Magaalaa Indiyaa nama dhabuun ona taate

Madda suuraa, ARUN CHANDRA BOSE
Addunyaa irratti Hindiin Chaayinaa baay’ina ummataan yeroo darbitu, kutaalee biyyattii tokko tokkotti dhala dhabuun sadarkaa bakka bu’iinsaa gadi bu’ee, godaansi maanguddoota qofa duubatti hambisuun rakkoon baay’ina ummataa mudateera.
Gaazexaan BBC Soutik Biswas gara magaalaa kutaa biyyaa Keeraalaa iddoo bu'aa hawaasa dulloomaa jiruun rakkachaa jiru Kumbanad imale.
Waggootaaf manneen barnootaa magaalaa Keeraalaa rakkoo hin baratamnetu isaan mudate: barattoonni muraasa waan ta’aniif barsiisonni isaan barbaaduuf bahuu qabu.
Akkasumas barattoota gara mana barumsichaa fiduuf kiisii isaanii keessaa kaffaluun dirqama.
Kumbanad keessatti manni barumsaa sadarkaa tokkoffaa mootummaa waggoota 150f jiru kan barattoota hanga waggaa 14 barsiisu barattoota 50 qofa qaba.
Baratoota bara 1980moota turan irra gara 700n gadi bu'eera.
Irra caalaan isaanii maatii harka qalleeyyii fi qarqara magaalattii jiraatan irraa kan dhufanidha.
Barattoota torba qofa kan qabu kutaan torbaffaa kutaa guddaadha
Bara 2016tti kutaan kun barattuu tokko qofa qaba ture.
Barattoota gahaa mana barumsichaa geessuun qormaata guddaadha.
Rikshaan (tuk-tuk) barattoota manaa gara mana barumsaa akka fide fi deebisu, barsiisonni isaa saddeet hunduu ji'a ji'aan qarshii 2,800 ($34) kanfalu.
Akkasumas manneen irra deemuun barattoota barbaadu.
Manneen barnootaa dhuunfaa muraasni naannoo sana jiran illee barsiisota erguun barattoota barbaadaa jiru - inni guddaan barattoota 70 qofa qaba.

Madda suuraa, ARUN CHANDRA BOSE
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Maal gochuu dandeenya? Magaalaa kana keessa ijoolleen hin jiran. Namoonni as jiraatan baay'ee xiqqaadha jechuu kooti," jetti dura teessun mana barumsichaa Jayadeevii R.
Dhugaa dubbatteetti. Kumbanad wiirtuu aanaa Pathanamthitta Keeraalaa bakka baay'inni ummataa hir'achaa fi dulloomaa jiru keessatti argamti.
Kunis biyya namoonni dhibbeentaa 47 umriin isaanii waggaa 25 gadi ta’e; akkasumas harka sadii keessaa lama kan dhalatan 1990moota keessa erga Indiyaan dinagdee ishee bilisa gooteen booda.
Kumbanad fi gandoonnishee magariisaa ta’an keessa gara namoota 25,000 ta'aniti jiraatu.
Manneen asitti argaman 11,118 keessaa dhibbeentaa 15 kan ta’an hidhame jira, sababnisaa abbootiin biyya alaa godaanan ykn ijoollee isaanii waliin jiraatan, jetti hoggantuun mana maree ganda naannoo sanaa Asha CJ.
Manneen barnootaa 20 yoo ta'an, barattoonni garuu baayyee muraasa.
Hospitaala tokko, kilinika mootummaan bulchu, wiirtuuwwan adda baasuu 30 ol fi manneen dulloomanii sadii baay’inni ummataa ishee kan dulloome ta’uu isaa kan agarsiisanidha.
Dameewwan saddeet walakkaa kiiloo meetira gadi keessatti argaman dabalatee baankonni kudhan lamaa ol maallaqa lammiilee magaalaatii addunyaa guutuu jiraataniifi hojjetan irraa ergamuuf dorgomu.
Maallaqa doolaara biiliyoona 100 Hindiin bara darbe lammiilee Hindii biyya alaa jiraatan irraa haxaa'e keessaa dhibbeentan 10 gara Keeraalaa dhufe.
Hindii namoota baay'ee qabdu keessatti Keeraalaan fi magaalaan ollaa Taamiil Naaduu, waan tokko tokkon kan adda ta'edha.
Bara 2001 fi 2011 gidduutti baay'inni ummataa asitti waggoota kurnan darban - yeroo lakkoofsi ummataa isa dhumaa gaggeeffame - kutaalee biyyattii keessaa isa gadi aanaa (%4.9) ture.
Daa'imni reefuu dhalate Keeraalaa keessatti waggaa 75 jiraachuu danda'a, kan giddu galeessa biyyaalessaa 69.
Sadarkaan dhala namaa kutaa biyyattii keessatti sadarkaa bakka bu'iinsaa gadi bu'eera - waggoota 30f amma dubartii tokkoof da'umsi yoo xiqqaate 1.7 hanga 1.9.
Maatiin xixiqqoo ijoolleen akka gaariitti akka baratan ni taasisa.Kunis dargaggoonni carraa argachuuf biyya keessaa fi alaa dafanii akka godaananii, warra isaanii biyya keessatti akka dhiisan taasisa.
"Barnoonni daa'imman hojii fi jireenya fooyya'aa akka hawwatan taasisa, akkasumas ni godaantu," jedhan Prof K. S. Jeems Dhaabbata Saayinsii Uummataa Idil-addunyaa Mumbaayitti argamu irraa.
"Sana booda bakka dhaloota isaanii warra isaanii maanguddowwan ta’anitti jiraata, baay'een isaanii kophaa isaanii jiraatu."

