Ajjeechaa Jaldutti lubbuu namoota 18 galaafate irratti hanga ammaatti kan beeknu

Hidhataa dhukaasaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Haleellaa Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduutti raawwate jedhameen abbaa fi ilma dabalatee, namoonni miseensoota milishaa gandoota garaa garaa ta’un himame 18 hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)n ajjeefamuu miseensoonni maatii miidhamtootaa BBCtti himan.

Jiraattoota aanichaa BBCn dubbise keessaa kan nageenyasaatiif jecha maqaansaa hin eeramne tokko, ‘‘namoonni ajjeeffaman kun qindeessummaa caasaa nageenya Aanichaatiin milishoonni gandoota aanichaa gara garaa keessaa walitti qabamuun hidhatanii gara ganda Aabboo Kilbeetti ergamanii’’ booda achitti ajjeefamu himan.

Ajjeechaa raawwatame jedhame kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa qaamoolee mootummaa aanichaarraa argachuudhaaf yaaliin BBCn taasise hin milkoofne. Akkasumas qaamni ajjeechaa kanaan himatame WBO irraas ammatti deebii argachuu hin dandeenye.

Oromiyaa keessatti bakkeewwan hidhattoonni WBO keessa socha’aniitti, walitti bu'iinsa waraanaa motummaa fi garee kana jidduutti gaggeeffamuun yeroo baayyee namoonni nagaa miidhamoo akka ta'an dhaabbileen mirgaaf falman gabaasaa turan.

Milishootaa gandaas akkasuma saaxilamoo yoo ta'an garuu haala tibbanaa kanaan bakka tokkootti baayyinaan yoo ajjeefaman kan barame hin turre.

Hedduunsaanii abbaa maatii kan ta'an miseensoonni milishootaa kunneenis, dirqamanii akka gara Aanaa Kilbeetti galan kan kaasan jiraataan firriisaa keessa jiraachu himan kun, ‘‘yoo ergama kana didan humnoota mootummaatiin, yoo ergama fudhatan ammoo leenjii waraanaa gahaa malee hidhattootaan akka ajjeefaman’’ dubbatu.

Jiraataan kun akka jedhaniitti, milishoota guyyaa sana ajjeefaman keessaa maatiin lama abbaa fi ilmatu keessatti argama. ‘‘Fakeenyaaf, Mulunaa Tolasaa ilmasaa Abarraa Mulunaa jedhamu waliin ajjeefame. Maatii biraa keessaas akkasuma abbaafi ilmi ajjeefamaniiru’’ jedhan.

Miseensi maatii milishaa ajjeeffame kan biraa Obbo Qalbeessaa (kan nageenyaaf jecha maqaan jijjirame) ammoo ‘‘Milishoota Aanichatti ajjeefaman keessaa tokko nama Alamuu Calqabaa jedhamu, kan umuriin waggaa 48 yoo ta’an abbaa ijoollee saddetiiti; waliigalaan gara namoota kudhanii nama jiraachisan turan.

‘Manaa butamee kanfaltii qarshii 230,000n gadhiifaamee ture’

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Qalbeessaan ALI Bara 2015tti hidhattoota WBO’tiin manasaatii butamee, maatiin qarshii kaffalee gadhiifaamu BBCtti himan.

“Alamuu qabanii fudhatanii erga gara Gindabarat geessanii booda qarshii 230,000 gargaarsuma maatiitiin lubbuunsaa akka hin banne, ijoollee saddeetirraa maaliif du’a jennee walitti hirphannee akka deebi’u taasifame” jedhu miseensi maatii Alamuu.

“Hidhattoota kunneen manumatti itti seenaniitoo fudhatanii birrii jedhame kana kaffaltan malee lubbuusaa galaafanna jedhan. Firri walumatti baanee birrii kana kaffallee akka deebi’u taasifame.

''Gaafa deebi’eetoo dhufummoo dararri kun ammas itti deebinaan, ani homaa waantan namoota kanaan lammata du’u hin qabu jedhee, caasaa milishaatiin gandarratti gurmaa’e’’ jechuun attamiin akka miseensummaa milishaatti makaman himu

''Ramaddiidhuma Aanaan geggeessaa jiruun duula bahaniituma eegumsarra otoo jiraniiyyi kan miidhaman. Ganda Aabboo Kilbee bakka jedhamutti gaafa Onkoloolessa torbaa milishoota kaan waliin otoo deemanii, hidhattoonni baay’eedhaan achitti itti marsanii humna isaaniitii ol itti ta'ee namoonni hamma sanaa lubbuun isaanii dhaban” jedha.

“Jaroonni kunneenis ramaddiidhuma Aanaan geggeessaa jiruun duula bahaniituma eegumsa biyyaatiif otoo jiraniiyyi kan miidhaman. Gurmaa’inni caasaa haaraa kun gandarratti gadi bu’ee waanta jiruuf, isa jajjabeessuudhumaaf otoo hojiirra jiraniiyi kan hidhattoonno itti marsee lubbuunsaanii akka darbu taasie’’ jedhu Obbo Qalbeessaan.

