Wanti hamaan walitti bu'iinsa Israa'el fi Iraaniiin uumamuu danda'u maali?

Ammaaf lolli Israa'el fi Iraan gidduu jiru biyyootuma lamaaniin kan daangeeffame fakkaata. Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dabalatee qaamoleen garagaraa biyyoonni lamaan walitti bu'iinsa akka dhaabaniif waamicha taasisaa jiru.

Biyyoonni lamaan waamichawwan taasifaman yoo sarmuu didan maaltu uumama? Lolli kun hammaatee yoo babal'atehoo?

Galaalchaa dhimmoota Diplomaasii BBC kan ta'e Jeems Laandal lolli kun hammaatee yoo babal'ate haalawwan uumamuu malan xiinxaleera.

Ameerikaan ni makamti

Ameerikaan guutummaatti haaltuus, Iraan humnoonni Ameerikaa haleellaa Israa'el ni deeggaru, yoo xiqqaate dhoksaadhaan ni deeggaru jettee amanti.

Kanaafis Iraan qabiyyeewwan Ameerikaa Giddugala Bahaa keessatti argaman kunneen akka kaampiiwwan humna addaa Iraaq keessaa, buufataalee waraanaa Galf (Gulf) keessaa akkasumas waajjiraalee Diplomaasii biyyattii haleeluu malti.

Humnoonni michuu Iraan kan akka Hamaas fi Hezboolaan ammatti dhadhabanis milishoonni Iraaq keessaa hidhannoosaanii waliin osoo hintuqamin jiru.

US yaada haleellaawwan akkanaa raawwatamuu malu jedhuun namoota hanga ta'e naannichaa baafterti. Kana malees US, Iraan qabiyyeewwan Ameerikaarratti haleellaa yoo raawwatte deebinshee hammaataa akka ta'u akeekkachiisterti.

Fakkeenyaaf Israa'el, Tel-Aviv keessatti yookiin iddoo biraatti lammiileen Ameerikaa yoo ajjeefaman maaltu uumamuu danda'a?

Wanti kun yoo uumame Doonald Tiraamp waa gochuun dirqama itti ta'uu danda'a. Ministirri Mummee Israa'el, Beniyaamiin Netaaniyaahuun Iraan injifachuuf US gara lolichaatti harkisaa jiru jedhamuun yeroo dheeraaf komatamaa turaniiru.

US, xayyaarawwan waraanaafii boombiiwwan buufataalee gabbisa niwukilaaraa Iraan lafa jalatti ijaaraman miidhuu danda'an keessattuu kan akka Giddugala Gabbisa Niwukilaraa Fordow akka qabdu xiinxaltoonni waraanaa himu.

Tiraamp gama isaaniitiin Baha Giddugaleessaa keessatti waraana 'dhuma hinqabne' akka hin eegalle deeggartoota isaanii maqaa gabaajee 'MAGA' jedhamuun beekamaniif waadaa galaniiru. Gama biraatiinn immoo miseensonni paartii Ripablikaanii heddun mootummaa Israa'el fi ejennoo inni 'yeroon Iraan keessatti bulchiinsa/mootummaa itti jijjiiramuu qabu amma' jechuun qabu ni deeggaru.

Haa ta'u malee Ameerikaan lola kana keessatti kallattiin hirmaatti taanaan lolichi hammaachuunsaafii fi miidhaa hamaa fiduunsaa waan ooluu miti.

Biyyoonni Galf (Gulf) lolichatti ni makamu…

Iraan buufataalee waraanaa Israa'el eegumsa cimaa qaban miidhuu yoo dadhabde, misaa'elootashee gara biyyoota Galf kunneen waggoota darbaniif 'Israa'el deegaraniiru' jettee amantetti qiyyaafachuunshee hin oolu.

Bu'uuraaleen anniisaa haleellaa kanaaf akeeka ta'uu danda'anis naannicha keessa baay'inaan jiru. Asirratti Iraan ALA bara 2019 dirreewwan boba'aa Saa'ud Arabiyaa haleeluun komatamtee turte. Humnootiin Huutiis bara 2022tti akeekawwan Gamtaa Imireetota Arabaa (UAE) keessatti argaman haleelanii turan.

Ergasii Iraan fi biyyoota naannoo Galf muraasa gidduutti wanti araara fakkaatu raawwatameera.

Haa ta'u malee biyyoonni Galf baay'een buufataalee humna qilleensaa US kan qaban ta'uusaaniin dabalataan bara darbe keessaa misaa'eloonni Iraan, Israa'eeliin akka hin miineef dhoksaadhaan deegarsa taasisaa turan.

Kanaafis biyyoonni Galf Iraaniin haleelamu taanaan xayyaaronni waraanaa Ameerikaa haleellaa Iraan kana qolachuuf akkasumas Israa'eliif tumsuuf bobba'uunsaanii hin oolu.

