'Tigraayitti mootummaa haaraa hundeessuuf sanadni qophaa'e torbee dhufu ifa ta'a'

Madda suuraa, TIGRAI TELEVISION/FACEBOOK
Naannoo Tigraay keessatti sanadni mootummaan haaraan itti hundaa’u torban dhufu akka ifa taasifamu ibsame. Sanada bulchiinsa mootummaa yeroo hundeessuuf gargaaru marii paartilee siyaasaafi qaamolee hawaasaa garagaraan waliin taasisuun qopheessuuf koreen hundaa’eera.
Gaafa Roobii Guraandhala 15, 2023 ibsa kan kennan miseensi koree bulchiinsa yeroo hundeessuu kanaa kan ta’an Janaraal Taaddasa Warrada, sadadni qophaa'aa jiru torban dhuftu keessaa ifa akka godhamu BBC'tti himan.
''Tigraay keessa adeemsi mootummaa ijaaruu jalqabeera. Koreen walabaa ta’e hundaa’ee, paartilee akkasumas hawaasa garagaraa waliin mariin gaggeeffamee xumurarratti sanada bulchiinsa mootummaa yeroo hundaa’uu ni qophaa’a.''
Sanada qophaa'urratti hundaa'uunis yaa’iin qaamoleen garagaraa qopheessaniin mariin gaggeeffamee ''sanadi ni ragga’a,'' jedhu Janaraal Taaddasaa.
''Hanga xumura torban kanaatti paartilee siyaasaafi hawaasa garagaraa waliin marii ni gaggeessina. Torban dhufu immoo konfiransii qopheessinee sanadi mootummaan itti hundaa’u ifa ta’a.''
Adeemsi sanada qopheessuu fi mootummaa hundeessuu iftoomina akka qabaatu fi hirmaachisaa akka ta’u akka godhamus dubbatan.
''Xumura irratti mootummaa federaalaa waliin kan irratti mari’annu ta’a.''
Bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay qophaa’u keessatti paartileen mormituullee akka hirmaatan ibsameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kana dura hanga bulchiinsi yeroo hundaa’utti bajati mootummaa federaalaa Naannoo Tigraayif akka hin gadhiifamne qondaalli TPLF Obbo Getaachoo Radaa ibsaniiru.
Janaraal Taaddasan bulchiinsi yeroo kuni bulchiinsa naannichaa kan hunda hammate gochuufis carraa gaarii akka ta’e ibsan.
''Bulchiinsa yeroo ijaaruun waliigaltee Piritooriyaa qofaaf osoo hin taane waan keessa jirru kana akka goonu waan nu dirqisiisuuf,'' jedhan.
Adeemsa kana keessatti TPLF akka qaama naannicha bulchaa tureetti dhimmicha gamaaggamuu dabalatee sadarka adda addaarratti haa hiramaatu malee dhaabbileen mormiituus keessatti qooda fudhachaa akka jiran dubbatan Janaraal Taaddasaan.
''Fuula duratti dirree dimookiraasii bal’isuuf, paartileen siyaasaa garagaraas akkasumas waldaaleen ogummaafi siviilii garagaraa dhimma Tigraay irratti dammaqinaan akka qooda fudhatan gochuufis, aadaa siyaasaa keenya irratti jijjiirama fiduuf carraa guddaadha amantaa jedhu qabna.''
Waraana gaaga'aa waggaa lamaa mootummaa Federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti gaggeefame ji'oota dura waliigaltee Piriitooriyaafi Naayiroobiin mariin xumuramuuf hireen argame.
Ergaasii bu'uura waliigalteewwan mallattaa'aniin naannoo Tigraay deebisanii ijaaruuf yaaliin eegalmeera.
Humnootni Tigraayis meeshaalee gurguddaa qaban mootummaa Federaalaaf dabarsanii kennuun haala gara nagaatti deebisuuf yaaliiwwan godhaman daandii qajeelaa qabateera.












