Waa'ee cidha 'guddaa waggaa kanaa' maal beekna?

Hundeessaan Amaazon Jeef Beezos fi Laawuran Saanchez waggaa lama dura wal kaadhimmatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hundeessaan Amaazon Jeef Beezos fi Laawuran Saanchez waggaa lama dura wal kaadhimmatan

Hundeessaan Amaazon Jeef Bezoos fi kaadhimaan isaa Laawuran Saanchez mormiin isaan quunnamuus cidha guddaa guyyaa sadiif turuun torban kana Xaaliyaanitti gaa'ila raawwachuuf jedhu.

Cidhi dolaara miiliyoona baay'ee itti bahu kuni falmii akkasumas hiriirri mormii isa qunnamuus ittuma fufee gaggeeffamuuf jedha.

Kuni, biiliyeenara beekamaa Jeef Beezofis ta'e Televijinii Fox akkasumas ABC irratti sagantaa qopheessituun kan beekamtu Laawuran Saanchezif gaa'ila lammataati.

Cimdiiwwan lamaan waggoota muraasa darbaniif wal faana turaniiru, waggaa lama duras wal kaadhimmataniiru.

Jeef Bezoos fi Laawuran Saanchez gaafa Roobii Hoteela Amaan Veenis keessaa yoo bahan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Jeef Bezoos fi Laawuran Saanchez gaafa Roobii Hoteela Amaan Veenis keessaa yoo bahan

Waa'ee cidha kana odeeffannoon dabalataa hin baane - garuu akka jalqaba gabaafametti taanaan giddugala magaalattii keessatti gaafa sambataa ni xumurama.

Haa ta'u malee, baasiin cidhaaf bahuufi cidha kanaan walqabatee mormiin ka'e qopheessitoota sagantichaa bakka cidhaa akka ergan dhiibbaa irraan geessisuu hin oolle.

Mormitoota 'Beezof bakki hin jiru' jedhan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Mormitoota 'Beezof bakki hin jiru' jedhan

''Nuti kanaan boonna. Nuti eenyuyyuu miti, maallaqa, homa hin qabnu,'' jechuun namni Tommaso Cacciari jedhamu BBC'tti dubbate.

''Nuyi lammiilee of ijaaruun namoota addunyaarratti dhageettii guddaa qaban - biliyeenaroota magaalaa keessaa baasuu dandeenyedha,'' jechuun hime.

Jeef Beezos gaafa Roobii hoteela Amaan Veniis keessaa yoo bahu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Jeef Beezos gaafa Roobii hoteela Amaan Veniis keessaa yoo bahu

Aangawoonni magaalattiii namoota beekamoo akkanaa keessummeessuun magaalattiif galii ta'u himuun rogeeyyii danqaa uuman qeeqaniiru.

''Mormitoonni kuni akka waan Veenis dhuunfatanitti sosso'u, garuu akkanaa miti,'' jechuun qondaalli magaalichaa dhimmi dinagdee isaan ilaallatu, Simoon Venturinii BBC'tti himan.

''Eenyu asitti bultiii akka ijaarratu namni murteessu hin jiru,'' jedhan.

Jeef Beezos kaadhimaa isaa Laawuran Saanchez Caamsaa 2023'tti kaadhiman

Madda suuraa, Robert Smith / Patrick McMullan via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jeef Beezos kaadhimaa isaa Laawuran Saanchez Caamsaa 2023'tti kaadhiman

Waggaa kana barruun Foorbis Jeef Beezos dureeyyii addunyaarra jiran keessaa sadarkaa 4ffaarra jira jedhee ture.

Qabeenyi isaaniis dolaara biiliyoona 227'tti tilmaamame.

Dureessi kuni hundeessaa gabaa daldala onlaayinii beekamaa, Amaazon, akkasumas dhaabbata Blue Origin namoota hawaatti imalchiisudha.

Cimdiiwwan lamaan bultii isaanii duraaniirraa ijoollee torba godhataniiru.

Beezos gaa'ila Maakenzii Iskoot waliin qaburraa ilma sadiifi dubartii guddifataan fudhatan tokko qaba.

Erga waggoota 25'f waliin turan booda gaa'ila isaanii diiguu bara 2019 beeksisan.

Yeroo Jeef Beezos fi haati warraa isaa duraanii Maakenziin gaa'ila diiguu dubbatan sana haati warraa qooda Amaazon keessaa 4% akka fudhattu ibsamee ture

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo Jeef Beezos fi haati warraa isaa duraanii Maakenziin gaa'ila diiguu dubbatan sana haati warraa qooda Amaazon keessaa 4% akka fudhattu ibsamee ture

Cimdiiwwan lamaan yeroo adda bahan haati warraa yoo xiqqaate dolaara biiliyoona 35 qooddatteetti.

Seenaa gaa'ila diigame keessatti kuni maallaqa isa olaanaadha.

Haati warraa duraanii qooda Amaazon keessaa qabu 4% ta'eefi $35.6bn tilmaamamus inuma qabdi.

