Gazexeessitoonni Sagalee Ameerikaa dhibbaan lakkaa'aman hojiirraa ari'aman

Bulchiinsi Pirezidant Doonaald Tiraamp gaazexeessitoota Sagalee Ameerikaa (VOA) dhibbaan lakkaa'aman ari'uun, madda oduu mootummaan deeggaramu kana guutummaan guutuutti akka cufamu taasiseera.

Bulchiinsi Tiraamp, hojjettota VOA kana kan ari'eef, dhaabbatichi "hojmaata badaa, loogiifi qabeenya qisaasuun kan guutedha," waan ta'eef jechuun ibseera.

Gabaasaan olaanaa VOA Istiiv Hermaan, yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa olola Naazii dura dhaabbachuuf kan hundeeffame VOA diiguun, "gocha ofiin of ukkaamsuu seenaa keessatti mudatedha" jechuun ibseera.

Warra hojiirraa ari'aman keessaa hayyamarra kanneen turaniifi erga Israa'el haleellaa Iraan irratti raawwatteen booda torban darbe gara hojiisaaniitti akka deebiyan kan taasifaman gaazexeessitooti afaan Pershiyaa keessatti ni argamu.

Akka maddi oduu Assooshiyeetid Pirees gabaasetti, gaazexeessitoonni Peershiyaa Jimaata darbe wayita tamboo aarsuuf waajiraa bahanitti beeksisni waliigaltee hojii addaan kutuu maxxanfamee akka gara gamoo sanaatti hin deebine dhorkamaniiru.

Sagalee Ameerikaa akka hoggantuuf Pirezidant Tiraamp kan muudan Kaarii Leek ibsa Jimaata hojjetoota 639 gaggeeffamuu ifa ittiin gochuun, "har'a ajandaa pirezdant Tiraamp kan ta'e tarkaanfii birookiraasii Federaalaa to'annootiin ala ta'e hir'isuu keessatti tarkaanfii cimaa fudhanneerra," jedhan.

Bitootessarraa jalqabee, hojjetoonni 1,400 ykn hojjetoota dhaabbatichaa keessaa dhibbentaa 85 ol kan ta'an hojii isaanii dhabaniiru.

Akka ibsa daarektarittiitti, Biiroo Biroodkasting fi kaampaanii haadhoo VOA kan ta'e US Ejensii foor Giloobaal Miidiyaa (ASUSAGM) keessatti hojjetoonni 50 qacaramanii turu.

Diigamuu dhaabbatichaa dhaabsisuudhaaf himata kan banan gaazexeessitoonni VOA sadii tarkaanfii haaraa hojjetoota ari'uu ilaalchisee ibsa baasaniin, "guutummaa addunyaarratti dimookiraasiifi yaada walabaa kan deeggaru gaazexeessumnnaan walabaa waggaa 83 du'uu isaa agarsiisa," jedhan.

Tiraamp VOA fi dhaabbileen miidiyaa warra VOA kan to'atu Raadiyoo Firii Yurooppiifi Raadiyoo Firii Eeshiyaa kan deeggarsa maallaqaa taasisu USGM "karaa seerarraa jallateen hanga danda'ame akka maqfaman" erga jaja kennaniin booda ji'a Bitootessaarraa kaasee tarkaanfiin kun ni eegama ture.

Dhaabbileen kunneen Chaayinaafi Kamboodiyaarraa hanga Raashiyaarraa hanga Kooriyaa Kaabaatti walubbaan pireesii baayyee kan keessatti uggurame keessatti ykn kan keessa hin jirre keessatti gabaasa taasisaniif galataafi beekamtii idil-addunyaa argataniiru.

Gabaasaa duraanii VOA kan ta'e Daanii Roobinsan yaada bara darbe barreesseen, dhaabbatichi "of tuulmaan guutame, kan hin amanamneefi yeroo baayyee gara ilaalcha siyaasaa gama bitaan jiraniif sabaa-himaa biyyaalessaa tolu," ta'eera jechuun qeequun isaa ni yaadtama.

Qaaqa Tiraamp VOA irratti dhiyeessu, qaama duula cimaa sabaa-himaalee Ameerikaa irratti gaggeessaa jiruuti. Qorannoon akka agarsiisanitti, Ameerikaanonni dhaabbileen miidiyaa baayyisee kan qoqqoodaman ta'u amanu.

Pirezidantichi itti-dabaluun, Naashinaal Pablik Raadiyoo (NPR) fi Publik Biroodikasting Sarvisiis(PBS)f deeggarsi maallaqaaa Federaalaa taasifamu akka ka'uuf rippabilikaanota hibachiisaniiru.