'Gaalli yeroo ilmoon jalaa du'u ni boossi, tikseetti obsa godhatti'

Oromoon Karrayyuu hoorsisee bulaa yoo tahu loon, re'ee fi gaala ija waan irra keewwatuuf karra-sadeen jechuun maqaa waama.

Dhalataan Karrayyuu Obbo Leellisaa Marcoo Boruu hawaasni Karrayyuu gaala akka qabeenya guddaatti ilaala jedhan.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii bara 2024 waggaa gaala addunyaa jechuun akka yaadatamu godhee ture.

Itoophiyaan gaala miiliyoona torba tahu qabaachuun biyyoota addunyaa sadarkaa duraarra jiran keessaati jedha masariitiin Live Stock Data for Desions jedhamuufi odeeffannoo dhimma bineeldotaa dhiyeessu.

Obbo Leellisaan Karrayyuun gaala 'abbaa hiyyeessaa, yeroo rakkinaatti kan namaa dhaqqabu,' jedheetu yaada jedhan.

Gurguramee galiinsaa maatii kan beela baasu, geejibaan karaa dheeraa kan itti deemuuf, annansaan ijoollee ittiin guddisa. ''ija irra keewwata'' jedhan.

''Bara bonni dheeratee waan nyaatan dhibellee gaalli aannan isaatiin maatii dheebuufi beela baasa,'' jedhu.

Bineeldi 'doonii gammoojjii' jedhamuun beekamu kuni amaloota bineeldota manaa kaanirraa adda isa godhu qaba.

Dhiyaadhaa!

Gaalli bishaan qaama keessatti kuusaa?

Gosti gaalaa baayinaan Itoophiyaa keessa jiru Arabian Camel(Gaala Arabaa) isa jedhamu dha.

Dalluun gaalaa bishaan otoo hin dhugiin yeroo dheeraaf turuu wajjin wal-qabata.

Haa tahu malee gaalli dalluusaas tahe kutaa qaamasaa biraa keessatti bishaan hin kuusu.

Inumaa, dalluu isaa keessa coomatu kuufama. Gaalli baay'inaan lafa hanqinni bishaaniifi biqiltuu jiru jiraata. Cooma hanga kg36 kuusuullee danda'a.

Lubbuun of tursuudhaaf cooma kuufame kana yeroo bishaaniifi waan nyaatan hin arganne gara annisaatti geeddaruun itti fayyadama.

Lafa gammoojjii keessa yeroo dheeraa turuuf dandeettii bishaan qaama keessaa gadhiisu akka xiqqeessu isa godhu adeemsa tirannaa keessa horateera.

Fakkeenyaaf fincaan gaalaa cunqoo yoo tahu, bobbaan isaas furdaafi gogaa waan taheef ibidda qabsiisuufillee fayyada.

Kana malees gaalli funyaansaa bishaan bifa hurkaan akka hin baane gochuuf fayyadama.

Namni yeroo harganu qilleensi gara alaatti baasu tempireecharii qaamasaan qixxee gatii taheef bishaan qaamasaa bifa hurkaan gadhiisa.

Kan gaalaa qilleensi membireenii funyaanii keessa yeroo darbu bishaan qabbanaa'aa taheetu deebi'ee gara qaamaatti fudhatama. Adeemsi kunis hafuura yeroo baafatan marattti bishaan akka qusatan isaan taasisa.

Funyaan isaanii faayidaa biraas qaba, dhiigni gara sammuu isaanii adeemuun dura kutaa funyaan isaa keessatti qabbanaa'a.

Cirrachi akka itti hin seenneefis funyaan isaa cufuu danda'a, baallee ijaa dhedheeraas waan qabuuf cirrachi akka itti hin seenne irraa dhorka.

Yoo immoo baalleen ijaa dhedheraafi nyaarrisaa yabbuu awwaaraafi cirracha irraa dhorkuuf gahaa hin taane, qola ijaa(eyelid) sadaffaa waan qabuuf isaan ofirraa haxaa'a.

Gaalli hoosiftoota kaanin addatti bishaan qaamasaa keessa jiru %30 dhabee jiraachuu itti fufuu danda'a.

Haa tahu malee barabaraan bishaanin ala jiraachuu hin danda'u. Yeroo bishaan argatu daqiiqaa 10 keessatti litiroo 100 dhuguu danda'a.

Bishaan kana garuu ni kuufatu osoo hin taane of jiisuuf dhuga.

Gaalli dhaltuun hanga kg1,000 kormaan isaa ol kan ulfaatu yoo tahu, luka dheeraafi kottee duudaa qaba.

Tahus quba abgudduu lamaafi kottee akka kophee cabbii mucucatuuf hojjetame fakkaatu qabu.