Madda suuraa, ARUN CHANDRA BOSE
Mana ishee abbaa darbii lamaa Kumbaud keessatti argamu keessa , Annamma Jacob, maanguddoon ganna 74, yeroo dheeraa kophaa ishee jiraachaa turte.
Abbaan warraa ishee dhaabbata boba'aa mootummaa keessatti makaanikaal injinarii kan ture yoo ta'u, jalqaba bara 1980moota keessa du'aan addunyaa kanarraa boqote.
Ilmi ishee ganna 50 waggoota kurnan lamaa oliif Abu Daabii keessa jiraachaa fi hojjechaa ture.
Intalli tokko kiiloo meetira muraasa fagaattee jiraatti, abbaan warraa ishee garuu waggoota kurnan sadiif Dubaayitti injinarii sooftiweerii ta'ee hojjechaa ture.
Ollaan mana isheetti aanu hin jiran:tokko mana ishee cuftee gara Baahireen bakka narsii taatee hojjettu warra ishee geessitte; inni kaan gara Dubaayitti ce'uun bakka isaanii maanguddoota tokkoof kireessan.
Ollaan kunin ona. Lafa lalisaa muuzii fi muka jabaa dabalate nyaata baay'ee qabu gidduutti, manneen babbareedoo mooraa bal’aa qaban duwwaa ta’anii kan dhaabatan yoo ta’u, daandii konkolaataa isaanii baala gogeen faca’ee, konkolaattonni isaanii awwaaran uwwifamaniiru
Kaameeraan CCTV bakka saree waardiyyaa fudhateera.
Magaalota Hindii kan namatti wacu fi sochii guddaa qaban irraa faallaa ta'ee, naannoon Kumbanad haala nama hin amansiifneen nama kan hin qabnee fi walakkaa kan durii.
Magaalaa jiraattota ishee hedduun gatame ta'us diigamtee hin badne.
Manneen nama hin qabne yeroo hunda kan dibaman yoo ta’u, akkuma guyyaa kamiyyuu namoota eegani. Garuu hin dhufan.
"Jireenya baayyee kophaa ta'edha. Akkasumas fayyaa gaarii hin qabu," jedhan Aadde Jacob.
Dhukkuba onnee fi artiraayitas qabaatus, Aadde Jacob ilma ishee fi ilmaan ilmaan ishee waliin yeroo dabarsuudhaaf biyya alaa kan deemte yoo ta'u, ijoollee ishee waliin Joordaan, Abu Daabii, Dubaayi fi Israa'el keessatti boqonnaa dabarsiteetti.

Madda suuraa, ARUN CHANDRA BOSE
Maaliif kophaa jiraachuuf qofa mana bal'aa kutaa 12 qabu ijaarte jedheen ishee gaafadhe. "Namni hundi asitti mana gurguddaa ijaara" jettee kolfite. "Waa'ee sadarkaa ti."
Yeroo baayyee qonna mooraa ishee duubaa keessatti kaasaavaa, muuzii, jinjibila, kanneen biroo obruun dabarsiti.
Yeroo biraa immoo xiinxaltee gaazexaa dubbisti.Saree Diyaanaa jedhamtu mana saree ala jiru keessa qabdi.
"Guyyoota tokko tokko, Diyaanaa qofa waliin haasa'a. Isheen na hubatti."
Umurii ishee fi fayyaa ishee dadhabaa jiruun qonna irratti hojjechuun dadhabsiisaa. Qonna irratti nama qacaruun humnasheen ol akka taʼe dubbatti.
Hanqinni humna namaa namoota muraasa hojii barbaadaniif mindaa hojii guddaa argamsiiseera.Hojjetaan guyyaa guyyaa sa'aatii jaha qonna keessa hojetu qarshii kuma tokko gaafata.
Naannoo ollaa isheetti kan argamu Chacko Mammen, kan dhukkuba onnee fi dhukkuba sukkaaraatiin qabame, qonna isaa xiqqoo keessatti guyyaa guyyaan sa'aatii afuriif hojjetee, muuzii kunuunsa.
Maanguddoon ganna 64 kun gara biyyaatti osoo hin deebi'iin dura waggoota kurnan sadiif Omaan keessatti gurguraa ta'uun hojjeteera.
Namoota gahaa itti hojjetan waan hin arganneef waggaa jaha booda daldala xixiqqaa cufe.
Amma carraaqqii guddaa booda qonna isaa irraa guyyaa guyyaan muuzii gara 10kg ta'u gurgura.
Hojjetaa qacaruun humnakoon ol, hin danda'u," jedha.
Hawaasa dulloomaa jiru keessatti humna hojiin deeggaruun yeroo hunda rakkisaadha.
Godaansi hojjettoota kutaalee biyyaa biroo irraa dhufanis yeroo hunda hin hojjetu, yeroo tokko tokko sababa amantaa dhabuu namoota alaa irraa kan ka'e
Jacob godaantota qacaruu akka hin filanne dubbatteetti.
"Kophaa koo jiraadha. Yoo na ajjeesan hoo?" jette.

