Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni-Maree Bakka-Bu'ootaa Dr Caalaa Waataa irraa mirga himatamuu dhabuu mulqe
Manni-Maree Bakka-Bu'oota Uummataa Itoophiyaa miseensa mana marichaa kan ta'an Dr Caalaa Waataa irraa mirga himatamuu dhabuu mulqeera.
Manni-maree kun yaa'ii idilee 13ffaa Kibxata Ebla 4, 2023 taa'een callisaa tokkoon sagalee caalmaadhaan mirga himatamuu dhabuu miseensa kana irraa mulquu raggaasiseera.
Miseensi paarlaamaa Dr Caalaa Waataa, wayita pireezidantii Yuuniversitii Bulee Horaa turanitti, sirnaa fi qajeeltoo bittaa mootummaa osoo hin hordofin bittaa raawwachuu isaaniitu, golgaa mirga himatamuu dhabuu jalaa akka baafaman sababa ta'e.
Ministeerri Haqaa mirgi himatamuu dhabuu Dr Caalaa Waataa irraa akka mulqamu, Koree Dhaabbii Dhimma Seeraa fi Haqaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataaf gaaffii dhiheessuu boodadha, koreen dhaabbii kun dhimmicha qoratee tarkaanfii kan fudhate.
Walitti qabduu koree dhaabbii kanaa kan ta'an Aadde Itsagannat Mangistuu yaada murtee kana bal'inasaa paarlaamaaf ibsaniiru.
Dr Caalaa Waataa wayita pireezidantii Yuuniversitii Bulee Horaa turanitti hojimaata mootummaan ala ba'uun bittaan humnaa olii akka gaggeeffamu godhaniiru jedhan.
Akkaawontii Baankii maqaasaaniin galmaa'ee jiru irratti maallaqi miiliyoonaan lakkaa'amu kuufamuu, maqaa haadha warraasaaniin gamoon mana jireenyaa galmaa'ee argamuun dhimmoota isaan ittiin shakkaman keessaa isa ijoodha.
Dr Caalaa Waataa maqaa galii galchuu jedhuun dhaabbata gorsaa BHU Consulting Engineers jedhamu karaa seerri eeyyamuun ala hundeessuun, eeyyama daldalaa maqaasaaniin baasuun ibsameera.
Haala kanaan ijaarsa Yuuniversitii Bulee Horaa keessatti raawwatu keessatti gorsaa ta'uun hirmaachuun ofiisaaniitii kallattiin bittaa raawwachuun, akkasumas dhababata gorsaa kanaa fi kanneen kana mirkaneessan hundaaf kaffaltii raawwachuun mootummaa kisaaraa guddaaf saaxilaniiru eerumsi jedhus dhihaateera.
Kana hordofee koreen dhaabbii kun qorannoo taasiseen dhaabbilee ijaarsaa kontiraata fuuchuun ijaarsa raawwatan sagaliif waliigalatti naannoo birrii miiliyoona 196 kaffaluu, kunis akkaataa labsii danbii bittaa mootummaan alatti kallattii kan ofii raawwatan ta'uu adda baasuu ibsan.
Yunivarsiitichi maallaqa kaappitaalaa bu’uraalee misoomaa akka ittiin ijaarratu ramadameef seeraan ala fayyadamuun, karaa danbiifi bittaa hin eegneen konkolaataawwaniifi maachinaroota Birrii miliyoona 116 baasan maqaa dhaabbata ijaarsaa dhuunfaatiin bittaan raawwaatameera jedhame.
Kana waliin wal qabsiisee ammoo konkolaataawwaniifi maashinaroonni maallaqa yunivarsiitiitiin bitamanis maqaa dhaabbata ijaarsaa dhuunfaatiin akka ta’an taasisaniiru jedhameera.
Kana malees, gatii konkolaataawwaniifi maashinaroonni kunneen ittiin bitamanis akkaan kan ol ka’e ta’uun eerameera.
Fakkeenyaaf, konkolaataan gabbiinaa lama qabu Piik-aap dhaabbanni ijaarsaa kun warra konkolaataa alaa galchan irraa Birrii miliyoona 3 kuma 300 bitulleen, akka waan Birrii miliyoona 6 fi kuma 174n bitetti lakkaa’uun Yunivarsiiticha irraa kaffaltiin raawwatameeraaf.
Konkolaataan biraa akkuma kana kan bitame Birrii miliyoona 1.6n ta’us, Birrii miliyoona 6.5nitti gatii siquun bitame jechuudhaan Yunivarsiiticharraa baasiin akka taasifamu eerameera.
Abbaan qabeenyaa konkolaataawwan 14 fi maashinarootaa Yunivarsiiticha osoo hin taane dhaabbata ijaarsichaa akka ta’u taasisuun isaaniis ibsameera.
“Itti-gaafatamummaa mootummaan isaanitti kenne duubatti dhiisuun mataa isaaniif faayidaa isaaniif hin malle argachuun, akkasumas bakka dhaabbanni gorsaa hin jirretti maallaqa Birrii miliyoona 11 ol dhaabbilee ijaarsaaf kaffaluudhaan maallaqni mootummaafi ummataa akka qisaasamu taasisaniiru,” jedha gabaasni dhihaate.
Qorannoo Dr. Caalaa Waataafi BHU irratti taasifameenis hojii kan gaggeessaniifi daarektara kan ta’an ofii isaanii akka ta’e ibsameera.
Yeroo gara garaattis maallaqni miliyoonotaan lakkaa’amu Yunivarsiiticha irraa hir’ifamee gara akkaawontii dhaabbatichaa akka gales eerameera.
Bakka-bu’aan ummataa mirgi himatamuu dhabuu irraa mulqabe kun isaaniin alattis maqaa haadha-warraafi ijoollee isaaniitiinis maallaqniifi meeshaan miliyoonaan lakkaa’amu argamuun isaa ibsameera.
Mana-marichaa mirga himatamuu dhabuu isaanii osoo irraa hin ka’iin dura Dr. Caalaa akka dubbiseefi hojiin qulqulleeffachuu sirrii ta’e hojjetamuun isaa ibsameera.
Dr. Caalaa Waataa gama isaaniitiin oolmaa paarlaamaa har’aatiin mirga himatamuu dhabuu irraa ka’e mormanii kan ture yoo ta’u, sagalee kenname irrattis sagalee kennuu dhabuutiin galmeeffataniiru.
Yeroo itti-aanutti poolisitiin Dr. Caalaa irratti qorannoon taasifamee himannis irratti banama jedhamee eegama.