty Images

Jaalallee* dhiphina keessa galteetti. Bakka hojiitti hogganaan ishee baay'ee ishee sodaachisa.

Kan dhamaatu, kan yeroo dheeraa teessee hojjettummoo isheedha. Garuu, hojjetteemmoo kan galata hin qabne ishiidha.

Isa qofaa miti tura keessa ija laafte, ofitti amanamuummaa ishee dhabdee gargaarsa nu gaafatte.

Seenaa kana BBC'tti kan himan ogeessa xiinsammuu kan ta'an Obbo Sisaay Tufaadha.

Bakka hojii, gaa'ela keessa, mana barumsaa, jireenya hawaasummaa, hiriyyoota gidduuttiifi kaanitti mudhukuun mudachuu danda'a.

Mudhukuun yookiin jecha Afaan Ingiliziin 'burn out' bakka bu'uu mala. Eessattuu, nama kamiirrayyuu mudachuu danda'a jedhu ogeessi.

Mudhukuun maali?

Muuxannoo wagga kudhanii ol kan qaban Obbo Sisaay, dhimma tokkoorratti baay'uma dadhabuun, mukaa'uun, nuffuun maal akka ta'e ibsu.

''Wanta tokko irra deddeebiidhaan godhuudhaan, tokkoffaa irra deddeebiin sun dadhabsiisaa yoo ta'e, fedhii dhaan ala kan godhamu yoo ta'e ifannaa nutti uumu jechuudha.

''Miira keenyaaf wanta hin mijanne, wanta nutti hin oolle tokko yoo nurratti uumu achi keessatti dhiphachuun kan nutti dhagahamu yoo ta'e namni tokko sadarkaa 'burnout' jedhamurra gahee jira jechuudha,'' jechuun ibsu.

Wanti kuni dhimma fayyaa sammuun akka walqabatu dubbatu.

''Dhimma xiinsammuuti. Kallattiidhumaan sammuu keenyaan, miiraafi yaada keenyaan kan walqabatu,'' jechuun dubbatu.

Mallattoowwan tuffatamuu hin qabne

Hojiif kaka'umsa dhabuu, waan tokkoorratti xiyyeeffachuu dhabuu, sirriitti yaaduu dadhabuu, dagachuu baay'isuu, akka malee dadhabuufi kaan mallattoo mudhukuudha.

Mallattoowwan kanneen inuma agarra garuu yeroo baay'ee bira dabarra. Isaan dagachuun garuu booda keessa rakkoo guddaatti nu geessa jedhu ogeeyyiin.

Bal'inaan eenyutu miidhama?

Yeroo hunda waanuma walfakkaatu, haaluma wal fakkaatu keessa yeroo dheeraaf yoo kan hojjennu ta'e waan akkanaaf saaxilamuu dandeenya jedhu.

''Fakkenyaaf konkolaachisaa ta'uu danda'a, waajjira keessa nama qacaramee hojiidhuma tokko qofa yeroo dheeraadhaaf hojjetu ta'uu danda'a.

''Warshaa keessa nama hojjetu[s] ta'uu danda'a,'' jechuun namoota sammuun isaanii waan biraa akka hin yaadne carraa dhabanirraa mudata jedhan.

''Harka guddaammoo bakka namoonni yaadaan sitti dhufan, tajaajilaan sitti dhufan guyyuma guyyaatti akkasitti kan tajaajiltu yoo ta'e nama nuffisiisa mitiire wanta tokkoorratti akkanumaan turuun.

''Irra deddeebichimmoo ennaa kan baay'atu ta'e namni suni yaadni inni ofiif qabu, yaadni inni wanta tajaajiluuf sani qabuus haaluma saniin jalaa badaa deemuu danda'a'' jechuun gorsu.

'Ammawoo naa game'

Namoonni yeroo garagaraatti miira keessa jiran yoo ibsan ''Inuma naa game. Inuman dadhabe,'' jedhu.

Namoonni akkana jechuu eegalan jechuun sadarkaa to'achuu hin dandeenyeerra gahan jechuudha jedhu oogeessi.

''Sadarkaa naa gamte jedhurra geese jechuun wanti suni humna keetii ol ta'e, sadarkaa ati to'achuu hin dandeenyerraan si gahee jira jechuudha.''

Dargaggoo ijibbaate

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namni sadarkaa kanarra gahemmoo ''boqonnaa fudhachuutu isa barbaachisa. Qaamnikoo dadhabee jira, humnakoo fixadhee jira.

''Kanaa ol hin danda'u sadarkaa si jechisiisu si gahe jechuun wanti suni hangam takka jireenya kee keessatti akka sitti ulfaate sitti himaa jira.

''Qamnikee, sammuun kee sitti himaa jira, ergaa siif dabarsaa jira. Mukaa'uun yeroo dheeraa keessa deddeebi'ee kan namatti dhufu malee al tokko kan uumamu miti,'' jedhu Obbo Sisaay.

Namoonni miira kana keessa jiran ''waanuma xiqqoon sinitti dallanuu, siin loluu, sitti iyyuu danda'u.''

Waan akkanaa yoo ofirratti agarre of shakkuu, of dhagahuu qabna jedhu ogeessi.

Hojiin xiqqaateefi guddateef osoo hin taane waan irra deddeebiin ta'urraa kan ka'e ta'uufi bakka hojiittis, mana ofiittis, hawaasummaa keessattis mudata jedhu.

Namoonni haala kana keessa turan baay'ee gara isaanii akka dhufan himu Obbo Sisaay.

Akka fakkeenyaatti dubartiin duratti seenaa ishee qoodne ''Tokkoffaa dhiibbaa hogganaa isheen ofitti amanamummaa ishee dhabdee jirti.

''Lammaffaa hojicha haala saniin irra turuun ishee akka nuffitu ishii godhee jira.

''Sadaffaa immoo nama fuldura ejjetteetoo akka hin dubbanne yeroo baay'ee ceephoodhaan gadi qabanii turan,'' jedhu.

Maal gochuutu gorfama?

Dhimmi kuni dhimma laayyoo miti.

''Yoo sadarkaan isaa ol guddachaa deeme dhukkubaaf nama saaxilu danda'a. Dhukkuba sammuudhaan wal qabatan hedduu isaaniitiif nama saaxiluu danda'a,'' jechuun dubbatu.

Sababa kanaaf, namoonni waan kana ofirra akka ilaaluu hin qabne gorsu.

''Inni duraa yeroo baay'ee ogeessa xiin sammuu bira akka adeemnu kan gorfamu.

''Inni lammaffaa hiriyyaa nuti amannu, maatii keenyas ta'uu danda'a,'' akkasumas abbootii amantaatti akka dubbannu gorfama jedhan.

Namni tokko haala maalis keessa haa jiraatu miirri akkanaa ''yeroo hundaa'' yoo namatti dhagahama ta'e ''dafee boqonnaa fudhachuu qaba, of kunuunsuutti deebi'uu qaba'' jedhu.

Keessumaa ammo miira sana keessaa bahuuf namni hangam namaaf akka barbaachisaa ta'e ibsu.

''Kanaaf namni yeroo hundayyuu of suphuu, of kunuunsuu qaba. Wantoota qaama, miira isaatiif mijataa ta'an ofiif gochuu qaba.''

*Jaalalleen maqaa sirrii osoo hin taane nuti moggaafnedha.