Gama kaaniin, Laawuran Saanchez, ganna 55, paayileetiii helikooftaraa eeyyama qabduufi dhaabbata Black Ops Aviation jedhamu nama hundeessitedha.

Dhaabbati kuni dhaabbata filmii hojjetuufi qabeenyummaan isaa kan dubartii ta'eefi dubartiin sosso'udha, akka dhaabbatichi ibsetti.

Taphataa NFL duraanii abbaa warraashee ta'erraa ilma tokko qabdi. Waggoota 14'f waliin jiraatanii turan.

Sagantaa cidhaa Sambata raawwatuuf bakka qophaa'aa jiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Sagantaa cidhaa Sambata raawwatuuf bakka qophaa'aa jiru

Eenyutu cidha kana mormaa jira?

A large banner against Amazon founder Jeff Bezos lies on the ground, placed by Greenpeace Italy activists and UK activist group Everyone Hates Elon, in St Mark's Square in Venice, Italy, on 23 June 2025.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Activists unveiled various anti-Bezos banners around Venice

Cidha kana gartuuleen hedduu mormaniiru. Kanneen keessaa Veenis keessatti dhimma turizimii irratti kanneen sagalee dhageessisan jiru.

Akkasumas rogeeyyiin jijjiirama qilleensaa Beezos Tiraampiif deeggarsa taasisuu isaa mormaniis jiru.

Kaan immoo cidhi kuni gar tokkoo magaalaa kanaa ni cufa jedhanii mormii dhageessisan.

Humnoota nageenyaa Bataskaana 'Madonna dell'Orto' fuuldura mul'atan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Humnoota nageenyaa Bataskaana 'Madonna dell'Orto' fuuldura mul'atan

Sagantaan cidhaa kuni Kamisa Bataskaana seena qabeessa 'Madonna dell'Orto' biratti eegala jedhame.

Bulchiinsi magaalaa Veenis gaafa Roobii ajaja baaseera. Ajaji kunis bakka sana namni biraa akka hin dhufnedha.

Kunis, sochii rogeeyyii mormii dhageessisan biraa hambisuu yaadameeti,

Eenyutu affeerame?

Intalli Pirezidant Donaald Tiraamp, Ivaankaa Tiraamp, akkasumas abbaan warraa ishee Jaared Kushiner buufata xiyyaaraa Veenisitti mul'ataniiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Intalli Pirezidant Donaald Tiraamp, Ivaankaa Tiraamp, akkasumas abbaan warraa ishee Jaared Kushiner buufata xiyyaaraa Veenisitti mul'ataniiru

Keessummoonni 200 ta'an affeeramaniiru.

Intalli Pirezidant Donaald Tiraamp, Ivaankaa Tiraamp, akkasumas abbaan warraa ishee Jaared Kushiner buufata xiyyaaraa Veenisitti mul'ataniiru.

Akkasumas taatoofi namooti beekamti olaanoo qaban kanneen akka Kim Kaardaashiyaan, Kiriis Jeener, weellistuu Keeti Peeriifi kaan affeeramaniru.

Hundi isaanii sagantaa cidhaa kanarratti argamu jedhamee amanama.

Akkasumas qopheessituun sagantaa TV beekamtuu, Opraah Winfiree, taatoo beekamaa Liyoonaardoo Dikaapiriyoofi kaanis ni eegamu jedhamee odeeffameera.

Weellistuun beekamtuu Keeti Peerii (bitaarraa 2ffaa) sagantaa kanarratti argamti jedhamee eegama

Madda suuraa, EPA-EFE / REX / Shutterstock

Ibsa waa'ee suuraa, Weellistuun beekamtuu Keeti Peerii (bitaarraa 2ffaa) sagantaa kanarratti argamti jedhamee eegama

Akka miidiyaa Xaaliyaaniitti, hoteelonni gatii qaalii magaalattii keessa jiran hundi qabamaniiru.

Jeettiiwwan dhuunfaa buufata xiyyaaraa Veenis marsuu danda'u, dooniiwwan gatii qaalii dabalatee jechuudha.

Akkasumas miseensonni humna galaanaa duraanii US tajaajila nageenyaa kennuuf qacaramaniiru gabaasi jedhuus jira.

Sagantaan cidha kanaa dolaaraa miiliyoona 55.69 fudhachuu danda'a jedhamee eegama.

Kana kan dubbatan pirezidantii bulchiinsa naannawa Venetoo (Veenis dabalata) Lukaa Zayiyaadha.

Kiim Kaardaashaan sagantaa cidhaa kanarratti argamti jedhamee eegama

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Kiim Kaardaashaan sagantaa cidhaa kanarratti argamti jedhamee eegama

Magaalaa Veenisitti cidhi gatiin guddaa itti bahe yeroo qophaa'u kuni kan duraa miti.

Bara 2014, taatoon beekamaa Joorj Kiluunii ogeettii seeraa Amaal Alamuddiin waliin bultii yeroo ijaarratan taatoowwab beekamoo magaalaa kana dhiphisanii turan.

Yeroos garuu akka Beezos kana mormiin irratti dhihaate hin jiru.