Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raahem Isterling gara Chelsii, Yuurii Tilemans gara Arsenal fi jijjiirraa kaan
Taphataan collee Maanchistar Siitiif fuul-dura irra taphatu kilaba Chelsii seenuuf waliigale.
Taphataan umrii waggaa 27 Raahem Isterling, kontiraata Maanchistar Siitii waliin qabu xumuruuf waggaan tokko osoo hafuu, kilaboota biroo seenuuf fedhii agarsiisuu eegale.
Siitiin bara 2015 ture Isterling paawondii miiliyoona 49n Liivarpuul irraa kan bite, taphoota irratti hirmaate 339 irratti gooliiwwan 131 lakkoofsiseera.
Isterling waliigaltee kana kan fiixaan baasu yoo ta'e, erga Chelsiin dureessa Ameerikaa Todd Boehly harka galee as bittaa taphataa kilabichi barana raawwate isa guddaa ta'aaf.
Waliigalteen qaama hundaayyuu murteessaa ta'us, fedhiin taphatichaa garuu bakka jijjiirratee hojii haaraaf of qopheessuudha.
Mul'ati hoogganaa Chelsii Toomaas Tuchel fi iddoon isaaf qixaa'es akkaan isa hawwateera.
Raahem Isterling kilaboota gurguddoo akka Baarseloonaa, Real Madrid fi Bayern Minich birattii akkaan barbaadama, inni garuu Chelsiitti mararameera.
Taphataa gameessi kun Siitii walin dhibdee takkallee hin qabu, ammoo hoogganaa isaa Pep Guardiola waliinillee mufii takka hin qabu.
Isterling ammallee galma bira ga'uuf hedu hedduu qaba, kana keessaa inni ijoon taphataa collee ta'ee badhaasa Ballon D'Or argachuudha.
Gama kaaniin taphataa collee sarara gidduu Leestar Siitii Yuurii Tilemans of harka galfachuuf dorgommiin Arsenal fi Maanchistar Yunaayitid gidduutti cimeera.
Taphataa umrii waggaa 25 lammii Beeljiyam ta'e kana argachuuf Arsenal itti dhiyaatee jira.
Maanchistar yunaayitid ammoo taphataa umrii waggaa 22 Anthony kilaba Ayaaksi irraa paawondii miiliyoona 51n fudhachuuf fedha yoo agarsiisu kilabichi garuu paawondii miiliyoona 68 malee jedhe.
Jijjiirraa kaaniin Chelsiin taphataa lammii Poorchugaal umrii waggaa 23 Matheus Nunes kilaba Sporting Lisbon irraa paawondii miiliyoona 38n, Arsenal ammoo Nikolaas Pepe fi goolii eegaa isaa Bernd Leno gurguree taphattoota fiduuf akka jiru ibseera.