'Tiraamp waliin hojjechuun hojii guddaadha, nuti garuu hojjettoota jaboodha ' - Zeleniskii

Pirezidaantin duraanii US Doonald Tiraamp irra deebin pirezidaantii ta'ee yoo filaman Yukireenif rakkisaa ta'uu akka danda'u pirezidaant Volodmiir Zeleniskiin dubbatan.
Tiraamp pirezidaantii ta'anii yoo filaman nuuf "hojii guddaadha, garuu nuti hojjettoota jaboodha" jedhan pirezidaantin Yukireen Zeleniskiin turtii addatti BBC waliin taasisaniin.
Filannoo pirezidaantummaa US Sadaasa dhufu gaggeeffamuun Tiraampis ta'ee Baayidan kan filaman wajjin hojjachuuf qophii akka ta'an himan Zeleniskiin.
Tiraamp guyyootan dura nama ittaanaa isaanii ta'uun dorgomu Senaatara Bulchiinsa Ohaayoo kan ta'e JD Vaans akka ta'e beeksisanii ture.
JD Vaans kanaan dura dhimma waraana Yukiren keessatti gaggeeffamuu ilaalachisee yaada kenneen waanti Yukireen keessatti ta'u dhimmasaa akka hin taane dubbatee ture.
Filannoo dhufurratti Tiraampfi JD Vaans Waayit Haawusitti kan deebi'an yoo ta'e, deeggarsi waraanaa US Yukireenif taasistu baay'ee gadi xiqqaachuu danda'a kan hedhu sodaan jira.

“Tarii waan Yukireen keessatti deemaa jiru inni [JD Vaans] hin hubanne ta'e, kanaaf Yunaayitid Isteetis waliin hojjachuu qabna," jedhan Zeleniskiin.
Zeleniskiin wal-gahii European Political Community (EPC), kan biyyoonni 27 ol irratti hirmaatan irratti yeroo affeeraman BBCtti dubbatan.
Muummee Ministeeraa UK dhiyeenya filaman, Kiir Istaarmar wajjinis wal-arguun mariyataniiru.
Jimaata dhufu Zeleniskiin wal-gahii kaabinee UK irratti argamuun haasaa ni taasisu jedhamee jira. Erga bara 1997 pirezidaantiin US yeroo sanaa Biil Kiliintan affeeramanii haasaa taasisanii wal-gahii Kaabinee UK irratti gaggeessaan biraa affeeramuun kun isa jalqabaati.
Zeleniskiifi Kiir Istaarmar waliigaltee dhiyeessii meeshaa waraanaa paawundii biliyeena 3.5 waliif mallatteessu jedhamees jira.
Torban kana loltoonni Yukireen dirree waraanaa karaa baha biyyattiin jiran mandara tokko gadhiisanii bahuun gabaafame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Keessumaa ji'oota muraasaa as loltoonni biyyattii adda waraanaa kallattii garaa garaan Raashiyaan irratti bantetti dhifamuun rakkataa jiruu.
Karaa kaaban Raashyaan adda waraanaa haaraa Kaarkiv irratti ji'oota dura bantee hanga tokko milkooftus biyyooni lixaa Yukireen meeshaasaanii fayyadamtee daangaa Raashiyaa akka haleeltu hayyamuusaniin Raashiyaan baay'ee duratti siquu hin dandeenye.
Loltoota heddus Raashiyaan adda waraanaa kanatti akka jalaa du'antu himama. Biyyoonni lixaa xayyaara waraanaa ammayyaa F-16 bara kana Yukireen akka hidhachiisan waadaa galuunsaanii Yukireenif hamilee ta'ee jira.
Xayyaaronni waraanaa ammayyaa US omishte kun misaa'elota Raashiyaan dhukaastu dursanii qilleensarratti kuffisuuf gahee guddaa kan taphachuu danda'aniidha jedhama.
Waraanni kun waggaa lamaaf turuunsaa Yukiren hanga yoomitti Raahsyaa jala dhaabbachuu dandeessi kan jedhu gaaffii kaasee jira.
Ji'a darbe Walgahiin Nageenya Yukireen jedhu Siwizarlaanditti gaggeeffamee ture. Wal-gahii sanarratti Raashiyaan hin affeeramne. Walgahii marsaa lammataa Sadaasa dhufu gaggeeffamurratti Raashiyaan argamuu akka qabdu dubbatan Zeleniskiin.
Addunyaan martuu Raashiyaan gadi teessee karaa nagaan waraana kanatti xumura akka gootu dhiibbaa irratti gochuu akka qabus kaasan Zeleniskiin.












