Balaa lolaa Gambeellaatti qaqqabeen jiraattonni kuma 185 ol buqqa’an -UN

Shamarree Gambeellaa laga Baaroo keessatti

Madda suuraa, Getty Images

Naannoo Gambeellaatti rooba cimaa hordofuun lolaa qaqqabeen jiraattonni naannichaa yoo xiqqaate kuma 185 ta’an qe’ee isaaniirraa buqqa’uu isaanii Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) beeksise.

Magaalaa naannichaa dabalatee aanaalee 12 keessatti walakkeessa ji’aa Adoolessarraa kaasee hanga waktii Birraa kanatti rooba cimaa roobeen lolaan qaqqabuu isaa DHaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waajirri Qindeessaaa Dhimmoota Namoomaa (OCHA)n ibseera.

Balaa lolaa mudate kanaanis jiraattonni 185,200 ta'an qe’ee isaaniirraa akka buqqa’an kan hime OCHAn, namoonni buqqa’an kunneenis haala rakkisaa keessatti argamu jedheera.

Yeroo ammaa kanatti maneen barnootaa, dhaabbilee fayyaafi badheerratti rakkoo keessa akka jiran ibseera.

Kana malees, hanqinni nyaataa kan mudate yoo ta’u, buqqaatonni kunneen lubbuudhaan turuudhaaf baalafi hidda mukaa nyaachaa jirus jedheera.

Sababa rooba cimaa roobeen midhaan naannichaa keessaa parsantaa 72 kan ta’e maasaan boqqolloo garri caalu kan manca’e yoo ta’u, lukkuuwwaniifi horiin gaanfaa horsiifamanis balaa lolaa kanaan du’aniiru.

UN ibsa isaa kana keessatti meeshaaleefi qabeenya jiraattotaa akka mancaaseefi bu’uuraaleen misoomaas akka midhaman eereera.

Naannicha keessatti rakkoon hamaan akka mudate kan ibse gabaasni UN kun, balaan lolaa kun dhiyeessa bishaanii akka gufachiiseefi ujummoon ittiin dabarfamullee miidhameera jedheera.

Balaa lolaa aanaalee 12 keessatti mudate kanaan dhaabbilee fayyaarraa miidhaan kan gahe yoo ta’u, jiraattonni tajaajila fayyaa akka hin argannellee taasiseera jedhe.

Kana waliin wal qabsiisees, rakkoo fayyaa qaqqabsiiseen dhukkuboota hanqina qulqullina bishaaniirraa kan ka’een dhufaniin carraan qabamuus ol aanaa akka ta’u godheera.

Kanarratti dabalataan, kaampiiwwan namoonni buqqa’an keessa qubatan sababii guutanii itti dhiphateef dhukkuboonni akka cittoo, gifiraafi qaamolee argansuu miidhan mul’achuun isaanii yaaddoo dabalataa uumeera.

Naannoon Gambeellaa bakka hedduu isaa keessa lageen kan keessa darban yoo ta’u, balaa lolaa tasaatiifis saaxilamaadha.

Laggeen gurguddoo naannicha keessatti argaman keessaa Akoboo, Olworoo, Baaroo (Openo) fi Giloonaa kanneen jedhaman keessatti argamu.

Laggeen kunneen yeroo hedduu waktii Gannaafi yeroo roobni cimaan roobutti akka malee guutuun naannichacharra yaa’uun lubbuu hawaasa naannichaa balleessuufi mancaatii qabeenya qaqqabsiisu.