Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dr. Maahilet dabalatee hakimoonni hedduun marii Ministeera Fayyaa waliin booda hiikaman- Abukaatoo
Ogeeyyiin fayyaa torbaan sadii oliif hidhaarra turan Waxabajjii 11 galgala Ministeera Fayyaa waliin erga mari'atanii booda akka hiikaman, Manneen Murtii Federaalaa Kamittuu gorsaa seeraa fi abukaatoo kan ta'an Jambar Abdoo BBC'tti himan.
Haati daa'ima ganna tokkoofi ji'a jahaa irraa kan hidhamte Dr. Maahilet Guushis har'a hiikamuu miseensi maatii BBC'f mirkaneessaniiru.
Sochii ogeeyyiin fayyaa taasisaa turaniin hordofee kutaalee biyyattii gara garaa keessatti Pirezidantii Waldaa Ogogeeyyii Fayyaa Itoophiyaa dabalatee ogeeyyiin hedduun hidhamaa turaniiru.
Naannolee akka Amaaraa fi Oromiyaa keessatti ogeeyyiin fayyaa hidhaman kan gadhiifaman yoo ta'u, ogeeyyiin Finfinneetti hidhaman ammoo "jeequmsaaf hokkora" kaasuun shakkaman jedhirratti ammoo poolisiin qorannaa taasisaa turuun kan yaadatamudha.
Ogeeyyiin fayyaa himanni irratti hin banamne garuu ammoo qorannaarra turan kan beellamaan dhaddachatti dhiyaachaa turuu kaasuun, mirgi wabii isaanii akka eegamuuf gaafachaa turuu dubbatu.
Ogeeyyiin fayyaa adeemsa qorannaarra turan keessaa ogeeyyii 11 kan galmee Dr. Habtaamuu Mankir-faa jalatti himatamaniif nbamni abukaatoo turan kun, "mirgi wabii isaanii akka eegamuuf Waxabajjii 11 Mana Murtii Olaanaa Federaalaa gaafannee adeemsarra otoo jirruutii Ministeera Fayyaa fi ogeeyyii fayyaa gidduutti waliigaltee taasifameen baay'een isaanii hiikamuu danda'aniiru.
Galgala [Waxabajjii 11] geejjiba mootummaan qopheesseen gara manasaanii kan deeman jiru.
Ogeeyyiin naannawaa jahaa ta'an ammoo kan gara manasaanii hin deemne jiru. Maaliif akka bulan qulqulleesinee kan barru ta'a.
Odeeffannoon qabuun garuu hunduu hiikamanii gara hojiitti akka deebi'an, gaaffileen isaaniis akka deebi'uuf walhubannaarra gahameera" jechuun BBC'tti himaniiru abukaatoon kun.
Ogeeyyii fayyaa kudha tokko galmee Dr. Mankir jalatti himataam keessaa "hundi isaanii hiidhaarraa gadhiifamuun ispeeshaalistii lafee kan ta'e Dr. Nabiyyuu Eeliyaas garuu ammallee akka hin baane" ibsu abukaatoon kun.
Ogeeyyiin fayyaa hidhaarraa hin hiikamne maaliif akka hin hiikamne akka hin barre kan kaasu abukaatoon kun, "waliigalteerra kan gahame garuu hunduu akka hiikamanidha" jechuun dubbatu.
Waliigalaan ogeeyyiin fayyaa naannawaa jahaa ta'an hidhaarra akka hin hiikamne kan himu abukaatoon kun, "har'a [Waxabajjii 12] ni bahu abdii" jedhu qabaachuu himu.
"Ogeeyyii fayyaa Komishinii Poolisii Finfinneetti hidhaman [keessaa] hunduu yoo bahan, jaha qofatu hafe" jechuun ibsu abukaatoon kun.
Dr. Maahileet dabalatee ogeeyyiin fayyaa saddet kan galmee Dr. Saamu'eel Hayiluu jalatti himatamuun beellamarra turan keessaas ogeeyyii muraasaan ala kaan hiikamuu BBC'n mirkaneeffateera.
Gama Ministeera Fayyaatiin [ogeeyyiin fayyaa] hunduu hidhaarraa akka hiikamaniif waan waliigalameef, [ogeeyyiin hafanis] har'a ni bahu jennee abdanna" jedhu gorsaan seeraa Jambar.
"Dr. Nabiyyuu Eeliyaas har'a waaree booda" beellama mana murtii qabaachuu kan kaasan abukaatoon kun, "ni hiikamu jennee abdanna, yoo hin hiikaman ta'e garuu adeemsa seeraatiin" akka itti deeman dubbatu.
Dr. Nabiyyuudhaaf ol iyyaannoos gaafaatanii akka turan kan kaasan abukaatoon kun, "sababni seeraa mirga wabii dhorkisiisuu danda'u tokko waan jirreef, ol iyyaannoodhaanis ni baha jennee abdanna" jechuun ibsu.
