Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Gaazaa keessa bakki itti baqatan tokko hin jiru, eessa dhaqna?' - jiraattota Gaazaa
"Eessa dhaqna? Naannoo kana bakki duraan callisaafi miidhagaa ture amma iddoon itti baqachuuf hafe tokko hin jiru," jedhu jiraattonni mandara Rimaal kan Gaazaa keessaa.
Haleellan qilleensarraa Israa'el Gaazarratti raawwattu gamoowwaniifi manneen jireenyaa, biirowwan telekoomii akkasumas gamoo Yuunivarsiitii Islaamik Gaazaa dabalatee bu'uuraalen heddu manca'aniiru.
Erga Haamas haleellaa Israa'el irratti banee kaasee Israa'el haleellaa qilleensaa gaggeessuu hin dhaabne. Warra iddoo bulan qabaniif halkan akkatti rafan hin jiru.
Ijoolleen halkan sodaarraa kan ka'e boo'a bulti. Keessumaa halkan gaafa Wiixata, Fulbaana 9, jiraattota mandara Riimaliif halkan dhiphinaan guutame ture.
Riimal Gaazaa keessatti bakkee namoonni jireenya fooyyee qabu jiraataniidha. Halkan guutuu haleellaa Israa'el gaggeessaa bulteen mandarri dur tasgabbaa'aafi miidhaginaan beekamtu lafa onaa ta'eera.
Jiraattonni obboroon gaafa ka'an gamoo jijjige argan. Kirkira lafaatiin waan manca'e fakkaata.
"Waan hundumaan dhabe. Bakki ijoollen koo shanan jiraatan gamoo kanarra ture. Bakki daldalaa kiyyammoo gamicha jala ture manca'eera," jedha Mohaammad Abu al-Qaas.
"Eessa dhaqna? Amma nama mana hin qabne taane. Kana booda bakki mataa kaawwannus ta'ee hojiin hin jiru."
Israa'el [dhageessaa], manni kiyyaafi bakki daldalaa kiyya buufata waraanatii?" jechuun gaafata. Israa'e lammiilee nagaarratti hin xiyyeeffadhu jechuunshee soba ta'uusaa qabeenyi jalaa manca'e ragaa ta'uu hima.
Ministeerri Fayyaa Gaazaa akka jedhetti, haleellaa qilleensaa gaafa Wixataa Israa'el gaggeessite qofaan namoonni nagaan 300 ajjeefamaniiru. Waggoota heddu keessatti guyyaa tokkotti namoonni nagaan hammi kun dhumanii akka hin beekne ibse.
Gaafuma wiixataa sana waaree booda, buufata baqattootaa Jabaaliyaa jedhamutti bakka namoonni itti heddummatanitti namoota 15 ajjeefame. Waraanni Israa'el garuu mana jireenyaa ajaja waraanaa Hamaas irratti xiyyeeffachuu beeksise.
Garuummoo kan du'e namoota nagaa bakka gabaafi mana jireenyaa keessa turaniidha.
Rakkoon deeggarsa namoomaa hammaatera
Akka Ministeerri Fayyaa jedhetti, Gaazaa keessatti ijoollee 260 dabalatee lakkoofsi namoota du'anii 900 ol ta'eera.
Gaazan lafa dhiphaa namoonni miliyeena 2.2 keessa jiraataniifi harki guddaan deeggarsa namoomaarratti hundaa'un jiraataniidha.
Amma immoo deeggarsi akka hin seennef guutummaan cufteetti. Dhiyeessii bishaaniifi ibsaa irraa kutteetti. Kuni ammoo rakkoo deeggarsa namooma duraanuu xiqqaa ture akka malee hammeessera.
"Jaarraa 21ffaa keessa bishaanifi ibsaa malee jiraanna jeettee yaaddaa? Mucaan koo daayipparii fixxeetti, aannanis walakkaa liitiraa qofatu hafe," jetti Waad al-Mugraabii.
"Israa'e irratti haleellaa kan gaggeesse mucaa kootii?" jetti.
Fuduraalefi mudaraan Gaazan soorattu hedduunsaa gara Kibbaatti kan omishamu waan ta'eef gara giddu galeessafi kaaba Gaazatti fiduun rakkisaa ta'eera.
Daangan karaa Masirii Gaazaa qunnamsiisu cufamuurraa kan ka'e deeggarsa namoomafi nyaata Masiriirraa fiduunis hin danda'amne.
Namoonni waarana baqataniis karaa daangaa Raafah gara Masiriitti cehuu hin dandeenye. Kaleessa Fulbaana 10 Israa'el hulaa gara Masiriitti baasu xayyaaran haleelurraa kan ka'e daangichi guutummaan cufameera.
Dur guyyatti namoonni hanga 400 ta'an bahuufi seenun ni hayyamamaaf ture. Akka gaaasa UNtti ammoo namoonni 200,000 ta'an Gaazaa keessaa buqqa'anii manneen barnootaa UN gaggeessu keessatti qubatanii jiru.