Sooreyyii addunyaa 10 dhiheenya kana qabeenyisaanii dachaa dabale

Madda suuraa, Getty Images
Weerarri koronaavaayirasii namoota sooreyyii addunyaa kanaa caalatti qabeenyi isaanii akka dabalu yoo taasisu, namoonni baayyeen ammoo gara hiyyummaatti akka galan godheera jedha gabaasni dhaabbata miti-mootummaa Oksfaam.
Akka addunyaatti, galii xiqqaa qabaachuun biyyoota hiyyeeyyiitti du’a namoota 21,000 sababadha.
Haatahu malee, dhiiroti dureeyyii addunyaa kanaa 10 bara 2020, baatii Bitootessaa irraa kaasee qabeenyi isaanii dachaa caala dabaleera.
Oksifaam wal-caalmaa kana ilaalchisee Foormii Diinagdee Addunyaa Deevoositti adeemsifamaa jiru irrattidha gabaasa kana baase.
Sagantaa kanarratti hogganootni dhaabota daldalaa gurguddoo, namooti beekamoo, rogeessota, ogeessota diinagdeefi gaazexeessitooti riizoortii Swiss ski jedhamutti mariifi bashannanaaf wal-gahu.
Mariin torbee kana adeemsifamus talaalli Koviid haqaan rabsuufi fayyadama aannisaa haarofamu irratti xiyyeefata.
Danny Sriskandarajah, hojii raawwachiisaa Oksfaam yoo tahan dhaabbati isaanii gabaasa kana amma kan baase xiyyeeffannoo namoota siyaasaa, diinagdee fi daldalaa akka argatuufi jedhan.
‘’Waan barana tahaa jiru isa eegamuun adda dha,’’ jedhan. ‘’Yeroo weerara koronaavaayirasii guyyaa guyyaatti biiliyenarrii uumamaa ture, faallaa kanaammoo uummatni addunyaa harki 99 sababa ugguuraa, daldalli addunyaa gad-bu’uufi tajaajilli tuurizimii hir’achuun irraan jiruun itti abaaseera. Namoonni miiliyoona 160 tahan hiyyuummaatti dhiibamaniiru,'' jedhan.
‘’Sirna diinagdee addunyaa keenyaa mudaa qaba,’’ jechuunis ibsa.
Akka dhaabbanni kuni ‘Forbes’ eeruun baasetti sooreyyiin addunyaa 10 kan jedhaman: Eloon Maask, Jeef Beezoos, Bernaard Arnoolt fi maatiisaa, Biil Geets, Laarii Eliisan, Laarii Peeji, Sergeey Biriin, Maark Zuukarbarg, Istiiv Boolmariifi Waaran Bafeetidha.
Qabeenyi jara kanaa doolaara biiliyoona 700 irraa gara doolaara tiriiliyoona 1.5’tti yoo guddateera. Tahus isaanuma gidduullee garaagarummaan jira. Qabeenyi Eloon Maask %1000 caalaa yoo guddatu, kan Biil Geets immoo %30’n guddateera.