"Dhimmoota xiyyeeffaannoon mootumma irra jiran irratti otoo sababa seeraa tokko hin qabaatiin mirga wabii dhorkuun ni mul'ata" kan jedhan abukaatoon kun dhimma kamirrattuu "manneen murtii keenya otoo walaba ta'anii" jechuun waan adeemsa kanarratti taajjaban dubbatu.
Galmee ogeeyyii fayyaa kudha tokko kan abukaatoon kun dhaabataniif irratti, "qorannaa dabalataa jedhamaa mirga wabii dhorkuun beellama afurtu fudhatame. Sababni seeraa mirga wabii dhorkisiisu hin jiru jechuun haalaan falaminee [turre].
Dhaddachis sababni mirga wabii dhorkisiisu akka hin jirre hubatus dhimma mootummaan xiyyeeffannoo itti kenne ta'uusaatiin qofa mirga wabii dhorkaa ture. Walaba ta'uun [murteessuurra] miira mootummaa dhaggeeffachuutu mul'ata.
Beellama jalqabaatiin ala waanti mirga wabii isaanii dhorkisiisuu danda'u tokko" akka hin dhiyaanne kan kaasan abukaatoon kun, sirni haqaa walaba ta'e jiraachuun dirqama ta'uu dubbatu.
Gaaffilee ijoon 12 ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa akka mootummaan deebisuuf gaafatanis "akka seera idil-addunyaatti eegumsi kan gadhameefidha. Hojii dhaabuudhaan mirga ofii gaafachuun akka mirgaatti kan kaa'amedha.
Mirgoota akkasii qofa gaafachuudhaan [shakamee] eenyuyyuu hidhamuu ni danda'a; garuu bakka sababni seeraa tokko hin jirretti seeraan ala hidhamtee yeroo turtu miidhaan qabeenyaas ta'ee mooraalii sirra gaha.
Sirni [haqaa] miidhaa kanneeniif gaatii baasu ammoo hin jiru" jechuun ibsu abukaatoon kun.
Biyyoonni ollaa kan akka Keeniyaafaa sirna haqaa nama seeraan ala, yookaan adeemsa seeraa sirrii ta'een (due process of law) ala hidhamuun miidhaan qabeenyaa fi mooraalii namarra gahuuf gatii akka baasu ibsu.
Hojii abukaatummaa hiriyoota isaanii waliin ta'uun ogeeyyii fayyaatiif taasisaa turanis tolaan akka gargaaraa turan dubbatu gorsaan seeraa fi abukaatoon Jambar Abdoo.
Sochii ogeeyyiin fayyaa akka biyyaatti taasisaa jiraniin ogeeyyiin fayyaa hidhamuun, hakimoonni intarnii fi rezdantoonni dhaabbilee fayyaa barsiisan gara garaarraa hojii dhaaban ari'amuun kan yaadatamudha.
Dhaabbileen mirga namoomaa gara garaas hidhaa ogeeyyii fayyaa Itophiyaa irratti raawwatame mormuun haalduraa tokko malee hatattamaan akka gadhiifaman gaafachaa turan.
Poolisiin Federalaa ogeeyyii fayyaa 47 to'achuun qorachaa jiraachuu ibsa Caamsaa 23 baaseen beeksisee ture.
Akka ibsa Poolisii kanatti, ogeeyyonni to'ataman kanneen ''gaaffii mirgaa ogeeyyiin fayyaa kaasan dahoo godhachuudhaan, humnoota biyyatti keessatti jeequmsa uumuuf hojjetan waliin ta'uun, lagannaa hojii seeraan alaa gaggeessuun, damee fayyaa keessatti jeequmsa uumuun, lubbuu dhukkubsattootaa balaadhaaf saaxiluudhaan shakkamani."
Ogeeyyii fayyaa "humnoota farreen nageenyaa irraa ergama fudhachuun jeequmsaafi hokkora kaasuudhaan" shakkamuun qorannaarra turuu fi beellamaan Mana murtiittii deddeebi'uu erga eegalanii torbeen sadii darbeera.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa Caamsaa 21 baaseen, "lagannaan hojii dhaabbilee fayyaa keessatti taasifamaa jiru dhiittaa mirga namoomaatiif balbala akka hin banne xiyyeeffannoon kennamuu qaba" kan jedhe yoo ta'u, "furmaanni waaraan kennuufiin barbaachisaa" ta'uu himee ture.
Lagannaa hojii ogeeyyii fayyaatiin taasifamaa jiruun hospitaalota gara garaa keessatti hanqina ogeeyyii fayyaa irraa kan ka'e waldhaansi danqamuu ifoomsee ture ibsichi.
Lagannaa hojii hordofee "ogeeyyii fayyaa miidiyaalee hawaasaa irratti sochii taasisaniiru" jedhe poolisiin to'atamuu kaasuun, hala qabinsa mirga namoomaa ogeeyyii fayyaa to'annaa seeraa jala oolanii hordofaa jiraachuu himee ture ibsi Komishinichi baase.