Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Piriimiyer Liigii Ingiliz: Arsenaal qabxii gate, Maan Yunaayitid duubaa ka'ee injifate
Tapha torbee sadaffaa Piriimiyer Liigii Ingilizii bara kanaan Arsenaal dirree isaatti qabxii yoo gatu, Maanchistar Yunaayitid goolii lamaa fi zeeroon durfamuurraa ka'ee mo'ateera.
Dirree isaa Imireetis irratti Fulhaam waliin kan taphate Arsenaal, taphichi wayita xumuramuuf jedhutti gooliiwwan gama lachuunuu galaniin 2 fi 2n ba'aniiru.
Fulhaam taphi kun eegalamee sekandii 57 goolii galchuun dursuu eegalus, Arsenaal tapha kana walqixa taasisuusaatti akka gammade leenjisaan garee kanaa Maayikil Arteettaan dubbateera.
Warri Arsenaal (The Gunners) rukuttaa adabbii (peenaalitii) Bukaayoo Saakaa gooliitti geeddaree fi goolii Edii Nikeetiyaa galcheen dursuu eegalanii turan.
Garuu milkaa'ina kanaan taphicha obbaasuu hin dandeenye.
Fulhaam irraa Kaalviin Beesii balleessaa Edii Nikeetiyaa irratti raawwateen kaardii diimaa argatee dirree keessaa gaggeeffameera.
Taphattoota 10n falmachaa kan ture Fulhaam goolii Jaawoo Paaliinhaa galcheen dirree isaan alatti Arsenaal waliin qabxii qooddateera.
Mo'achuutu nurra ture jechuun gaabbiin kan dubbate Arteettaan Arsenaal kan bara darbee caalaa fooyya'iinsa guddaa agarsiiseera jechuun taphicha booda yaada kenneera.
Maanchistar Yunaayitdis akkuma Arsenaal dirree isaarratti durfamuu eegalee ture, garuu boodarra milkiidhaan galeera.
Nootiingihaam Foorast daqiiqaawwan jalqabaa lamaan keessatti goolii lama yunaayitid irratti galchee ture.
Garuu akka eegalaniin qabxiisaanii itti fufsiisanii milkaa'uu hin dandeenye.
Rukuttaa adabbiin goolii kan lakkoofsise dursaa taphattoota Maanchistar Yunaayitid Biruunoo Farnaandeez taphataa collee tapha kanaa jedhameera.
Foorastiif taphataan lammii Naayijeeriyaa Taayiwoo Awooniyi goolii jalqabaa erga galchee sekandii muraasa booda Wiilii Boolii dabalee galchuun lamaa fi zeeroon dursaa turan.
Haata'u malee goolii daqiiqaa 17ffaa irratti Kiristiyaan Eriksan galchee fi boqonnaa booda akkuma tapha eegalaniin goolii Kaasemiiroon galcheen walqixa ta'an.
Taphataan sarara ittisaa Nootiingihaam Foorast Daniiloo, jifataa Maanchistar Yunaayitid Raashfoordi irratti balleessaa raawwateen carraa rukuttaa adabbii argatan Farnaandez gara gooliitti geeddaruun yunaayitid injifateera.
Taphoota biroon ammoo Tootenhaam Hootispar dirreesaan ala Boornimaz keessummeessee 2 fi 0 dhaan mo'ate.
Bireentifoordi fi Kiristaal Paalaas ammoo qixa ba'an.
Injifatee kan hin beekne Evartan dirree isaarratti Woolvisiin 1 fi 0 dhaan mo'ame, Westihaam Yunaayitid ammoo gara Biraayitan imalee 3 fi 1n mo'achuun qabxii sadiin galeera.
Chelsiin ammoo Jimaata galgala Luton Taawoniin 3 fi 0 dhaan mo'ateera.
Dilbata har'aa Barnilii fi Astoonviilaa, Sheefildi Yunaayitid fi Maanchistar Siitii, Niwukasil fi Liivarpuul ni taphatu.