Injifannoon Arsenaal "dorgommiin waancaa kilaboota sadan harkaa akka hin baane kan agarsiisedha"

Taphattoonni Arsenaal goolii Liiverpuul irratti lakkoofsisanii yeroo gammachuu ibsatanitti.

Madda suuraa, Reuters

Arsenaal Dilbata galgala Piriimer Liigii dursaa kan jiru Liiverpuuliin taphaan caalee mo'ateera. Arsenaal taphaanis carraa goolii uumuunis Liiverpuuliin caalee mo'ate.

Taphataa saarara duraasaa Gaabreel Jeesus miidhamaan dhabus Arsenaal sarara gidduutiin olaantummaa qabachuun Liiverpuul akka yeroo kaanii socho'uu dhorkaniiru.

Arsenaaliif Jorjiiniyoon sarara gidduu kana sirriitti to'atee ture. Tapha kanarrattis Jorjiiniyoon taphataa cimaa guyyichaa (Man of the match) jedhameera.

"Arsenaal abdii waancaa argachuuf qabu itti fufsiifachuuf mo'amuu hin qabu," jedha barreessaan kubbaa miilaa BBC Fiil Maakneletiin

Taphni Dilbata galgalaa Arsenaaliif mo'achuun hamilee dabalataa yoo ta'u, dorgommii waancaaf taasifamus caalaa hawwataa ta'ee akka itti fufu taasiseera.

Arsenaal tapha kana mo'ameera osoo ta'ee Liigicha dursaa kan jiru Liiverpuul qabxii 8 fagaatu ture. Mo'achuusaanii horodofee garuu amma qabxii Arsenaal caalamee jiru 2 qofatti dhiphateera.

Yeroo baayyee Liiverpuul Arsenaaliif kilaba rakkisaadha. Arsenaal yeroo darbe dirree Liiverpull irratti akka kaleessaa kana itti hin tolle ture.

Kaleessa garuu boqonnaa dura daqiiqaa 14 irratti goolii miidhagduu Bukaayyoo Saakaa lakkoofsiseen warri Gaaners dursa qabatan.

Taphni daqiiqaa 45 jalqabaa dhumachuuf wayita jedhutti garuu goolii tphataan sarara ittisaa Arsenaal Gabreel Magaalees dogoggoraan ofirratti lakkoofsiseen Liiverpuul walqixa ta'anii boqonnaaf bahan.

Boqonnaa booda garuu Arsenaal tapha bilchina qabuun goolii lama dabalatanii 3-1n Liiverpuul adabaniiru.

Goolii boqonnaan booda Arsenaaliif kan lakkoofsisan Gabreel Maartineel fi jijjiiramee kan gale Tiroosaard turan.

Leenjiisaan Arsenaal

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Boqonnaa booda Arsenaal qaawwa Liiverpul uumuu danda'u adamsachuuf wal koratanii kan galan fakkaata.

Taphattoonni Liiverpuul jijjiiramanii galan dhiibbaa Arsenaalirratti cimsuu malu kan jedhus shakkiin tureera.

Haata'u malee, Arsenaal haalaan gurmaa'anii akka galan kan agarsiise, saffisa Liiverpuul ittiin kubbaa qabatanii karra Arsenaalitti dhiyaatan dabaluurra hir'achaa deemuusaati.

Faallaa Arsenaal ammoo Liiverpuul sarara ittisaarratti dogogora uumaniiru. Fakkeenyaaf, dorggora taphataan sarara ittisaa Liiverpull Vandaayik karra eegaa saanii Aliisan uuman fayyadamuun Gabreel Maartineliin Arsenaaliif goolii lakkoofsisuun dursa akka qabatan taasiseera.

Goolii sadaffaa Tiroosaard galche ammoo miidhagina addaa kan qabduufi cimina taphataa kanaa kan mulliste turte. Arsenaaliif ammoo akka mo'atan kan mirkaneessiteefidha.

Arsenaal kaleessa mo'achuun isaa dorgommiin waancaan Piriimer Liigii kilaboota sadii gidduutti ta'uu kan agarsiisedha. Kunis, Arsenaal, Liiverpuuliifi Maanchester Siitii gidduutti ta'a jechuudha.

Kanaan olitti ammoo tapha bara dorgommii kanaa keessatti cimaafi eegamaa ta'e kilaba akka Liiverpuul mo'achuun Arsenaaliif hiika guddaa qabaata.

Miirri dirree Arsenaal, Emiretis keessa tures addadha. Qe'ee miila tokkoon dhaaban. Amballiin Arsenaal, Maartiin Odegaard akka addaatti gammachuusaa ibsataa ture.

Tapha booda Odegaard ogeessa kaameraa kilaba Arsenaal irraa kaameraa fudhatee suura yeroo kaasaa ture mul'ateera.

Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa ammoo haala kanaan dura adda ta'een gammachuusaa ibsateera.

Akkaataa leenjisaan Liiverpuul Yaargen Kiloop ittiin gammachuusaa ibsatu kaleessa Arteettaan dabalame. Sarara istaadeyeemii qabatee akkuma jabbii xalacootti burraaqe, Mikeel Arteettaan.

Waancaa akka fudhatu tilmaamni guddaan kan kennamuuf Maanchester Siitiin injifannoon Arsenaal kun gamachuu guddaa akka isaaniif uumu shakkiin hin jiru. Sababiin isaa Liiverpuul gatee deemaa jiru dhaabu waan ta'eefidha.

Kanaaf ta'uu hin oolu leenjisaan Liiverpuul dorgommii baranaa booda Liiverpuul nan gadhiisa jechuun karoora qabu gaafa dubbate, leenjisaan maanchester Siitii Peep Gaardiyoolaa 'ani isaan booda rafeen bula' jedhe.

Kana jechuun Yaargen Kiloop hirriba isa dhorkeera jechuudha. Kanaaf, Arsenaal Liiverpuuliin isaaniif mo'uunis gammachuusaaniiti.

Maanchester Siitiin taphoota alama isa hafan osoo qabuu qabxii 46 sassaabbatee sadarkaa sadaffaarra jira. Osoo taphoota lamaan isa hafan mo'atee ammoo qabxiin isaa 52 ta'ee Liiverpuul bira darbuun tokkoffaa ta'a jechuudha.

Taphataan Arsenaal Dekilaan Raayis bara kana baasii qaalii ta'e Paawondii miliyoona 105 bitamuu isaa sirrii akka ta'e mirkaneesseera. Gatii Arsenaal itti baase kun kan maluufidha. Raayis yeroo sirriitti bakka sirriitti yeroo hunda argama. Kaleessa Arsenaal sarara gidduu to'achuun qabxii barbaadan akka argatan kan taasise tokko gahee taphataa kanaati.

Gabreel Maartineelii goolii lakkoofsiseen alatti karaa qarqara bitaarraan taphichi akka ho'ee itti fufu taasiseera.

Kubbaa qabachuufi to'achuu, akkasumas saffisaan fudhatee ce'uudhaaf sochii Maartineliin taasisu miidhagina addaa qaba ture.

Tapha Pirimmer Liigii Dilbata tureen biraan Maanchester Yunaayitid, Weest Haamiin 3-0n mo'ateera. Goolii Maanchester Yunaayitidiif kan lakkoofsisan ammoo R. Hojiluund tokko, A. Gaarnaachoo ammoo lama gumaachaniiru.

Chelsiin ammoo Wolvisiin 4-2n mo'ameera.