''Sa’aatiinsaa halakan yeroo malee waan ta’eef, qaamni Aanaarra jirullee dirmachuu waanta dadhabameef, lubbuun namoota kanaa achitti darbe” jehuunis itti dabaluun ibsu miseensi maatii Obbo Alamuu kun.

Isaan keessaa, “gara nama 18 ol inuma dhuman; kaan waan ta’an hin beekne. Ammaaf lubbuun namoota jahaa baheera kan jedhan odeeffannoo qabna. Lafti itti bari’ee, waraanni mootummaas duubaan nutti dhufa jedhaniin fakkaata kaan fixanii jaroota sana dhiisanii baqatanii deemani” jechuunis dubbata Qalbeessaan.

Galgaluma sana gaafa Onkoloolessa 7 sirni awwalcha namoota ajjeeffamanii isaanii raawwate kan jedhu Obbo Qalbeessaan, sirni gaggeessaa namoota ajjeeffaman hundaa Aanaa Jalduutti gaafa Onkololeessa guyyaa 10 akka raawwatu Aanaan qopheessaa jiru kan jedhu odeeffannoo qabna” jechuun BBCtti himan.

Milishoonni kunneen Gandoota adda addaa Aanichaa keessaa kan walitti dhufan yoo ta’u, Waajirri poolisii [Aanaas] garee milishootaa kana gurmeessuudhaan waliin waan jiruuf innillee faanuma wareegameera. Dubartiin wayiiillee kan ajjeefaman keessa jiraachu quban qaba," jedhan.

‘‘Alamuun maatii gara qudhanii irra du’e. Kanaafu mootummaan gargaarsa yoo taasiseef malee, ijoolleensaa kan ofdanda’anii miti, ijoollee baay’ee xixiqqoodha. Mootummaan gargaarsa hin gooneef taanaan falli hin jiru; miidhaa guddaatu irra gaha” jedha Qalbeessaan.

'Kan lagaa dhumus, kan asii du’us keenya’

Mootummaan qaama WBO waliin araaramuuf faara tolaa agarsiiseen uummanni abdii guddaa horachuu kan himan namni BBCn dubbise kan biraa, “kan lagaa dhumus, kan asii du’us keenya. Mootummaan waliigaluufiidha jedhee bakka ummanni gammachuusaa ibsaa jirutti, taatee rifaasisaan kun mudate‘‘ jechuun hima.

“Lapheen uummataa gammachuudhaan guutamee otoo jiruu, dallansuun hamma kanaa gahu yeroo dhufutti, araara dhugaa jennee waan ilaallu miti. Osoo ummanni yoom araarri kun mirkanaa’a jedhee eeggachaa jiruu, gammachuu daangaa hin qabne gammadaa jiranii taateen kuni ta’uun ani akka nama tokkootti natti dhaga’ameera” jechuun gadduu isaa ibsa jiraataan kun.

‘Awwaala haadhoo ofii bira dhaabachii dhiisuun dabdeedha’

Dhibdee nageenyaa Oromiyaatti uumameen hawaasni Lixa Shawaas dhukkubsataa mana yaalaa geessuun, ijoollee barsiifachuun akkasumas awwaalcha fira ofii irratti argamuun waggoota arfan shanan darbaniif rakkisaa ta’uun himamaa tureera.

“Awwala fira ofii, awwaala haadhoo ofii bira dhaabachuu dhiisuun dabdeedha. Dabdee kana dhiisanii” araara buusuun nageenya hawaasaa akka deebisanis gaafata Obbo Qalbeessaan.

BBCn ajjeechaa Aanaa Jalduu kanarratti bulchaa Aanaa, itti gaafatamaa dhimma nageenyaa Aanichaa akkasumas itti aanaa isaanii gaafachuuf yaaliin taasisee hin milkoofne.

Bakka amma taateen kun itti mudate dursaa kan turan ajajaan WBO Zoonii Giddugalaa fi miseensa koree hojiraawwachiiftuu waraanichaa duraanii Sanyii Nagaasaati. Isaanis ''ABO-WBO dhaaba nam-tokkee seeraafi heera hin qabne'' jechuun qaama kana waliin qabsoo gaggeessuu akka dhaaban himuunsaanii yaadatama.

Pirezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimalliis Abdiisaa Onkololeessaa 10, 2024 qaama WBO kan Zoonii Giddugaleessaa waliin marii nagaa gochuuf qophii ta'uu ibsanuun miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessanii turan.

Haata’u malee Ajajni Olaanaa ABO-WBO ibsa buluusaa, Onkololessa 11, 2024 baaseen, ''Hogganni WBO zoonii Gidduu Galeessaa ji'a torba dura nama biraatti dabarfamu himan.

Kanaafuu ''qaama hidhattoota hoogganu kanaatti qaamni mootumaan waliin marii gochuuf fedha qabaachuu ibsu, nama dhuunfaa waraana hoogganu of jalaa qabu miti‘‘ jechuu gabaasuun keenya ni yaadatama.