Xiinsammuu dureeyyii: Maallaqni gammachuu bitaa?

Nama doolaara facaasu

Madda suuraa, Getty Images

Waggoota muraasa dura gaaffii dureeyyiin nama kaaniin addatti yaaduu? Amaloota addaa akkamii qabu? jedhu haala saayinsaawaa ta'een deebisuun rakkisaa ture.

Amma garuu qorannoowwan adda addaa gaaffii kanaaf deebii kennuu yaalan jiru.

Dr Raayineer Zetelman nama kalaqaa fi qo'annoo hawaasaati. Kitaaba The Wealth Elite jedhamu dabalatee kutaabota 26 barreessaniiru.

Xiinsammuun namoota akkaa ol dureeyyii ta'anii namoota kaanirraa adda akka ta'e himu.

Gamtaan qo'annoo hawaasaa fi diingadee Inistitiyuutii qo'annoo diinagdee Jarman bara 2022tti adda addummaa ilaalcha miliyeenarootaa fi namoota biroo dureeyyi hin taane gidduu jiru adda baasuuf yaalaniiru.

Qo'annoon kun miliyeenaroota Jarman 1,125 ta'an irratti gaggeeffame.

Akka qo'annoon kun jedhutti ''dureeyyiin hamma maallaqaa qabaniin qofa osoo hin taane ilaalcha qabaniinis gargari.''

Dureeyyiin namoota biroo caala tarkaanfii tokko fudhachuuf balaa inni fidee dhufu fudhachuuf qophaa'ina guddaa qabu jedha. Qophaa'ina qabaachuu qofa osoo hin taane wanta dhufu hundas ni dandamatu jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namootni kunniin warra dureeyyii hin taane caala kan of himan, waayee ofii dubbataniifi namoota kaanittis dhiyaatan ta'uu qorannichi ibseera.

Amallisaanii biraan iftoominaafi namaa waliin dhiyaachuuf kan of hin daangessine yookan of hin qabneedha jedha.

Namoota kaan caala tsagabbii sammuu qabu jedha qorannoon Jarman kun. Akka qorannoon kun jedhutti xiinsammuun ykn amaloonni isaanii kunniin qabeenya dabalataa akka horatan gargaara.

Barreessaa kitaaba 'Civilized to Death: the price of progress' jedhuu kan ta'e Kiriis Riyaan garuu dureeyyiin warra kaan caala sababa maallaqa guddaa qabaniif namoota kaanirraa of fageessuu barbaadu jedha.

Riyaan dureeyyiin fuula namaa ilaalanii miira hubachuuf badaa qalbii hin qaban jedha.

Fakkeenyaaf dureeyyiin konkolaattota qaalii oofan jaarrolii daandii qaxxaamuraa jiraniif dhaabatanii dabarsuun akka irra jiraatu badaa hin qalbifatan, warra konkolaataa gatii guddaa hin taane qaban yeroo akkas godhan mul'ata jedha.

Waayee amala ykn eenyummaa namaa ibsuuf tiwooriiwwan tolfaman keessaa kan hedduun irratti waliigalan The Big Five Theory jedhama. Yaadni shanan Tiyoorii kanaa:

1. Conscientiousness: Yaadni kun murannoo qabachuu , waa qindeeffachuu, yeroo kabajuu, cichoomina, fi galma kaawwachuu of kessaa qaba.

2. Neuroticism: kunimmoo tasgabbii sammuu qabaachuudha

3. Agreeableness: Duudhaalee hawaasaa waliin hangam takka waliigala kan jedhu irratti xiyyeefata.

4. Extraversion: Addunyaa naannoosaanii jiru waliin hariiroo uumuu? yaada jedhu qaba.

5. Openness to experience: Muuxannoowwan haaraa fudhachuuf qophaayina qabumoo hin qaban kan jedhu ilaala.

Qabxiilee shanan armaan olitti ibsaman irratti hundaa'uun Dr Raayineer qo'annoolee biroo waabeffachuun dureeyyiin warra kaan caala Conscientiousness, muuxannoo haaraa argachuuf banaa akkasumas addunyaa naannoosaanii jiru waliin hariiroo uumu jedhu.

