Suuraalee filatamoo bineensota bosonaa fi beeladootaan bohaaraa

Wucii gaadidduu ofiitiin bitaa itti gale

Madda suuraa, BONNEFOI/COMEDYPETPHOTOAWARDS

Ibsa waa'ee suuraa, Wanti kun maalii? Maaliif nu hordofaa jiraa?

Cuuciiwwan kunneen waan walitti hasaasaa jiran fakkaatu. Erga yaa'anii torbanoota muraasa jalqabaa mana keessatti dabarsan.

Guyyoota jalqabaa gadhiifamaniittis, gaaddidduu saanii yeroo jalqabaatiif argan.

‘‘Dahoo isaan hordoofuu fi isaa marsu yo xiyyeeffannaan ilaalan arguun nama gammachisa!’’ jetti Soofiyaa Boonfoy.

Wuciin indaanqoo akka daa’ima ilmoo manaa ta’usaa beektuu?

___________________________________________________________________

Badhaasni Suuraalee Ajaa’iboo Bineensota Daggalaafi Suuraalee Ajaa’iboo Beeladootaa dorgommii badhaasa idil-addunyaati.

Dorgommiiwwan kunneenis karaa suuraalee ajaa’ibsiisoo ta’anii kanneeniitti fayyadamuun barbaachisummaa kunuunsa beeladootaaf xiyyeeffannaa kennuuf itti fayyadamu.

Akkasumas dhaabbileen eegumsa naannoo irratti hojjatan akka deeggarsa argatan taasisa.

Waggaa waggaadhaanis namoonni taateewwan dinqisiisoo umamaa akka arganiif carraa akka argatan taasisa.

Qophiilee akkasii irratti hirmaachuuf kaffaltiin gaafatamu hin jiru. Namni suuraa kaasuudhaaf fedhii qabu kamuu suuraa isaa karaa onlaayiniitiin erguudhaan dorgommicha keessatti hirmaachu danda’a.

Nutis suuraalee dorgommiicha irratti dhiyaatan keessaa suuraalee ittaanan kanneen isiniif filanneerra. Ittii bohaaraa.

Wucii haadhoo ilaalaa jiran

Madda suuraa, BONNEFOI/ANIMALFRIENDSCOMEDYPETPHOTOAWARDS

Ibsa waa'ee suuraa, Nutis yoo guddannee akkasiin YouTube irratti beekamoo taanaa?

Wuciiwwan kunneen wayita Soofie Bonfoy suuraa isaan kaafteetti kan umuriin guyyaa sagalii turan.

Viidyoo irratti indaanqoo haadhoo ilaalaa kan waa'ee egeeree saanii yaadan fakkaatu.

Tarii nutis yoo guddannee akka ishee kanaatti YouTube irratti beekkamtii argannaa laataa jechaa kan jiran fakkaattu.

Nu argaa kan jiru jiraa laata?

Madda suuraa, BRENDEN SIMONSON/BARCROFT IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Nu argaa kan jiru jiraa laata?

Kunis suuraa qocaa tokko isa kaan duubaan yaabee mul'atuudha.

Suuraan kunis kana kaafame Birendon Simonsoniidhaan Taanzaaniyaa Paarkii Biyyaaleessaa Taraangerii keessatti.

Bineentii qaaniidhaan kan afaan qabattee

Madda suuraa, JAKOB STRECKER

Ibsa waa'ee suuraa, Bineentii qaaniidhaan kan afaan qabattee

Bineensi tun Madagaasikaar keessatti argamti. Suuraan ishee kunis kan kaafame nama Jaakoob Istireeker jedhamuutin.

Maaliif haala ajaa’ibsiifannaatiin afaan isaa qabate laata? Tarii suuraa isheen oliirratti waan qocaan sun raawwataa jiruu sana ajaa’ibsiifatee laata?

Qamalee qalloo

Madda suuraa, ANDY EVANS/COMEDY WILDLIFE 2022

Ibsa waa'ee suuraa, Qamallee qal'oo

Suuraa kanas Andii Evaansi nama jedhamutu biyya Maaleezhiyaa Suka’u’tti kaasee.

Bineensii suuraa irratti mul’atu kunis waan argaa jiruun kan baayyee nahe fakkaata. Osoo kan inni argee ajaa’ibsiifataa jiru sana nutis ilaalee baayyee gaarii ture.

Raacha lama dhoqqee keessa

Madda suuraa, DANIEL TRIM

Ibsa waa'ee suuraa, 'Waa waan baayyee gaariidha' kan jedhan fakkaatu

Raachi kunneen lamaan oggeessa suuraa Daani’eel Tirim jedhamuun kan kaafame yoo ta’u, isaanis kan waan gammachiisaa ta'e tokkoo arganii dinqisiifataa jiran fakkaatu dhoqqee keessaa ol kahuudhaan.

Isaanis boca qaamaa hin baramne fakkaata. Raachii yeroo dheeraadhaaf bishaan keessa jiraachuudhaan beekama.

Bineentii naasuudhaan

Madda suuraa, HARRY WALKER/COMEDY WILDLIFE PHOTOGRAPHY AWARDS 2019

Ibsa waa'ee suuraa, Bineentii naasuudhaan

Bineenis biyya keenya keessatti baramaa hin taane kunis waan ta’e ilaalaa jira.

Haalli bineensi kun waan arge ittiin ajaa’ibsiifamaa jiru xiyyeeffannaa namoota hedduu hawwateera.

Namni suuraa kana kaasee Haarii Waakar bara 2019'tti dorgommii Badhaasa ittiin injifataniiru.

Bineettii dadhabbii keessa jirtuu

Madda suuraa, ERIC FISHER/ COMEDY WILDLIFE PHOTO AWARDS 2019

Ibsa waa'ee suuraa, Bineettii dadhabbii keessa jirtuu

Bineensi ‘bear’ jedhamu kunis kan baay'ee dadhabe jirtu fakkaatti.

Namni suuraa kana kaasee, Erik Fishar bara 2019'tti ittiin badhaasa injifachuu danda’eera.

Qocaafii qurxummii

Madda suuraa, TROY MAYNE

Suuraan kunis kan bara 2017'tti garee Uumama Bishaan keessa jiraataniitiin kan dorgommii injifatedha.

Abbaa humnaa kan taatee qocaan humnaan qurxummii daandii ishee irraa achi kan darbataa jirtu fakkaata.

Suuraan kunis kan kaafame Baakong - Filiippiin keessatti nama Tirooy Maa’in jedhamuun.

Simbirroo fullii baalaan aguugamte

Madda suuraa, JOHN SPEIRS

Ibsa waa'ee suuraa, Simbirroo fullii baalaan aguugamte

‘‘Osoon makoodii tana suuraa kaasaa jiru baalli tokko dhufee fuula ishee irra bu’e’’ jedhan haalasaa yoo ibsu Joon Ispeersi.

Suuraan kunis dorgommii bara 2021'tti gaggeeffame irratti kanneen injifatan keessaa tokko.