Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qonna Itoophiyaa araada xaa'oon qabamee fi fedhii dabalaa dhufe Daangooteen furuu malaa?
Obbo Xiiqii Cuqqaalaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Liiban Cuqqaalaatti qonnaan bulaa ganda Jaarraa Goorooti. Isaanis ijoollummaadhaa hanga amma umuriisaanii maanguddummaa jiran kanatti hojiin isaan hojjetan qonnauma.
Lafti isaanii xaa'oo xiqqaan omisha kennu adadumaan xaa'oo baayyee gara barbaaduutti siqaa deeme. Baayyina qofa osoo hin taane gatiin xaa'oos akkasuma baraa baratti oluma.
Waggoota lamaan darban xaa'oo gatii olka'aan bituu caalaa isuma argatanii bitachuunuu qorumsa ture jechuun himu.
"Baranallee dhiheessii gaariitu jira. Waggoota lamaan darbe kana namni xaa'oo hiriiree argachuuf torbee tokkoof mana osoo hin galle dabarsaa turre. Dhiheessiin xiqqaadha dabareen ammoo garmalee ture" jedhan.
Kana malees yeroo omishni itti faca'u eegee qaqqabuu dhabuunis qorumsa qonnaan bultooni akka obbo Xiiqii keessummeessaa turani.
"Yeroo tokko tokko yeroon omishaa yeroo facaaasaatti hin qaqqabu. Naggaadeetu gatii widdiidhaan gurgura. Oggas dirqamaan isaanumarraa gatii olka'aadhaan binnee facaasna"
"Yeroo tokko tokkommoo gosa xaa'oo nuti barbaannu osoo hin taane kan waqtii biraatti barbaannutu dhihaata. Daappii (Gosa Xaa'oo) yeroo barbaannutti Yuuriyaatu dhufa. Yeroo kana barbaannummoo santu dhufa haala rakkisaatu ture" jedhan.
Jireenyi qonnaan bulaa xaa'oo waliin hidhata cimaa akka uumu kan godhe ammoo lafti xaa'oo malee omisha kennuu diduudha. Xaa'oon hin jiru taanaan omishni hin jiru jedhu Obbo Xiiqiin.
"Lafa tokko xaa'oon facaastee tokko duwwuma osoo facaastee kan duwwaa suni homaa hin biqilchu. Duwwaa miti, xaa'oo itti xiqqeesinaanuu omishnikee akkasumatti xiqqaata. Amma lafti xaa'oo malee omisha kennu hin jiru" jechuun ibsan.
Yeroon facaasaan dhihaatu yaaddoon qonnaan bultoota Itoophiyaa hundaa waa'ee dhiheessii fi gatii xaa'ooti.
Gidiraa xaa'oo alaa galchuu keessa jiru
Itoophiyaan fedhii xaa'oo qonnaan bultoonni eegan kana guutuuf waggaatti xaa'oo kuntaala miliyoona 23 caalu Biyyoota akka Morookoo irraa caalbaasiin bittee galchiti.
Adeemsi bittaa kunimmoo sharafa alaa fi adeemsa geejjibaa waliin walqabatee yeroo dheeraa kan fudhatuu fi adeemsa kana keessattis qisaasama adda addaa kan keessumeessudha.
Obbo Taakkalaa Qurunddee Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daayirektara fedhii fi itti fayyadama callaa guddistuuti. Akka isaan jedhanitti xaa'oo biyya alaatii galchuun adeemsa walxaxaa, baasii fi yeroo dheeraa gaafatu keessa kan darbuu gaafatu.
"Xaa'oon kuni doolaaraani kan bitamu. Doolaarrimmoo gatiinsaa olka'aa deemaa jira. Bara darbe fakkeenyaaf gatiin doolaaraa olka'uu isaatiin gatii xaa'oon ittiin qonnaan bulaaf dhihaatus olka'ee ture"
"Adeemsi geejjibsiisuus gatiin dabalaa jira. Sanuu daandiirrattis rakkooleen adda addaa mudachuu mala" jedhan.
Haala amma jiruun xaa'oo biyya alaatii bitanii galchuun baasii guddaa kan gaafatu waan ta'eef, qonnaan bulaanis humni bittaasaa walfaana yoo hin guddanne dhiibbaan isaa kan dhufu qonnaan bultoota irratti.
Xaa'oon biyyattiin amma waggaatti hanga kuntaala Miliyoona 23 ta'u biyya alaatii bittee galchitu kuni hamma qonnaaf barbaachisuu fi fedhii jiru waliin yoo madaalamu ammayyuu xiqqaa akka ta'es himu.