Kotteen isaa geengoo ulfaatina isaa wal-madaalchisee akka baatu isa gargaara, kunis cirrachaafi biyyee irra gaafa deeman lukti isaanii akka gadi hin liqifamneef isaan gargaara.

Gaalli guyyaatti km40-48 adeemuu danda'a, dafee iddoo fedhan nama geessuu baatus karaa gammoojjitti motorrisaa cabee nama hin danqu.

Gaalli yeroo ilmaan jalaa du'u ni boo'a

Yeroo birraan barii'e akkuma Masqalli gubameen ijoolleen xixiqqoon nama gurguddaa gargaaruuf gaala jala deemu jedhan Obbo Leellisaan.

''Gaalli ilmoonsaa yoo jalaa duute ijoollee kanatti gayya'a' ykn bakka ilmoosaa daa'ima kanatti obsee godhata,'' jedhan.

Ijoolleen kunimoo yoo fiigdee badde gaala kaan dhiisee jala fiiga jedhu.

Obbo Leellisaan horii kaanirraa amala nama raasu qaba jechuun gaala ibsu.

Kana malees gaafa ilmoonsaa jalaa duute 'amala bo'uu' qaba, daa'imni ykn tikseen ittiin obsee godhatu immoo ammas yoo jalaa badde ykn bira yoo hin jiraanne ni gu'a, aannan hin kennu jedhan.

Yoo daa'ima jala deemu sana fidaniif akka nama isa dubbisutti itti siqee afaansaan tuqa ykn mormasaarra kaawwata, yeroo kanatti daa'imni isa elmee dhuga jedhu.

''Halkan gaafa ciisu daa'ima mormasaarra hirkiseeti, guyyaa gaafa muka dheedu daa'ima sana ijaan ilaalaati kan inni dheedu,'' jedhan.

Gama biraan gaalli kormaa yeroo ishee dhaltuu hawwachuu barbaadu afaansaa keessaa waa gadi baasa.

Qoonqoo isaa keessaa afuuffee halluu diimadii qabu gadi baasuun akka hobobsuu godhata.

Haala kanaan gaala dhaltuu gaansaaf hawwachuu yaala garuu yeroo hunda hin milkaa'uufi.

Gaalli isheen dhaltuu yoo faacha ishee ol qabattee itti agarsiiste ''hin barbaadu galatoomi'' jechuu isheeti.

Gaalli meeqaan gurgurama?

Masariitiin Live Stock Data for Desions akka jedhutti gaalli baay'ina horii Itoophiyaan qabdu keessaa harka 12 qofa qabata jedha.

Tahus galiin waliigalaa gaala irraa argamu doolaara biiliyoona 4.86 taha jedha.

Yeroo ammaa gaalli guddina gidduugaleessaa qabu kuma shantamaa hanga torba gurgurama. Inni guddaan garuu yeroo birraa keessa hanga 150,000 ni baasa jedhu Obbo Leellisaan.

Naannoo Fantaalleetti lafti qonnaa babal'achuun, gaala gurgurataaf dhiyeessuunifi gaallis nyaata barbaachaaf deemee achumaan baduun horsisee bultoonni akka durii gaala baayyee qabaachuun hir'achaa jira jedhu.

Haa tahu malee namni gaala baayyee qaba jedhamu yeroo ammaa hanga gaala 200 ni qabaata jedhan.

Dur ammoo namoonni gaala hanga 500 akka qabaachaa turanillee ibsaniiru.

Gaalli muka qoree qabu soorachuu jaalata jedhu Obbo Leellisaan. Gosoota mukkeetii dhaddacha, kurkuraa, aannannoo, sabassa jedhaman iddoo argatan baddaa fa'i keessa deemanii sooratu jedhu.

Midhaaan keessaa ammoo shumburaa fa'i soorata kanaan garuu muka dhaabbatti irraa nyaaturraa soorata jedhu.

Gaalli sagantaan guddaa adda tahe yoo jiraate malee akka horii kaaniitti hin qalamu jedhan.

Yoo qalames hamma gaalaa abbaan qabuufi kabaja, baay'ina namoota waamaman irratti murtaa'a jedhus.

Inumaayyuu yeroo fuudhaa heerumaa ijoolleef isaaniif kennaa gaalaa kennu malee akka looniitti hin qalan jedhu.

Tikseen gaalaa biqiltuu magariisaa ykn lafa lalisaatti bobbaasanii wal-dorgomuu jedhu Obbo Leellisaan.

''Tikseen wal-dorgomanii yeroo gaalli biftisaa mishee bareedeen booda ni faarsu,'' jedhu.