Madda suuraa, ARUN CHANDRA BOSE
Magaalaa lallaafaa maanguddootaa fi manneen cufame kana keessatti yakki baayyee xiqqaadha.
Namoonni maallaqaa fi meeshaalee gatii guddaa qaban hedduu mana isaaniitti waan hin kaa'amneef hanni baay'ee xiqqaadha jedha poolisiin.
Yeroo dhumaaf ajjeechaan asitti raawwatame hin yaadatan.
"Hunduu baay'ee nagaadha.Komii gowwoomsaa qofa arganna.Maanguddoonni fira isaaniitiin ykn gargaartota manaa isaaniitiin gowwoomfaman kanneen mallattoo isaanii sobanii maallaqa isaanii baankii keessaa baasu,”jedhan inspeektarri olaanaa waajjira poolisii naannoo sanaa Sajeesh Kumar V.
Waggaa tokko dura firri maanguddoo jiraattuu tokkoo mallattoo ishee fakkeessuun gara qarshii miliyoona 10tti dhiyaatu saamte.
''Sun naannoo kanaaf yakka guddaa ture,'' jedhan Kumar. " Irra caalaa waldhabdee xixiqqoo jiraattota gidduutti uumamu ilaalla- waa'ee sagalee, ykn balfi mana isaaniitiin alatti gatamuu, dameen muka bosona nama tokkoo qonna ollaa seenuu. Wantoota akkasii."
Yakka dhabuun poolisiin yeroo isaa irra caalaan kan dulloome kunuunsuu irratti dabarsa jechuudha.
Yeroo hunda namoota qofa jiraatani fi dhukkubsatan 160 ilaalu; akkasumas yeroo balaa tasaa ollaa akeekkachiisuu akka danda’aniif mana isaanii tokko tokko keessatti alarmii sochootuu kennaniiru.
“Hojii keenya keessaa tokko jiraattota gara mana maanguddootaattis ceesisuudha. Namoota dullooman ilaalla, gara hakiimotaatti geessina,'' jedhan Obbo Kumar.
"Asitti rakkoon dulloomuu qofa," jedhan Abbaan Toomaas Joon, kan giddugala yaala dullootaa Kumbanad keessatti geggeessan.

Madda suuraa, ARUN CHANDRA BOSE
Magaalattiin manneen maanguddoota wiilcheeriin dhaqqabamu sadii qabdi.
Giddugalli Dulloota Yaadannoo Aleeksaandar Maartoomaa, gamoo abbaa darbii shan kan hospitaala siree 150 qabu cinatti argamu, namoota naannoo sanaa 100 ol kan umuriin isaanii waggaa 85 hanga 101 gidduu jiru kunuunsa.
Hundi jechuun siree irra kan jiran yoo ta'u, maatiin isaanii kunuunsa isaaniif ji'a ji'aan qarshii kuma 50 kaffalu.Yeroo tokko tokko ijoolleen dhufanii isaan bira turu
"Ijoolleen irra caalaan isaanii biyya alaa kan jiraatan yoo ta'u, warra baayyee dullooman gara mana maanguddootaatti jijjiiruu malee filannoo biraa hin qaban," jedhu Abbaan Joon.
Achirra fagoo kan hin jirre, manni dulloomaa Dharmagiri namoota naannoo sanaa 60 kan qabu yoo ta'u, hundi isaanii umuriin isaanii waggaa 60 ol ta'a.
"Dubartoonni nu bira turan irra caalaan isaanii miidhamtoota gowwoomsaati. Gariin isaanii maatii isaaniitiin gatamanii jiru," jedhu mana kana kan geggeessan Abbaa KS Mathews.
"Kun seenaa jijjiirama dimogiraafii kamiyyuuti. Kun seenaa guutuu Hindii ta'a, dhumarratti," jedhan Prof James.












