Covid: Google uggura sababa weerara covid labsameen ji'a sadii keessatti qofa dolaara bil. 17 buufate

Madda suuraa, Getty Images
Weerara kornaavaayirasii hordofee namoonni mana keessa akka turaniif uggurri kaa'ame dhaabbata Google bu'aa guddaa akka argatu gummaacha olaanaa taasiseera jedhame.
Abbaan qabeenyaa Google kan ta'e Saandaar Pichaay baatiiwwan sadii keessatti bu'aa dolaara biiliyoona 17 kan argate yoo ta'u, kunis guddina parsantaa 162 caalmaa qaba jedhan.
Bu'aa qabeessummaa isaa kanaafis namoonni sababii weerara covid-19f jecha sochiin isaanii waan dhorkameef tajaajilwwan Google fayyamuu isaaniitti ta'uu himan.
Baatiiwwan sadan darbanis seenaa dhaabbatichaa keessatti yeroo bu'aa olaanaan itti galmaa'eedha.
Google bu'aa kana kan dabale ''waan maamiltoonni kiyya intarneettiitti fayyadamuun hojiiwwan raawwatan dabaleefiidha'' jechuun ibsan.
''Bara darbe namoonni bohaartuu Google'tti fayyadamuun odeeffannoo irraa akka hin faggaanne, bashannanuufi walitti dhufeenya qaban cimsuuf jecha fayyadamaa turan,'' jedhan Ittigaaftamaa mummee kan ta'an Saandaar.
Qorattoonni damee kanaas dinagdeewwan cufaman yoo saaqamanii beeksoofniwwan interneetii baayyataa deeman Google bu'aa caalaa walitti qabachu itti fufa jedhu.
Google baatiiwwan darban qofaatti Search business qofaa irraa galiin walitti qabate parsantaa 30 dabaluun gara doolaara biiliyoona 31tti ol guddate.
Youtube ammoo doolaara biiliyoona jahan galiinsaa guddina agarsiise. Kunis parsantaa 49n jechuudha.
'V'tti qorataan haqa qabeessuummaa kan ta'an Soofii Liinde Yaates, ''Google sababii weerarichaatiin galii olaanaa walitti qabteera,'' jedhaniiru.
Kampaanii teknoolojii guddichi Google, haala hin barmneen gara dhaabbata beeksiisaatti yaada naanneeffachuu isaa qorataan kun ni dubbatu.
''Koronaavaayirasiin yoo mudatu, keessattuu daldalli intarneetii waan cimeef dhaabbileen akka Google beeksiisawwan hojjachuun galiinsaanii akka guddatu taasiseera,'' jechuun sababii guddiina galiisaanii kaasu.
Haata'u malee Google dhaabbilee to'atan adda addaa keessattu dorgommii daldala haqa qabeessaafi icciitii eeguu gama ilaalatuun gaaffiiwwan mudataa jiran danqaawwan mummee ta'uun itti fufaniiru.













