Lakkoofsi namoota Liibiyaatti lolaan galaafate 5,000 caale

Madda suuraa, Reuters
Sababa lolaan Liibiyaatti miidhaa dhaqqabsiiseen hanga yoonaa lubbuu namoota 5,300 galaafatuu Ministirri Sivil Aviyeeshinii biyyattii Hicheem Abu Chikaawut himan.
Balaan hidhi bishaanii lama cabee magaalaa Dernaa rukuteen lakkoofsi kana caaluu mala jechuun Rooyitarsitti himan.
Reeffi namoota du'anii funaanamee jumlaan awwaalamaa jira. Magaalaa Liibiyaa Dernaatti Dilbata darbe bubbee hamaa Istoorm Daani'el jedhamuun booda hidhi bishaanii dhohee.
Hamma yoonaa namoonni 10,000 tahan achi buuteen isaanii waan hin beekamneef, lakkoofsi namoota lubbuun darbee dabaluu danda'a jedhameera.
Mohammadan Qamaatiin magaalaa Dernaatti tola ooltummaan tajaajila, lubbuu baraartonni ammallee namoota badan barbaadaa jiru jedhe.
''Dargaggoo Liibiyaa digrii kamiyyuu qabuufi waan fayyaa wajjin wal-qabatu barate, dhufee akka nu gargaaru gaafachaa jirra,hanqina ogeeyyii narsii qabna, gargaarsa barbaanna,'' jechuun birmannaa gaafateera.
Masrii dabalatee biyyoota kaanirraa gargaarsi dhaqqabaa jiraatullee haala siyaasaa Liibiyaa mootummoota walmorkatan lamaan gidduutti qoodameen garuu danqaan mudachaa mala.
Ameerikaa, Jarmanii, Iraan, Xaaliyaan, Kataariifi Turkiin fa'i gargaarsa gara Libiyaa erganiiru.
Injinarooti bishaanii hidhi km12 dheeratu dhohee, gad yaa'uun hidha biraa dhihoo magaalatti jiru irra baheera.
Viidiyoon Dilbata halkan dukkana booda waraabame yeroo lolaan magaala keessa didichu agarsiisa. Magaala namoonni 100,000 keessa jiraatan keessa konkolaataawwan gargaarsa hin arganne yeroo bololi'an mul'atu.
Lafti gaafa bari'u ollaa dhoqqeen laaqameefi konkolaattota galagalanii jirantu mul'ata.
Seenaa namoota lolaan haree galaanatti naqee fi kaan ammoo baaxii manaa irratti rarra'anii hafan fa'itu dhagahama.
''Waanin argeen baayyeen nahe, sunaamii natti fakkaate,'' jechuun Hishaam Chikiwoot jiraataan baha Libiyaa BBCtti hime.
''Ministarri lixa Liibiyaa, Otmaan Abduuljaliil, ''manca'insa qaqqabeen baayyee dinqamne, hammeenya guddaa dha, humna magaalaa Dernaatiinis olitti dha balaan dhaqqabe,'' jedhan.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Magaalaan Soosaa, Al-Maarj fi Misraataa balaa lolaa kanaan miidhamaniiru.
Liibiyaan hogganaan biyyattii Kooloneel Mu'ammar Gaadaafii bara 2011 erga aangoorraa bu'anii boodas ajjeefamaniin booda siyaasnishee tasgabbii argatee hin beeku.
Biyyi boba'aan badhaate kun mootummaa hawaasa idiladdunyaan beekamtii argateefi hin arganneen qoodamteetu hoggansa magaalaa Tirippoolii fi kan gara lixaa jiruun hogganamaa jirti.
Mootummaan lamatti kan hirame haa tahuyyuu malee Tiriippooliin naannoo isa jalatti bulaa hin jirreef dhiyeessii qorichaa toonii 14, waan namoota maranii ittiin awwalan, hakiimota 80 fi deeggartoota ergeera.
Magaalaan Darnaa baha Beengaazii km250 fagaattee naannoo qaljii Jabal Akhaadaariin marfamtee jirti.
Naannoo kanatti erga Gaadaafiin kufee gareen hidhataa IS keessa ture. Waggoota muraasaan booda Loltuun Biyyaalessaa Liibiyaa Jeneraal Kaalifaa Haftaarii amanmoo tahan achii isaan baasaniiru.
Jeneraaltichi qondaaloti gara bahaa jiran balaa qaqqabe miidhaa qaqaabe sakatta'uun daandiin deebi'ee akka hojjetamu fi elektiriikiin akka deebi'u tattaafachaa jiru jedhan.












