Waa'ee haleellaa US bu'uuraalee niwkilaaraa Iraan irratti raawwattee maal beekna?

Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp xiyyaaronni waraanaa US wiirtuulee nukilaaraa sadii haleeluu hime, kunis waraana Iraaniifi Israa'el gidduu adeemaa jiru akkaan waan hammeessudha.

''Iddoowwan qiyyaafannoo hafan baayyetu jira. Inni eda galgalaa hunda isa caaluufi balaafamaa ture,'' jechuun pireezidantichi kara foddaa TV uummata Ameerikaatti dubbate.

''Nagaan saffisaan hin dhufu yoo tahe qiyaaffannoowwan biraatti saffisaafi malaan sirriitti itti deemna.''

Haleellaan Tiraamp kuni iddoowwan itti qiyyaafate keessaa tokko Fordoo yoo tahu bakkis kunis sagantaa niwkilaaraa Iraaniif murteessaafi gaarreen jalatti dhokatee argama.

Haleellaan kuni iddoo kana hangam akka mancaase hamma yoonaa waanti beekame hin jiru.

Qondaaloti Israa'el haleellaa Ameerikaan raawwachuuf karoorsitu ''guutummaa tumsina,'' jedhan.

Ameerikaan karaa dippiloomaasii fayyadamuun Sanbata kaleessaa haleellaan qilleensaa taasifame waan kaayyeeffate galmaan gahuu fi tattaaffiin ''mootummaan biyyattii akka geeddaramu gochuu'' hin karoorfamne jechuun qondaalli US dubbachuu michuun BBC, CBS gabaaseera.

Iraan buufataalee waraanaa Bahagidduugalaa keessa jiran irratti xiyyeeffachuun deebii kennuu dandeessi.

Qondaalonni biyyattii haleellaan US waraanni Baha Gidduugalaa akka ka'u saaxilte jechuun akka deebii kennan dubbatan.

Hamma yoonaa waantota beeknu:

Akkamiin jalqabe?

Israa'el gaafa Waxabajjii 13 wiirtuulee niwkilaaraafi buufataalee waraanaa Iraan irratti qiyyaafachuun haleellaa raawwatte.

Ministirri Mummee Beenjaamiin Netaaniyaahuu Iraan dhiyeenyattii boombii niwkilaaraa ooomishti jechuun sagantaa niwkilaaraa kana barbadeessuu akka fedhan himan.

Iraan sagantaan niwkilaaraashee kaayyoo fayyaalessa taheef akka oolu irra deddeebiin himteetti.

Deebii haleellaa Israa'eliif Iraan rookeetii fi dirooniiwwan dhibbaan lakkaa'aman Israa'elitti dhukaasteetti. Biyyooti lameen ergasii walitti dhukaasuu itti fufaniiru.

Tiraamp kanaaan dura Iraan meeshaa waraanaa niwkilaara qabaachuu akka hin deeggarre himeera. Israa'el niwkilaaraa akka qabdu amanamus biyyattiin garuu haaltees, amantees hin beektu.

Hogganaan tika biyyaalessaa duraanii Ameerikaa Tuulsii Gaabaard Bitootessa darbe Iraan haala mul'atee hin beekneen gabbisa uraaniyeemiishee dabalteettii- garuu meeshaa waraanaa niwkilaara miti jedhanillee Tiraamp garuu ''kuni dogoggora.'' jedhe

Tiraamp yeroo duula na filadhaa geggeessaa turettti hogganoota Ameerikaa duraanii Baha Gidduugalaa keessatti ''waraana hin dhaabbanne'' keessa galuun isaan komachuun, Ameerikaa waraana biyya alaa keessaa akka baasan himan.

Yeroo Israa'el Iraan irratti haleellaa tasaa raawwattu Ameerikaa fi Iraan hasaa niwkilaaraa irra turan. Guyyaa lama dura Tiraamp haleellaa raawwachuun dura mariidhaaf torbee lamaa akka kennaniif dubbatanii turan- yeroon kennan kuni garuu waan gabaabbate fakkaata.

Ameerikaan wiirtuulee nukilaaraa kam fa'i haleelte?

Ameerikaan iddoowwan niwkilaaraa sadii haleeluu himte - kunneenis Fordoo, Naataanz fi Isfaahaan jedhamu.

Fordoon kibba Teehraanitti gaarreen jalatti kan argamu yoo tahu lafa jala hulaa UK fi Firaansitti baasu akka qabutu amanama.

Meeshaaleen waraanaa Israa'el Fordoo irra keessa lafaa irraa gad fagaatee argamu haleelee mancaasuu hin dandeenye. Ameerikaa qofti boombii ishee ''baankar bastar'' jedhamuun barbadeessuu dandeessi taha.

Boombiin Ameerikaa GBU-57 jedhamu kuni kg13,000 kan ulfaatu yoo tahu dhohuun dura lafa jala hamma meetire 61 deemuu danda'a.

