Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘Waraana Yukireen keessaa dhaabaatii ijoollee keenya olchaa’ - haadha loltuu Raashiyaa
Vaalyaan Guraandhala 2 mucaashee kan waraana Raashiyaa keessa jiru irraa bilbilameef. Gareen isaa dhiheenya daangaa Yukireenitti ‘‘leenjiirra’’ ture.
‘‘Innis dhukaasa shaakalaafi dunkaana keessa jiraachaa akka turan natti hime. Ergan mucaakootti dubbadhe sun kan dhumaatti,’’ jetti Vaalyaan.
Guyyoota afuriin boodas loltoonni Raashiyaa Yukireenin weeraran. Haleellaan Raashiyaan raawwatames biyya ollaasaaniitti badii hin dubatamne qaqqabsiise.
Erga pirezidaanti Putiin akka weerarichi raawwatamuuf ajaja dabarsanii booda, Yukireen keessatti namoonni nagaa kumaatamni ajjeefamaniiru.
Haata’u malee Raashiyaa keessatti dhiibbaa uumeera. Keessattuu maatiiwwan ijoollensaanii waraanaa Raashiyaa keessa jiraniifi adda waraanaatti ergaman irratti.
Vaalyaan maqaa haadha tanaa dhugaa miti. Dhiibbaa dubbachuu isheetti aanga’ootaan irra gahu sodaachuun, maqaanshee akka dhokatuuf BBC gaafatte.
Haata’u malee seenaa ishee qooduuf hayyamamtuudha. Haaluma kanaanis waa’ee ilmasheefi ‘oppireshinii waraana addaa Raashiyaa’ irratti waan yaaddu akkasiin BBC’f qoodde.
‘‘Jalqaba Bitooteessaatti, bakka ilmikoo ture irraa saajinni tokko naaf bilbile. Innis tarii maatiidhuma hundaaf bilbile ta’a,’’ jetti.
‘‘Hundi nagaa ta’u himee, guyyaa guyyaa isaaniin wal argaa jirra jedhe. Baatii sana gutuus walii bilbilaa turre. Innis nagaa akka ta’an natti hime.
‘‘Achiin namni hiriyaa ilma koo ta’u hime tokko ergaa naaf erge. Ani isa hinbeeku. Innis miidiyaa hawaasaarratti na arge. Innis mucaankoo millisaa rukutamee ajjeefamuu natti hime. Anis yeroo hedduu bilbiluun qondaaltoota argachuuf yaaleera. Garuu kan waa natti himu danda’e omtu hin jiru.
"Garuu ammoo saajiniichi ani walin dubbataa ture sun, ‘mucaankee yeroo dhumaatiif kan qunnamtii waliin taasise Guraandhala 23’ naan jedhee ture. "Kanaafu, maaliif yeroo bilbilaa turte sana hunduu nagaadha jette? Nu tasgabbeessuuf?’
‘‘Dhiifama ani saajina’ naan jedhe.’’
Vaalyaan odeeffannoo dabalataa baruu barbaaduun, ‘‘kutaa ilma kootti barreesseen ture’’ jetti.
‘‘Biiroo aanaa waraanichaatiif barreesseen ture. Ministeera Ittisaafis barreesseera. Irra deebinis hundasaanitiifu barreesseera.
‘‘Tokkoon isaanitu mucaankoo eessa, yoom fi attam akka jiruurratti odeeffannoo bu’uuraa naaf hin kennine. Kan natti himamee ‘Oppireshinii waraana addaa keessatti hirmaataa’ jiraachuufi baduusaati.’’
Yukireen keessatti loltoota Raashiyaa meeqatu ajjeeffamee laata? Raashiyaa keessatti lakkoofsa motummaan himamuun alatti kan gara biraa gabaasuun yakkadha.
Ta’us lakkoofsa motummaan himu argachunis baayyee rakkisaadha. Ministeerri Ittisaa Raashiyaas erga Guraandhala 25 as lakkoofsa loltoota ajjeeffamanii hin haromsine.
Erga yeroo sanaatii loltoonni Raashiyaa ajjeefaman 1,351 kan jedhumarratti dhaabbatee jira. Baatii itti aanuutti, Raashiyaan loltoonni ‘‘hedduun’’ Yukireen keessatti ajjeeffamuu amante turte.
Yaalii weerarichi fudhatamaa gochuuf taasifamu keessattis, aanga’oonni Raashiyaa fi miidiyaan motummaa lammiilee Yukireen ija ummata Raashiyaa fulduratti salphisaa turan.
Isaanis loltootaafi qondaaltoota Yukireen akka ‘‘warra olaantummaa sabaatti amanan’’ fi ‘‘naaziitti’’ balaaleeffatan. Yukireen abbaa hirree yoo ta’an, Raashiyaan bilisa baasaadha jedhan.
Garuu ammoo Vaalyaan Yukireeniin akka diinaatti hin ilaaltu. ‘‘Osoo akka kanatti biyyi keenya kan haleelamte ta’e, nutis akkuma isaanii kanatti of ittifna turre. Ofi ni ittifna, baayyees ni aarra turre,’’ jetti.
Lammiileen Raashiyaa sarara qondaaltoota motummaafi deeggartoonni ‘‘oppireshinii waraana addaa’’, akkuma TV biyyaaleessaa irratti dhiyaaatuutti amanu. Raashiyaa keessatti TVnis ta’e ergaan isaan dabarsan motummaan to'atama.
Garuu ammoo guutummaatti miti. Vaalyaan fakkeenyaaf haadholii loltoota Raashiyaa biraa waliin wal qunnamaa turte. Haadhoolii kanneen biratti, aanga’oota biyyattii irratti waraana Yukireeniin wal qabatee jibbi umamaa jira.
‘‘Isaanis motummaa ni jibbu. Putiinis ni jibbu. Hundisaanitu waraanni kun akka dhaabbatu barbaadu. Haadhooliin hundi kana barbaadu,’’ jetti Vaalyaan.
Vaalyaan osoo ifatti baaftee dubbattee dhiibbaa aanga’oota Raashiyaatiin irra gahu malu sodaatti. ‘‘Nuti warra sadarkaa gadaanarra jiruudha. Nuti lammiilee biyyattii idileedha.
Loltoonni waraanicha keessatti hirmaatan hundis kan bulchiinsawwan Raashiyaa baadiyyaa irraa ta’aniidha. Mooskoo irraa miti. Ilmaan aanga’oota motummaa achi hin jiran.
‘‘Waranaana kana dhaabaa. Dhaabaa kana hundaa. Dhaabaatii ijoollee keenya oolchaa.’’ Vaalyaanis erga BBC walin gaaffiifi deebii kana taasifteen guyyoota muraasaan booda aanga’oota Raashiyaatiin mucaan ishee Yukireen keessa ajjeefamuu itti himamuun dhagahame.