Yukireen kuusaa meeshaa waraanaa Raashiyaa rookkeettii USn haleeluu himte

Waraanni Yukireen man-kuusaa meesha waraanaa Raashiyaa kan kibba magaalaa Novaa Kaakhovkaatti argamu haleelluun looltoota hedduu ajjeessuu i beeksiste.

Heelllichis miisaa'eeloota Ameerikaan kan raawwatameedha jedhame.

Haata'u malee qondaalli Raashiyaa haleellichaan manneenniifi man-kuusaa rukutamuun torna ajjeefamanii 80 miidhaman jedhe.

Miidhaa qaqabees ta'e namoonni du'an hangam akka ta'ee mirkanneeffachuun rakkiisaadha.

Haata'u malee waraabbiiwwan viidiyoo dho'iinsa cimaa hedduu agarsiisan miidiyaalee hawaasaa gubbaatti qoodamaa turan.

Garagaaraan pirezidaantii Yukireen Mykhaylo Podolyak haleellaicha rookkeettii Ameerikaan dhiyeessiteeniin raawwatamu himan.

Qondaallii Raashiyaan bulchiinsa Kibba Kherson keessatti muuddee, Kaatrinaa Gubaarevaa ''Yukireen meeshaalee waraanaa Ameerikaatiin magaaloota nagaa'' barbadeessitee jechuun himatan.

Naannoowwan Kherson irra jirreessi torbanootuma duraa Raashiyaan weerara eegalteen to'annoo ishee jala galan. Garuu ammoo humnootiin Yukireen wayita humnootiin Raashiyaa karaa bahaatiin daangaa Yukireen keessa seenuuf yaalaa jiran kanatti humnoonni Yukireen ammoo tarkaanfii haleellaa raawwataa jiru.

Kiyiv haleellaa haaloo jalaa baqachuuf jiraattoonni magaalaa keessaa akka bahaniif gaafataa jirti.

Qondaallii naannichaatti Raashiuyaan muddee garuu man-kuusaan waraanaa haeellamuu ilaalchisee kan jedhan omtu hin jiru. Bakka isaa garuu man-kuusaan xaa'oo qabatee turetu dhoo'ee jedhan.

Vilaadmiir Loontiiv kan naannoo Khersoniitti itti gaafatamummaan kennameef, madda oduu Raashiyaa Tass jedhamuutti akka himaniitti, magaalattiin irra jirreessa waan barbadoofteef jiraattoon mana malee hafaniiru.

Qondaalli Raashiiyaa deegaran kan biraa, Kiriil Stremousoy, namoonni torba hanaga ammaatti bakka buteensaanii dhabameera.

Haleellichaan eenyuu akka miidhame ilaalchisuun odeeffannoon gadi fageenyaa argame hin jiru. Haata'u malee, qondaaltoonni waraanaa Yukireen, looltoonni Raashiyaa 50 ajjeeffamuu fi man-kuusaan waraanaa barbadaa'u himan.

Odeessaa keessatti dubbi himaan kan ta'an, Serhiy Bratchuk amma man-kuusaan meeshaa waraanaa Novaa Kakhovkaa ''hirr'fameera'' jedhan.

Haleellichi gamoowwan namoonni ngaa keessa jiraatan irratti raawwatuu Raashiyaan kan himte yoo ta'u, kunis hin mirkanoofne. Haata'u malee gareen lamaanuu haleellichii meeshaa waraanaa Himars jedhamuun raawwatamu irratti walii galu.

Sirniiwwan Rookeettii M142 High Mobility Artillery Rocket Systems jedhamu jalqabaa Yukireen kan qaqabee dhuma Waxabajiitti keessa ture.