Duudhaa hawaasaa wajjin waliigaluurratti garuu hanqin qabaachuu ibsan. Warra kaan caalas tasgabbii sammuu qabu jedhan.

Maallaqni gammachuu bitaa?

Dureessa Hindi cidhasaarratti hedduun hirmaatan

Madda suuraa, Getty Images

''Maallaqni gammachuu hin bitu'' yaadni kun kan namni hedduun irraatti waliigalu ykn ammoo kan namni ammallee irratti muggutudha.

Dhimmi kun saayintistoota hawaasummaa, xiinsammuufi dingadeen ammallee qo'atamaa jira.

Niiwiroosaayintistotni ''maallaqni gammachuu hin bitu'' jedhanii sababa kana jedhaniif dhiyeessu.

Akka ogeeyyiin kun jehdanitti namootni fedha bu'uraasaanii guutuun gammachuu kennaaf sanaaf ammoo maallaqni ni barbaachisa. Kana bira darbee garuu hariiroon qabeenyafi gammachuu argachuu giduu jiru guddoo miti jedhu.

Ofii dhala namaa maaltu gammachiisa?

Wanti ijoon nama gammadaa godhu ykn sammuu keenya keessatti miira gaarii uumu wanta fedha baayolojikaalaa keenya guutudha jedhu ogeeyyiin.

Ammoo ''maallaqa hedduu jechuun gammachuu hedduu jechuu miti'' jedhu niiwiroosaayintiistii kan ta'an Deen Baarneet.

Sammuu keenya keessa maallaqni akkaan barbaachisaa ta'uusaarratti hubannaan jira. Garuu ammoo wanta barbaachisaa ta'e kanarraa gammachuu argachuuf daangaan jira jedhu.

Yaada kana fakkeenya fudhachuun yoo ibsan nyaatni yeroo hedduu gammachuu namaa kenna, garuu ammoo yeroo itti fedhiin kun dhaabatu jira. Fedhiin sun daangeffamee nyaachuun nagaa yeroo itti nama dhorku jira jedhu.

Akka Deen jedhanitti maallaqa qabaattee gaafa of geessu ammallee barbaachisaa ta'us, maallaqa caala waa gochuu danda'uu (power) kan jedhantu gammachuu namaa kenna.

Akka qo'annoon Isteet Yunivarsiitii Saan Firaansiiskoo tokko jedhutti , imaluu, namoota waliin hariiroo uumuu fi namoota gargaaruun wantoota nama gammachiisan biroodha.

Deen ''maallaqni gammachuu bita'' jechuurra ''maallaqni nageneyaafi tasgabbii sii kenna'' jechuu wayya jedhu. Wantootni kun ammoo karaa gammachuu itti argatan salphisu jedhan.

Sooreyyiin hawaasa keessatti akkamiin ilaalamu?

Dr Raayineer Zetelman ilaalcha biyyoota adda addaa keessatti namootni dureeyyiif qaban qorochuuf yaalaniiru. Qorannoo isaanii biyyoota Eezhiyaafi Awurooppaa walummatti 13 irratti kan xiyyeefatu ture.

Akka Dr Raayineer jedhanitti ilaalchi dureessaafi qabeenyarra jiru biyyaa biyyatti garaagarummaa qaba. Biyyoota Ezhiyaa keessa namni qabeenyaaf bakka guddaa qaba jedhan.

Jappaan biyya akka addunyaattuu dureettiidha jedhamtu keessa fedhiin duroomuuf jiru kan biyyoota Awurooppaatiin olii ta'uu himaniiru.

Ilaalchi badaan dureeyyiirratti xiyyeeffatee jiru biyyoota akka Jappaan, Veetnaamiifi Kooriyaa Kibbaa keessatti gad-aanaa ta'uufi Chaayinaatti akka hammaatu ibsu. Biyyoota Awurooppaa akka Faransaayiifi Jarman keessattis ilaalchi hawaasni dureeyyiif qabu gaarii akka hin tane ibsu.

Sababni ijoon ammoo rakkoolee dhuunfaafi akka hawaasaatti keessa jiraaniif sababni dureeyyii akka ta'aniitti yaaduun isa tokko.