Gaa'ela lammiilee Keeniyaa fi Ingiliizii dheekkamsa kaasee ture

Madda suuraa, SUPPLIED
Dubartiin lammii Ingiliizii jaalala lammii Keeniyaa qaroo-dhabeessa taheen kuftee gaa'ela dhaabuunishee ijoo dubbii tahuurra darbee warreen olaantummaa adiitti amanan dheekkamsiise.
Ruut Hoolweey fi Joon Kimuuyuun qeeqa isaanirra gahaa turerra jaalallisaanii caalee gaa'elaan turanii daa'ima Indiindaa Kimuuyuu jedhamtu godhataniiru.
Ruutiin Ingiliizi irraa Keeniyaa dhimmishee fide hojii ''missionary'' ture. Wiirtuu qaroo-dhabeessotaa isheen keessaa hojjettutti ture Joon waliin kan wal-baran.
Dubartiin Ingiliizii kuni lammii Keeniyaa wajjin gaa'ela akka dhaabdu gaafa beeksiftu hojii isheerraa arii'amtee turte.
Amma inatllisaanii seenaa maatiishee bara 1957tti jalqabe kitaaba himu barreessuu jalqabdeetti.
Nootingihaam Shaayar dhalattee kan guddatte Ruut gara Keeniyaa kan dhufte yeroo shamarree ganna 19 turte dha.
Yeroo ulfaataa bara jedhamutti akkuma Keeniyaa geesseen Joon wajjin wal-bartee jaalalaan qabamte.

Yeroon sun finciltootaa fi qabsaa'onni mirgaa Maawuu Maawuu jedhaman gita bittaa Ingiliiz jalaa bahuuf yerootti warraaqaa turani dha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ruut nama Keeniyaa kanatti heerumuuf akka tahe maatii fi hojjachiistoota isheetti himuuf dooniidhaan gara UK yoo deemtu mormiin guddaa irra gahe.
Miidiyaaleen otoo hin hafiin maqaa ishee akka hamaatti kaasan.
''Cidha isaaniif qubeelaa bittee keekii keessa dhoksiteeti gara Keeniyaa dhufte,'' jechuun intallisaanii Indindaan dubbatti.
Adii fi gurraachi jaalalaan gaa'ela dhaabuuf jechuun dhimma yeroo jalqabaaf raawwachuuf jiru akka tahetti waan yaadameef akkaan qalbii namootaa qabatee ture.
''Yeroos cidhi isaanii akka waan guddaatti dha kan ilaalame,'' jechuun wal-fuudhuu jara kanaa Ingiliizirra darbee miidiyaaleen Ameerikaa gabaasuu isaanii Indiindaan himti.
''Mormiin inni guddaan kan isaan mudate humna gita bittaa Keeniyaa jiru irraati. Isaan gaa'ela kana cirumaa hin jaalanne ture,'' jetti Indindaan.
Indindaan gaa'ela isaanii waggaa sadii booda dhalatte. Abbaashee waliin akkaan walitti dhiyaatti turte.
Tahus Keeniyaan bilisa bahuu hordofee maatiinshee lamatti qoodamuun dirqama tahe.
Bata 1965tti Ruut abbaawarraasheerraa adda baatee gara Ingiliiz deemuun dirqama itti tahe,''yeroon sun abbaa koof gaarii hin turre. Haadha koofis dhimma miirashee jeeqaa ture dha,'' jetti.
Indindaa abbaanshee haadhashee waliin gara UK kan inni hin deemne nama gurraacha fi qaroo-dhabeessa waan taheef hojii hin argatu yaaddoo jedhuun akka tahe himti.
Joon maatii isaa waliin imaluu baatullee sagaleesaa kaasseettan waraabee ergaafi ture. Kaasseettiiwwan inni ergaa ture ammallee harkashee akka jira kan himtu Indindaan, hiika guddaa akka isheef qabanis himti.
Ruut waggaa 30 booda lubbuun darbe. Ruutiin adda bahuun booda ala lama gaa'ela godhatee kan ture Joon umriisaa 90 keessa galee torban muraasa dura lubbuunsaa darbeera.
Indindaan awwaalcha abbaa isheerratti argamuuf waggaa 30 booda Keeniyaattii deebiteetti.
Imalli gara Keeniyaa taasifte waa'ee jaalala maatishee kitaaba akka barreessituuf ishee kakaaseera.
''Gara biyya kootti akkaan dhufetti natti dhagahame. Du'a abbaa kootti gaddi guddaan natti hin dhagahamne. Inumaayyuu akka boqonnaa argateetti natti dhagahama.
Indindaa seenaa maatishee akka ''waan karaa banetti'' kan ilaaltu yoo tahu, ''amma addunyaa akkaan adda tahe keessa dha kan jiraannu,'' jetti.
''Jaalalaaf wareegama gosa kamiyyuu baasta. Jaalalaaf jecha tulluu baata. Jaalalatu tokko isaan godhe. Jaalala isaaniifis jecha wareegama kaffalaniiru,'' jechuun waa'ee hariiroo maatishee odeessiti.