Hulaan Fordoo lafa jala meetira 80 hanga 90 fagaatee akka jirutu amanama. Tahus boombiin itti siqee dhuka'uu danda'u isa kana qofa.

Miidiyaaleen Ameerikaa meeshaan kuni hojiirra ooleera jechaa jiru.

Miidhaan qaqqabe hangami?

Haleellaan Ameerikaan raawwatte bu'uuraalee niwkilaaraa irratti miidhaa hangamii akka qaqqabsiise ykn namni miidhame yoo jiraate waan beekamu hin jiru.

Hogganaan siyaasaa miidiyaa mootummaa Iraan, Hasan Abeedinii iddoowwan kunneen sadan biyyisaanii ''dursitee'' naannicha qulleessuu himan.

Miidiyaa biyyaalessaa irratti dhiyaachuun ''Iraan irra balaan guddaan hin qaqqabne sababiinsaas meeshaan dursee achii baheeraa,'' jedhan.

Tiraamp gamasaan haasaa TV'n kenneen ''bu'uuraaleen gabbisa sagantaa nikilaaraa guutummaan guutuutti barbadaa'eera,'' jedhe.

Ministira ittaanaa dhimmoota siyaas-waraanaa Ameerikaa duraanii Maark Kiimiit dhimma kanarratti shakkii akka qaban himan.

''Akka hin deebinetti barbadaa'eera jechuun hin danda'amu,'' jedhan.

Israa'el wajjin erga lolli jalqabee Iraan namoonnii 200 jalaa ajjeefamuufi kanneen 1,200 tahan madaa'uu gabaasteetti.

Erga Ameerikaan haleellaa raawwatteen booda Israa'el haala nageenyaa biyya keessaa jabeessaa jirti.

Humni Waraanaa Israa'el ''sochiiwwan barnootaa, walgahii fi iddoo hojiitti eegumsi jabeeffamaa jiraachuu himuun kunis haleellaa Ameerikaan Iraan irratti raawwatteen booda dhagahame.''

Iraan haaloo bahuu maltii?

Iraan haleellaa Israa'el irratti raawwachaa jirtuuniifi michootashee Heezboollaafi Hamaas laamshessuun laafteetti jedhu ogeeyyiin. Tahus Iraan ammallee haleellaa miidhaa qabatamaa tahe qaqqabsiisuu dandeessi.

Qondaaloti Iraan dhimma kana keessa Ameerikaan akka hin galle akeekkachiisuun yoo didde ''miidhaa irraa hin bayyaanannetu irra gahaa, Baha Gidduugalaa ammoo ''guutummaatti waraanatti galcha,'' jedhan.

Buufataalee waraanaa Ameerikaan naannicha keessaa qabdu irratti akka xiyyeeffattus Iraan himteetti. Ameerikaan Baahireen, Masrii, Iraaq, Joordaan, Kuweet Kataar, Saawudii Arbiyaa fi UAE dabalatee Baha Gidduugalaa keessaa buufataalee waraana 19 qabdi.

Kunneen keessaa qiyyaafannoo salphaa Ameerikaa kan tahe Navy's 5th Fleet HQ at Mina Salman kan Baahireen keessatti argamu dha.

Hulaa doonii Istireet oof Hoormuuz Galoo Galaan Parshiyaa fi Garba Indiyaa wal quunnamsiisuufi hulaa boba'aan addunyaa dhibbeentaa 30 tahu keessa darbu yoo tahu Iraan isa irratti qiyyaafattee haleellaan gabaa addunyaa jeequu mala.

Iraan qabeenya Ameerikaa biyyoota ollaa keessa jiru jettu irrattis xiyyeeffachuu dandeessi.

Tiraamp waraanatti galuu Kongireesiirraa mirkana barbaadaa?

Seera Ameerikaa jalatti pireezidantiin Ameerikaa biyya biraa irratti qofaasaa waraana labsuu hin danda'u. Koongireesii fi seeneetii qofatu kana murteessuu danda'a.

Tahus gama biraan seerichi pireezidantichi koomaandara olaanaa humna waraanaati jedha. Kana jechuun waraana otoo hin labsiin loltoota Ameerikaa oppireeshinii waraanaaf bobbaasuu danda'a.

Fakkeenyaaf Tiraamp bara 2017 Siiriyaatti mootummaa Bashar al Assaad irratti haleellaa qilleensaa yeroo raawwatu kongireesii irraa mirkana hin arganne ture.

Kanaafis nageenya biyyaalessaafi sababoota dhimma namoomaa kenneera.

Seera tumtoonni biyyattii dhimma kanarratti karaa lamarra kan jiran yoo tahu tarkaanfii fudhatamu raggaasisuun ammoo yeroo dheeraa fudhachuu mala.