Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Diraamaa Benfikaa fi Maadiriid: Taatee 'jibbisiisaa' Viniishiyes mudate booda 'dogoggora guddaa' Moriinoo
Tirent Aleksaandar-Arnold jibbiinsi sanyummaa Viniishiyes Juuniyer irratti raawwatame jedhame ''kabaja kubbaa miillaa kan gadi buusu,'' jedhe, leenjisaan Benfikaa Joosee Moriinoo ammoo taatee kanarratti yaada kenneen guddoo qeeqame.
Taateen kun tapha Chaampiyoonsi Liigii kilaboonni gara 16tti darbuuf taphatan kan Riyaal Maadiriid fi Benfikaa marsaa jalqabaaf taphatan irratti mudate.
Taphi kun erga Viniishiyes taphataan Benfikaa Jiyaanluukaa Pirestiyaanii sanyummaan isa arrabsuu murteessatti himatee booda daqiiqaa 10f adda citee ture. Taphatichii fi taphattoonni garee isaa kaan waliin ta'uun dirree gadhiisanii ba'anii turan.
Jifataan lammii Biraaziil kun kanaan duras jibba sanyummaan yeroo adda addaatti dhiibbaan irra ga'ee beeka.
Taphataan kun dorgommii goolii inni galcheen kilabnisaa injifate kanarratti taatee isa mudate ilaalchisuun akkas jechuun yaadasaa ibse.
''Namoonni jibba sanyummaa qaban dabeessota. Afaansaanii qomeesaaniin haguuganii hangam akka dadhaboo ta'an agarsiisuu qabu,'' jechuun Instagram irratti barreesse.
''Garuu warra silaa akka seeraatti isaan adabuu qabuun eegumsi godhamaaf. Taateen har'a mudate kun anaafis garee kiyyaafis haaraa miti.''
Leenjisaan Benfikaa Joosee Moriinoo Viniishiyes Juuniyer dirree Estadio da Luz irratti goolii Riyaal Maadiriid ittiin injifate wayita galchu akkaataan itti gammachuusaa ibse ''kabaja kan hin qabnedha,'' jechuun himate.
Taphataan kun taateen jibba sanyummaan walqabatu mudachuu dura akkaataa gammachuusaa itti ibseen adabamee kaardii keelloo argateera.
Taphatichi kanarrattis komii akka qabu ibseera.
''Goolii galchee waanan gammachuu ibsadheef kaardiin keelloo naaf kenname. Maaliif akka ta'e ammallee naaf hin galle. Tarkaanfii gadi bu'aa sababa quubsaa malee fudhatamedha,'' jechuun barreesse.
Jifataan Benfikaa Vaanjelis Pavlidis taphataa gareesaaf akkas jechuun falmeef.
''Jiyaanluukaa Pirestiyaanii akka sanatti Viniishiyes arrabseera jedhee hin yaadu. Hunda caalaa dubbiin kan Arjantiinaa fi Biraaziil gidduutti hammaate natti fakkaata,'' jedhe.
Pirestiyaaniin hanga yoonaa yaada hin kennine.
Duraan Riyaal Maadiriid fi Chelsii leenjisaa ka ture Joosee Moriinoo ''rakkoon wayii jira, istaadiyemii hundatti waanuma akkasii dhageenya. Istaadiyemii Viniishiyes irratti taphatu hundatti taateen akkanaa mudachuun baratamaadha, yerooma hunda,'' jedhe.
Taphataan Ingilaand Tirent Aleksaandar-Arnold ''taateen kun kabaja kubbaa miillaa gadi buusa. Ga'umsa tapha kubbaa miillaa haguuga. Taateen akkanaa kubbaa miillaa keessatti bakka hin qabu. Baayyee fokkisaadha,'' jedhe.
Viniishiyes Juuniyer erga taphataa Benfikaa Jiyaanluukaa Pirestiyaanii waliin wlaitti bu'ee booda wayita dirreedhaa bahu Joosee Moriinoo qabee itti dubbataa ture.
Viniishiyes deeggartoota Benfikaa dubbiif kakaaseera jedh Moriinoon.
''Goolii bareedduu galche, garuu itti hin gammadne. Wayita goolii akkasii galchitu karaa naamusaa fi kabaja qabuun gammachuu ibsachuu qabda,'' jedhe.
''Gaafa goolii akkasii galchitu gammachuu kee erga ibsattee booda suutuma jedhii of duuba deebi'i jedheen gorse. Wayita inni waa'ee jibba sanyummaa kaasu ammoo nama gurraacha Benfikaa keessatti seenaa guddaa qabu (Eusibio) itti kaase.''
Konfedereeshiniin Kubbaa Miillaa Biraaziil ''jibba sanyummaa mul'isuun yakka. Fudhatama hin qabu. Kubbaa miillaa keessattis bakka biraattis mul'achuu hin qabu,'' jechuun ibsa baase.
''Viinii, kophaa kee hin jirtu. Sagalee kee dhageessifachuun kee jabinaa fi ulfina ati qabdu agarsiisa. Siin boonna,'' jedha ibsi kun.
Waahilli Viniishiyes Juuniyer, Kiliyaan Imbaappee taatee kana booda taphataan Arjantiinaa Pirestiyaanii tapha Chaampiyoonsi Liigii irratti hirmaachuu akka hin qabne gaafate.
''Wanti akkasii takkaa na mudatee hin beeku. Haala baayyee murteessaa ta'e kana keessatti ifatti dubbachuu qabna.''
Benfikaaf kabaja guddaa akka qabu kan dubbate Imbaappeen garuu taphataan kun tapha Chaampiyoonsi Liigii keessaa haqamuu qaba jedhe.
''Taphataa dorgommii kubbaa miillaa guddicha Awurooppaa irratti amala akkasii mul'isu hin feenu. Taphataan kun Chaampiyoonsi Liigii taphachuun hin maluuf. Garuu waan ta'u ni ilaalla.''
Taphataan duraanii Arsenaal Tiyoo Walkoot qaamni kubbaa miillaa Awurooppaa hoogganu UEFAn hatattamaan dhimma kanarratti tarkaanfii akka fudhatu gaafateera.
Kilaboonni lameen tapha marroo lammataan Roobii dhufu gaafa Guraandhala 25 Maadiriiditti walarguuf jiru.
"Tarkaanfii ji'oota lakkooftee fudhattu miti, hatattamaan fudhatamuu qaba. Murtee hatattamaa barbaada,'' jedhe Walkoot.
Jifataan duraanii Arsenaal Teerii Henrii seenaa jibba sanyummaa yeroo inni taphataa ture irra ga'een walitti hidhuun taatee Viniishiyes mudaterratti yaada kenneera.
''Waan Viniishiyes keessa darbaa jiru seenaa kiyyatti maxxanseen ilaala. Anas dirree irratti yeroo hedduu na mudateera. Yeroo waan akkanaa si mudatu kophummaatu sitti dhagahama. Jechoota sunniin isin lamaantu beeka waan ta'eef. Kan namni sun siin jedhe namoonni kaan hin beekan. Si qofatu beeka.''
''Qomee ykn uffata isaan fuulasaa haguugeera. Waan taphataan sun jedheen namoonni kaan akka hin argineef jedheeti. Jechi nama sanaa sammuu isaa keessatti hafeera,'' jedhe taphataa gameessi kun.
''Mee Pirestiyaaniin hangam taphataa guddaa akka ta'e ni ilaalla- waan jette nutti himi.''