Enzoo Fernaandeez seenaa Piriimer Liigii keessatti maallaqa isa guddaan Chelsii seene

Enzoo Fernaandeez

Madda suuraa, Getty Images

Chelsiin taphataa sarara gidduu lammii Arjantiinaa Enzoo Fernaandeez seenaa Piriimer Liigii keessatti maallaqa isa olaanaa ta'een kilaba Benefikaa irraa ofitti fide.

Tujaara Ameerikaan kan durfamu Chelsiin taphaticha paawondii miiliyoona 107 baasuun bitee rikardii qabate.

Kanaan dura rikardii qabatee kan ture Maanchistar Siitiin kilaba Aston Viilaa irraa kan fidate Jaak Giriilish ture.

Benefikaan ji'a torba dura kilaba Arjantiinaa - Riivar Pileet jedhamurraa paawondii miiliyoona 10 baasuun Enzoo Fernaandez bite.

Kilabiin kun taphataa dorgommii waancaa addunyaa 2022 irratti dandeettii ajaa'ibsiisaa agarsiisuun badhaasa argate kana maallaqa guddaan Chelsiitti dabarsuu mirkaneesseera.

Chelsiin maallaqa taphata kana fiduuf kaffale paawondii miiliyoona 107 dabalatee jijjiirraa taphattootaa barana goolabameef walumaagalatti paawondii miiliyoona 288 baaseera.

Kilabiin kun dhiheenya kana taphataa qarqara irra taphatu Mikaahiloo Mudriik paawondii miiliyoona 90 baasuun Yukireen irraa fidateera.

Chelsiin maallaqa guddaa baasee taphattoota ciccimoo yaa bituyyuu malee, sadarkaansaa Piriimer Liigii keessatti fooyya'uu hin dandeenye.

Piriimer Liigii kan dursu Arsenaal irraa qabxii 21 duubatti hafee sadarkaa 10'ffaarra jira.

Jijjiirraawwan xumuraa...

Arsenaal wayita jijjiirraan taphattootaa goolabamutti taphataa sarara gidduu lammii Itaalii Joorjiiniyoo Chelsii irraa paawondii miiliyoona 12n mallatteessifateera.

Taphataa sarara gidduu Biraayitan Kaayseedoo bituuf karoorsee kan ture Arsenaal, kun milkaa'uufii didnaan bakkasaa Joorjiiniyoo fidate.

Maanchistar Yunaayitid ammoo taphataan sarara gidduu Kiristaan Eriksan jalaa miidhamuu hordofee, taphataa sarara gidduu lammii Ostiriyaa Saabiitzar Baayer Muunik irraa mallatteessise.

Saawizaampitan ammoo seenaa kilabichaa keessatti maallaqa isa guddaa ta'e baasuun tapataa sarara qarqaraa lammii Gaanaa Kamaaladdiin Sulaymaan paawondii miiliyoona 22n mallatteesifate.

Tootanhaam gamasaan taphataa sarara ittisaa Peedroo Paaroo kilaba Ispoortiing Liizban irraa mallatteesseera.

Taphattoota tibbana jijjiirraa raawwatan

Chelsiin kilaboota hunda caalaa baasii guddaaf saaxilame.

Maallaqa guddaa baasuun lammii Arjantiinaa gara Istaanfoord Biriij fiduun alatti lammii Yukireen Mikaahiloo Maadriikiif paawondii miiliyoona 89 kanfale.

Dursaan Piriimer Liigii Arsenaal Amajjii kana keessa qofa taphattoota sadii gara Kaaba Landan fideera.

Joorjiiniyoo miiliyoona 12, Biraayitan irraa ammoo Tiroosaardiin miiliyoona 21'n biteera. Akkasumas Jaakuub Kiriyoor Liigii Itaalii irraa paawondii miiliyoona 18'n fidate.