"Lafti amma akka Oromiyaatti qonnaan misoomu gara hektaara miliyoona 11 olidha. Lafa hamma kana gahuuf xaa'oon nuti dhiheessinummoo kuntaala miliyoona 8.7 dha. Kana maleemmoo lafti waggaatti si'a lama sadii qotamu jira. Kuni kan agarsiisu xaa'oon dhiheessinu hamma fayyadamuu qabnurraa daran gadi aanaa akka ta'e" jedhu.
Xaa'oo hamma barbaachisu guutumatti dhiheessuuf hanqinni sharafa alaa qormaata ijoo akka ta'es dubbatan Obbo Taakkalaan.
Warshaa Xaa'oo Itoophiyaatti ijaaramuuf jiruu fi abdii qonnaan bultootaa
Obbo Xiiqiin oduu warshaan xaa'oo Itoophiyaatti ijaaramuufi jedhu torbee lamaan dura miidiyaarraa dhagahuu himu. Kunimmoo omisha isaanii guddisuuf tarkaanfii guddaa waan ta'eef raakama ammaan dura xaa'oo argachuuf keessa dhufanirraa obbaafachuuf abdataniiru.
"Gaafan oduu kana miidiyaarraa dhagahu akka qonnaan bulaatti baayyeen gammade. Xaa'oon asuma biyya keessatti yoo omishame gatiinis nuu fooyya'a, yeroo barbaannuttis hamma barbaannu argachuu dandeenya jedheen abdadha" jedhan.
Ogeessi Biiroo Qonnaa Obbo Taakkalaanis, warshaa xaa'oo biyya keessatti ijaaramuuf jiru kuni waajjiraalee mootummaa xaa'oo biyya alaatii bitanii dhiheessanii fi qonnaan bultoota biyyattii maraaf aara galfii guddaa uuma jechuun himu.
"Biyya keessatti gaafa omishamu bittaan isaas sharafa biyya keessaatiini. Gatiin isaas kana alaa adeemsa meeqa keessa darbee dhufurraa ni fooyya'a. kana malees yeroo barbaadanitti saffisaan dhihaachuu danda'a"
"Sharafni biyyattiin bittaa xaa'oof waggaa waggaan baastus biyya keessatti hafa. Kuni nu warra hojii qonnaa irratti hojjetuufis qonnaan bultootaafis boqonnaa guddaa kan fidu" jechuun abdii qaban himu.
Warshaan xaa'oo Itoophiyaatti ijaaramuuf karoorfame kan akkamiiti?
Torbee lamaan dura dhaabbanni Daangootee Inveestimant Giruup jedhamu warshaa xaa'oo guddaa Itoophiyaa keessatti ijaaruuf mootummaa Itoophiyaa waliin waliigaltee kan mallatteesse.
Warshaan xaa'oo kuni baasii Doolaara Biliyoona lamaa fi miliyoona 500 caaluun kan gaafatu yoo ta'u, naannoo Somaalee Godeetti akka ijaaramus ibsame.
Warshaan xaa'oo Afrikaatti warshaalee xaa'oo omishaan gurguddoo keessaa tokko ta'a jedhme kuni, Waggaatti xaa'oo meetiriik toonii Miliyoona sadii omishuu danda'a.
Sagantaa waliigaltee mallatteessuu kanarratti kan argaman ministirri muummee Itoophiyaa Dr, Abiy Ahmad, "Kuni qonnaan bultoota Itoophiyaatiif oduu gammachuuti.imala wabii nyaataan ofdanda'uuf taasisnuufis tarkaanfii guddaadha" jedhan.
Xaa'oo biyya keessatti omishuun gidiraa xaa'oo biyya alaatii galchuurratti mudaturraa obbaafachuun gaaffii qonnaan bultoota Itoophiyaa yeroo dheeraa akka ta'e kan himan Dr. Abiy, ijaarsisaa yeroo ji'oota 40 ta'e keessatti akka xumuramu himan.
Warshaan xaa'oo ijaaramuuf akeekame kuni akkuma pirojektii hidha haaromsaatti kan ilaalamuu fi seektara qonnaa irratti jijjiirama qabatamaa fidaafis abdatteetti biyyattiin.
Itoophiyaatti oduun Warshaa Xaa'oo ijaaruufi jedhu kuni amma yoo dhagahamu kan jalqabaa miti. Waggoota kudhaniin duras warshaan xaa'oo Iluu abbaa Boor, Yaayyootti akka ijaaramu mootummaan ibsaa turee booda achi buuteen isaa dhabame.
Dhaabbatni Abbaa qabeenyaa biyya Naayijeeriyaa Alikoo Daangootee amma warshaa xaa'oo guddaa Itoophiyaatti ijaaruuf deemu kuni ammaan duras warshaa simintoo guddaa ta'e Oromiyaa shawaa lixaatti ijaaruun yeroo ammaa omisharratti argama.