Meksiikootti namoota achi buuteen isaanii dhabame 130,000 tahaniif hiriirri nagaa bahame

Meksiikootti namoonni kumaatamaan tilmaamaman hiriira bahuun qondaalonni mootummaa humnaan namoota dhabsiisuu dhaabuu akka qaban sagalee isaanii dhageessisan.

Firootaa fi hiriyyoota namoota achi buuteen isaanii dhabamee, falmitoota mirgoota namoomaa daandii magaala Meeksiikoo Siitii, Guudalajaraa, Kordoobaa fi magaalota kaan keessatti bahuun sagalee isaanii dhaggeessisaniiru.

Bulchiinsi Pirezidaant Kilaadiyoo Sheenbuum namoota dhabaman akka maatiif barbaaduu fi haqa akka argataniif akak isaan gargaaruuf gaaffii dhiyeessan.

Meksiikoo keessatti qofa namoonni humnaan fuudhamanii achi buuteen isaanii dhabaman 130,000 akka gahan ibsameera.

Namoonni kunneen akka jiruun kan dhabaman bara 2007 yeroo pirezidaantii biyyattii yerosii Filiippee Kaalderoon ''waraana baala sammuu hadoochu irratti'' jechuun banan sanadha.

Namoonni humnaan butamanii dhabaman kunneen dirqisiifamanii garee baala sammuu hodoochu daldalanitti makamaniiru ykn ammoo waan idaniif ajjeefamaniiru.

Dhabamuu namoota kanneenii duuba cancalli namoota qoricha sammuu hadoochu daldalanii fi namoota gareedhaan yakka hojjetanii akka jiru amanama.

Humnoonni nageenyaas du'aatii fi dhabamuu namoota kanneenii keessaa harka qabu jedhama.

Kutaa biyyattii hunda keessatti hiriirri bahame dhabamuun namootaa kun hagam akka hammaateeru agarsiisa.

Suuraa firoota isaanii dhabamanii qabatanii namoonni bahan kumaatama. Mootummaan fala nuuf barbaaduu qaba jechuun himataa turan.

Maatiin miidhamtootaa garee ''buscadores'' jedhamu hundeessuun baadiyaatii hanga gammoojjii Meksiikootti namoota dhabaman barbaadaa jiru.

Garee qoricha sammuu hadoochu daldalan irraa eeruu fudhatanii barbaadanii reeffa namoota ajjeefamuun bakka tokkotti awwalamanii fa'aa argataa turan.

Misoonsonni garee namoota barbaadanii kunis balaa dhufu osoo beekanii itti galuun hojjechaa jiru. Isaanuma keessaa namoonni dhabamsiifamanis jiru.

UN waan mudate kana ''miidhaa haga kana hin jedhamne dhala namaa irra dhaqabe'' jechuun ibse.

Meksiikoo keessatti lakkoofsi namoota dhabamanii galmaa'an takkaa Kibba Ameerikaa keessatti argamee hin beeku.

Waraana walii waliinii Guwatamela waggoota 36'f ture keessatti namoonni 40,000 dhabamaniiru. Waraanni kun 1996 dhaabbate.

Arjeentiinaa keessatti yeroo bulchiinsa mootummaa abbaa irree 1976 - 1983 gara namoota 30,000 oltu achi buuteen isaanii dhabame.