Dubartiin ulfaa ajjeechaan himatamte daa'imni garaashee keessaa bilisa akka bahu iyyatte

Dubartii Ulfa

Madda suuraa, Getty Images

Aaddee Naataaliyaa Haareel ulfa torban jahaa taatee dubartii biraa rasaasaan rukuttee ajjeeste.

Amma mana hidhaa keessatti murtee eegataa kan jirtu dubartiin kun, daa'imni ishee garaa keessa jiru seeraan ala hidhamaa jira jetti.

Iyyata hatattamaa manna murtii Filooriidaatti dhiheessiteen, abukaatoon Haareel hojjettoonni mana hidhaa ''kunuunsa dahumsa duraa madaalawaa fi barbaachisaa ta'e dhabuun” daa'ima kana balaadhaaf saaxiluu isaanii falmeera.

Falmiin kun yaad-rimee ''daa’imni gadameessa keessa jiru nama mirga qabuudha'' jedhu irraa kan fudhatamedha.

Yaadni daa’imni garaa keessa jiru nama eegumsa heera mootummaa qabuudha jedhu erga Manni Murtii Olaanaa Ameerikaa mirga ulfa baasuu guutuu biyyattii kuffisee booda, ganna darbe beekamtii argateera

“Daa’imni garaa Haareel keessa jiru, nama akka Heera Mootummaa Filooriidaa fi Heera Ameerikaa jalatti ibsametti" jechuun abbaan seeraa Wiliyaam Nooris yaada seeraa dhiyeessan keessatti barreesse.

Galmeen kun daa'ima garaa keessa jiruu bakka bu'uun kan dhiyaate yoo ta'u, Haareel kunuunsa sirrii akka argattuuf hanga daa'imni dhalatutti mana hidhaa irraa akka gadhiifamtu gaafatee jira.

''Daa'imni garaa keessa jiru ammallee gadameessa keessa jiraatus haadha isaa irraa mirga walaba ta'ee qaba,'' jechuun Nooris gaazexaa The Washington Post'tti himaniiru.

"Daa'imni garaa keessa jiru hidhaa kana keessatti adeemsa seeraa sirrii ta'e irraa mulqameera."

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haareel erga Adooleessa darbe irraa eegalee Kaawuntii Maayamii-Dade keessatti wabii malee hidhamtee jirti. Kan hidhamtes taksii keessatti nama waliin deemaa turte rasaasan rukuttee ajjeesteti.

Dubartiin ganna 24 kun yakka ajjeechaa sadarkaa lammaffaa raawwachuu ishee balleessaa akka hin qabne amantee jirti.

Akka iyyati Norris jedhutti, Haareel ofirraa ittisuuf, "lubbuu ishee fi lubbuu daa'ima ishee garaa keessa jiru sodaachuun" gocha kana raawwatte.

Innis, mana hidhaa keessatti, maamili isaa vitaaminii, nyaataa fi dhangala’aa dahumsa duraa ishee barbaachisu akka hin arganne ykn gara beellama hakiimota ishee beellamameetti akka hin geeffamne, akkasumas yeroo tokkotti vaaniin geejjibaa qilleensa to’atu malee yeroo ho’i 100F (38C) ol ka’e keessatti haftee akka turte himata).

Itti dabaluudhaan, qorannoon fayyaa Haareel yeroo dhumaaf Onkoloolessa keessa akka ta'e hima. Kanaaf ulfi kun hangam akka dheeratu ykn daa'imni yoom akka da'u ifa hin taane jedhan.

Ibsa kenneen, kutaan sirreessaa fi haaromsaa Kaawuntii Maayamii-Dade "kunuunsi da'umsa duraa to'annaa keenya jala jiru hundi sirrii ta'uu isaa mirkaneessuuf tajaajila fayyaa kennamuu fi argame irratti gamaaggama guutuu gaggeessaa jira" jedheera.

Wiixata, waajjirri Abbaa Alangaa Waliigalaa Filooriidaa Ashlee Muudii iyyanni kun akka kufamu gaafate, ragaa gahaa himannaa Haareel deeggaru akka hin hammanne ibseera.

Garuu abbaan daa’imaa Maayikeel O'Braayin fayyaa daa'ima kanaaf akka yaadda'u NBC Maayamiitti himeera.

"Daa'imni yeroo malee akka dhalatu ykn ulfaatina gad-aanaa akka dhalatu hin barbaadu," jedha.

"Haalli jiru suukaneessaa waan ta'eef kunuunsa dahumsa duraa argachuu qabdu akka hin arganne natti dhaga'ama."