Sudaanitti yoo xiqqaate lammiilen Itoophiyaa saddeeti ajjeefaman

Lola Sudaanitti gaggeeffamaa jiruun hanga ammaa yoo xiqqaate lammiilen Itoophiyaa saddeeti ajjeefamu Imbaasiin Itoophiyaa Kaartum jiru ibse.

Waraana janaraaloota waraanaa biyyattii jidduutti guyyootii 12 lakkoofsisee jiru kanaan, lammileen Itoophiyaa kan bira afur madaa’uu isaanii Imbaasii Itoophiyaatti, damee Diyaasporaatti qondaala to’annoo dhimma lammilee kan ta’an Obbo Najiib Abdallaa BBC’tti himan.

Akka Obbo Najiib jedhanitti, lammileen Itoophiyaa kunneen kan ajjeefaman, rasaasa furguggaateen ykn sababa dhohiinsa boombitiini.

“Fakkeenyaaf lammilee ajjeefaman keessaa dubartiin tokko lubbuun ishee kan darbe foxxoqa boombii dhoheen rukutamteeti. Dilbata galgala ammo ittisni meeshaa qilleensaa dhukaafamee mana jireenyaa irratti kufuun lammilee Itoophiyaa lama guddaa madeesseera,” jedhan Obbo Najiib.

Lolli Sudaan keessa jiru rakkoo nageenyaa sababa uumeef, lammileen Itoophiyaa biyyatii keessaa ba’uu fedhan akka jiraniifi kan dursanii biyyattii keessa ba’anis akka jiran Obbo Najiib ibsaniiru.

Imbaasiin Itoophiyaa Sudaanitti argamus, haala jiruun walqabtee yaaddoo nageenyaan lammilee Itoophiyaa biyyattii keessaa ba’uu fedhaan baasuuf galmee eegaluu dubbatu.

Imbaasichi kanneen dandeetti qaban akkamiin akka Sudaan keessaa ba’an irratti gorsa keennaa jiraachuu fi kanneen humna hin qabneef ammo atoobiisiin hanga daanga Itoophiyaatti geessuuf galmee eegaluu isaa ibseera.

“Rakkoo keessa jirra kan nuun jedhan warra Kaartuum keessa jiraatan qofaadha. Kanneen naannoolee biraa keessa jiran miidhaan irra hin geenye. Haaluma kanaan dura keessa turan keessa jiru,” jedhan.

Sababa lola kanaan Kaartuum keessa rakkoon guddaa akka jiru kan himan Obbo Najiib, suuqooliin cufamanii waan jiraniif mi’oota bu’uraa bitachuun akka hin danda’amne, yoo banaa ta’anis homaa bitachuuf lammileen Itoophiyaa dandeetti hin qabne akka jiran himaniiru.

“Umuriin dulloomaanii maanguddoonni homaa hojjechuu hin dandeenye jiru. Haadholiin abbaa warraa hin qabnee, ijoollee isaanii waliin bakka deeman dhabanii taa’anii jiru. Dhukkubsattoonni jiru. Lammilee Itoophiyaa kunnineedha gara biyyaatti deebisuuf galmeessaa kan jirru.”

Lammileen Itoophiyaa imbaasichatti galmaa’aa jiran Kaartuum irraa ka’anii, magaalota Madaniin, Gadaarf, Galabaat jedhaman keessa darbanii Matammaa ga’uuf, km550 atoobisiin imaluun akka irra jiraatu dippiloomatni kun BBC’f ibsaniiru.

Lammileen Itoophiyaa Sudaan keessa jiraatan lakkoofsi isaanii hedduu ta’u kan ibsan Obbo Najiib, kanneen biyyatti keessaa ba’uu fedhan hedduu waan ta’aniif hojiin lammilee Itoophiyaa Sudaan keessaa baasuu salphaa akka hin taane dubbataniiru.

Sababa lola Kaartuum keessatti gaggeeffamaa jiruun, hojjattoonni Imbaasicha gara magaalaa Gadaariifitti dabarsamuun hojii idilee isaanii itti fufanii akka jiran kan ibsan Obbo Najiib, guyyootii jalqabaa lola kanaa irratti gamoo Imbaasii Itoophiyaa Kaartuum jiru irra miidhaan akka ga’ee ture himan.

Imbaasicharra miidhaan kan ga’e beekaan haleellaan irratti xiyyeeffatamee osoo hin taane, dhukaasa walitti banamee ture jiduutti keenyaan gamoo kan rukutamee akka ta’e ibsan.

“Imbaasicha irratti xiyyeefatamee miti. Bakki imbaasichi jriy naannaa waldhabdeen jirudha. Loltootaan marfamee jira,” jedhan.

Guyyootiin dura Imbaasichi fuula Feesbukii isaa irratti, haala Sudaan keessa jiru irratti lammileen Itoophiyaa “odeeffannoo fi gorsa” fedhan, lakkoofsa +249911646547 irratti bilbiluu akka danda’an ibsee ture.

Humni Addaa Sudaan (RSF) irra deebiin kutaalee Sudaatti bobbaafamuu hordofee waraanni Sudaan akka yaaddootti ilaaluun muddamni gidduusaanitti dhalate.

Lolli kun harki caalaan isaa bakkeewwan manneen jiraanyaatti waan gaggeefamaa jiruuf lammileen nagaa miidhamaa jiru.

Ebla 15, 2023 irraa eegalee lola Sudaanitti adeemaa jiruun hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 400 ajjeefaniiru.

US, fi UK dabalatee Firaansi, Jarman, Ispeen fi Xaaliyaan dippiloomaatota fi maatii isaanii Sudaan keessaa baafachuu ibsaniiru.

Biyyootiin hedduu lammilee isaanii Sudaan keessa jiran lola kana jalaa miliqsuuf biyyattii keessaa baasuu irratti hojii eegalaniiru.

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez lolli Sudaan keessaatti adeemaa jiru balaa hamtuu naannoo Gaafa Afrikaafi sanarra ol darbee biyyoota biroo qaqqabu qabata jechuun akeekkachisan.