Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaalli 100 nama du’aan adabamuuf ture baraaran
Biyya walabaa ofiin kan jettu Somaaliilaanditti waliigaltee sa’atii dhumaarratti taasifameen namichi nama ajjeesuun duuti irratti murame ture gaala 100 beenyaa kennuun lubbuusaa oolfate.
Namni maqaansaa hin eeramne kun magaalaa guddoo biyyattii Hargeessaa irraa Kaaba bahatti, naannoo Mandheeraatti namoota shan adabbiin du’aa irratti murame keessaa tokko ture.
Gareen dhukaasaan namoota murtoon du’aa irratti murame itti dhukaasu ajaja fudhachuun daqiiqaa muraasa dura, manguddonni naannoo waltajjii adabbiin ajjeechaa geggeefamu dhufanii ajjeesaafi warreen namni jalaa ajjeefame walitti fidan.
Namoonni afran hafan yakka ajjeechaa gargaraan adabbiin du’a irratti murtaa’e, rasaasaan ajjeefamaniiru.
Sa’atii dhumaarratti gidduugalanii gochaa akkanaa raawwachuun Somaaliilaanditti waan barame dha.
Sirna haqaa aadaatiin ajjeechaa nama tokkoof beenyaan wal-gitu gaala 100 dha.
Booda kana garuu lakkoofsi beelada kennamu kanaa waan hir’achaa dhufeef iddoosaa qarshii kennuun barameera.
Sirni haqaa aadaa kuni dhaddacha isa idilee wajjin wal-cinatti kan hojjetu yoo tahu, gaafi gaaf immoo guutummaatti qofaa hojjeta.
Tahus namoonni maatii dureessa tahe qaban bilisummaa isaanii yoo bitatan harka qalleeyyiin garuu hin danda’an jechuun sirni haqaa kuni n qeeqama.