Oduu jijjiirraa maqaan Jeesus, Paartee, Ten Haag fi kaan ka'aa jiruun, eenyu garam deemuufidha?

 Gabreel Jeesus

Madda suuraa, Getty Images

Arsenaal taphataa isaa sarara fuula duraa Gabreel Jeesus kennuuf kilaba gaafatu dhaggeeffachaa jira. Kilabichi taphataasaa lammii Biraazil, umuriinsaa waggaa 27 ta'e kana ganna kana waan isaaf dhiyaatu eegaa jira. (Football Insider)

Taphataan sarara gidduu Arsenaal lammii Gaanaa kan umuriin isaa waggaa 30 ta'e, Tomaas Paarteefi Gabreel Jeesus ija kilaboota Sa'ud Arabiyaa baayyee keessa galaniiru. Kilaboota Arsenaal kanneen lamaaniif kaffaltaan nama 'gojomaasisu' dhiyaachaaf jira. (Express)

Leenjisummaa Baayer Muniik gadhiisee deemaa kan jiru Tomaas Tuhel, leenjisaa Maanchester Yunaayitid itti-aanu ta'uudhaaf dorgomaa dursaa jiru ta'eera.

Maanchester Yunaayitid leenjisaa isaa Erik Ten Haag bakka buusuudhaaf erga yaaduu jalqabee isa bakka buusuudhaaf filannoon jalqabaa isaan kajeelaa jiran Tomaas Tuhel ta'eera. (Football Insider)

Teen Haag ammoo gama kaaniin ganna akana leenjisummaa Baayer Muniik fudhachuuf namoota kaadhimaman keessaa tokkodha. (Florian Plettenberg)

Jifataan Niwkaasil Kaalam Wilsan egereen isaa hin baramne. Taphataan lammii Ingilaand umuriin isaa waggaa 32 ta'e kun Niwkasil akka gadhiisee deemu garuu cimsee irratti odeeffameera. (Mirror)

Jaadon Saanchoo

Madda suuraa, PA MEDIA

Bondasliigaa Jarmanii keessaa Boruusiyaa Dartimand ammoo taphataa Maanchester Yunaayitid ergisaa fudhatee haalaan dhimma itti ba'aa jiru Jaadon Saanchoo ganna dhufu dhaabataadhaan fudhachuu barbaadaa jira. Maanchester Yunaayitid taphataa qaalii umuriin isaa waggaa 24 ta'e kana deebifachuudhaafis waan danda'u hin fakkaatu. (Sky Sport Germany)

Maanchester Yunaayitid Saanchoo fi Maason Giriinwud gurguruun Paawondii miliyoona 100 sassaabbachuu barbaadu. Taphataan lammii Ingilaand umuriin isaa waggaa 22 ta'e Maason Giriinwudis ganna kana kilabicha gadhiisee deemuu barbaada. (Give Me Sport)

Jifataan lammii Giinii Istuutgaariif taphatu Serhoo Guraasii Arsenaaliin hawwatamaa jira. Sarara fuula duraa kilabichaaf filannoo dabalataa barbaadaa kan jiru Mikeel arteettaan, taphataa umuriin isaa waggaa 28 ta'e kana fudhachuuf abbalaa jira. (Fichajes - in Spanish)

Abdiin taphataa sarara gidduu Ingilaand Kalviin Filiips deebiyee Liidsitti makamuu kilabichi deebiyee Piriimer Liigiitti guddachuu isaarratti hundaa'a. (Football Insider)

Aston Viillaan ammoo taphataa sarara ittisaa Atileetikoo Maadiriid Maariyoo Hermoosoo kan umuriin isaa waggaa 28 ta'e mallatteesisiifachuutti dhiyaateera. (AS - in Spanish)

AC Miilaan ammoo taphataa sarara duraa lammii Kanaadaa umuriin isaa waggaa 24 ta'e, Jonaataan Daavid yeroo jijjiirraan ganna banamu Liileerraa fudhachuu barbaada. (AS - in Spanish)