Israa'el dandeettii niwukilaraa Iraan ballessuu dadhabdi…

Haleellaan Israa'el kun yoo fashalaa'ehoo? Buufataaleen gabbisa niwukilaraa Iraan akkaan lafa jala dhokatoofii haalaan kan eegaman yoo ta'ehoo? Albuudni yuraaniyeemii kilogiraama 400 ta'ufii dhibbeentaa 60 gabbate akkasumas sadarkaa meeshaa waraanaarra gahuuf adeemsawwan muraasni hafanfii boombiiwwan 10 omishuu dandeesisu osoo hin barbadaa'in yoo hafehoo

Albuudni yuraaniyeemii Iraan kun lafa jala iddoo icciitiin qabametti dhokfamee akka jiru amanama. Gama biraatiin Israa'el saayintiistota niwukilaraa muraasa ajjeesterti garuummoo boombiin kamiyyuu beekumsafii dandeettii Iraan gabbisa niwukilaraarratti qabdu balleessuu hindanda'u.

Haleellaan Israa'el kun angawoonni Iraan 'malli haleellaa akka Israa'eel kana gara fulduraatti hambisuun itti danda'amu niwukilara dafanii hidhachuuni' jedhanii akka amanan yoo taasisehoo?

Hogantoonni waraanaa Iraan reefu muudaman kunneen isaaniin dura turanirra kutannoo kan qabanfii ofeeggannoo kan hinqabne yoo ta'anhoo?

Haalli akkanaa yoo xiqqaate Israa'el haleellaawwan dabalataa akka itti fuftu taasisuu danda'a. Kunis naannicha maraammartoo haleellaa fi deebii haleellaa itti fufiinsa qabuuf saaxiluu danda'a.

Gaaga'amni diinagdee idil addunyaa ni uumama…

Lolli Israa'el fi Iraan erga eegalee as gatiin boba'aa gabaa addunyaarratti dabalaa jira.

Iraan hula bishaanii Hormuuz (Strait of Hormuz) cufuun sochii boba'aa kan danqitu yoo ta'e maaltu ta'a? Hidhattoonni Huutii Yaman keessaa haleellaa dooniiwwan Galaana Diimaarraa yoo cimsanhoo?

Hidhattoonni Huutii michuuwwan Iraan salphaatti tilmaamamuu dhabuunfii fedhii haleellaawwan ciccimoo raawwachuuf qabaniin beekamanidha.

Gama biraatiin lammiileen biyyoota heddu qaala'iinsa jireenyaan rakkachaa jiru. Gatiin boba'aa yoo caalaatti dabalemmoo diinagdee addunyaa sababa murtee taarifaa Tiraampiin miidhamaa jirutti qaala'iinsa gatii hammeessa.

As keessatti dabaluu gatii boba'aatiin fayyadamu kan danda'u Pirezidaantii Raashiyaaa Vilaadmir Putin dha. Putin, doolaarawwan biliyoonota sababa dabaluu gatii boba'an argatan waraana Yukireeniif oolfatu.

Bulchiinsi Iraan ni kufa, qaawwi ni uumama…

Israa'el karoorashee yeroo dheeraa kan ture bulchiinsa warraaqsa Islaamaa Iraan humnaan kuffisuun yoo milkooftehoo?

Netaaniyaahuun karoorrisaanii inni duraa dandeettii niwukilaraa Iraan balleessuu akka ta'e himu. Haa ta'u malee ibsa tibbana kennaniin kaayyoon bal'aan biyyasaanii Iraan keessatti jijjiirama mootummaa fiduu akka ta'e himaniiru.

Haasaa isaanii kanaan Netaaniyaahuun, "Yaa uummata boonaa Iraan, haleellaan kun bulchiinsa hamaafii cunqursaa kanarraa bilisummaa akka goonfattaniif karaa kan isiniif saaqudha" jedhan.

Mootummaa Iraan kuffisuun naannichatti keessattuu lammiilee Israa'el hanga ta'e gammachiisuu danda'a. Garuummoo wanti kun qaawwa akkamii uumuu danda'a? Miidhaa hintilmaamane yoo fidehoo? Wal waraansi Iraan keessaa maal fakkaachuu danda'a

Biyyoota akka Iraaq fi Liibiyaa keessatti mootummaan giddugaleessaa cimaan yemmuu diigametti maaltu akka uumame namni hedduun ni yaadata.

Kanaafis maaltu ta'uu akka danda'u kan murteessu haala lolli kun guyyoota itti aananitti itti adeemudha.

Iraan haleellaa Israa'el bifa kamiin fi hagam ciminaan haaloo baati? US hoo Israa'el irratti dhiibaa kan gootu yoo ta'e dhiibbaa akkamii gochuu dandeessi?

Haalonni gara fulduraatti uumamuu danda'an deebii gaafilee lamaan kanarratti kan hundaa'anidha.