Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni Maree Nageenyaa UN qoqqobbiin Iraan akka dheeratu murteesse
Manni Maree Nageenyaafi tasgabbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii wixinee murtii qoqqobbii Iraan irratti kaa'ame dhaabbataadhaan akka kaafamu gaafatu Jimaata kaleessaa utuu hn raggaasifne hafeera.
Haa ta'u malee Tehran fi biyyoonni Awurooppaa gurguddoon ammallee qoqqobbii kana kaasuu fi tursiisuu irratti mari'achuuf guyyoota saddeet qabu.
Manni Marichaa miseensota 15 qabu kun Jimaata darbe wixinee murtii kana irratti sagalee kennaniiru.
Wixinichi erga Biriteen, Faransaay fi Jarmaniin himannaa irratti dhiyeessaniin booda kan dhiyaate yoo ta'u sababa kanaanis utuu irraa hin kaafamin hafeera.
Biyyootni kunneen qoqqobbiicha kaasuun dura Hagayya 28 adeemsa guyyoota 30 eegalan booda, Teehiraan waliigaltee bara 2015 humnoota addunyaa waliin meeshaa niwukilaraa akka hin hojjenne dhorkuuf qophaa'e hin kabajne jechuun himatanii turan
Iraan garuu yaada akkasii kamiyyuu ni haalti.
Raashiyaa, Chaayinaa, Paakistaan fi Aljeeriyaa wixinee barreeffama qoqqobbicha kaasuu deeggaraniru.
Garuu miseensonni sagal kan morman yoo ta'u, lama ammoo sagalee kennuurraa of qusachuu filataniiru.
Sagaleen Mana Maree Nageenyaa kun torban tokko keessatti akka irra deebi'amee ilaalamuuf Iraan sochii dippilomaasii kan eegalte yoo ta'u, Pirezidaantii Iraan Masohud Pezeshkiyaan yaa'ii waliigalaa UN Niiw Yoorkitti gaaggeefamu irratti argamuun hoggantoota biyyota adda addaa waliin mari'atu.
Ammas balballi hin cufamne
Ambaasaaddarri U.N. Iraan Amiir Sa'iid Iraavaanii sagalee kennaniin booda miidiyaaletti akka ibsanitti, "balballi dippilomaasii ammallee hin cufamne, garuu eenyu waliin fi haala kamiin akka hirrirtu kan murteessu mormitoota ishee osoo hin taane Iraan ta'a."jedhan
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araqchi torban dhufu yaa'ii waliigalaa U.N. irratti gita isaanii Awurooppaa Niiw Yoorkitti wal arguuf karoorfataniiru.
Sagaleen Jimaata darbe kennamees mana maricha keessa waliigaltee dhabuu agarsiisa jechuun hubachiisaniiru.
"Murteen kun dippilomaasii kan miidhu yoo ta'u, meeshaa waraanaa akka hin babal'anneef bu'aa balaa guddaa fidudha," jedhan Iraavaaniin.
Biriteen, Faransaay fi Jarmaniin sagantaa niwukilaraa Tehran ilaalchisee waliigaltee yeroo dheeraa akka taasifamu irratti mari'achuudhaf akka haala miijessuuf qoqqobbii deebi'ee kaa'ame hanga ji'a jahaaf akka turu yaada dhiyeessan.
Kunis Iraan ogeeyyiin niwukilaraa U.N. akka sakatta'an hayyamuu, dhimmoota kuusaa yuuraaniyeemii isheen gabbiste waliin walqabatan furuu fi atakaroo Ameerikaa waliin seenan hanga xumuranitti ta'a jedhan.
Haalli bu'uuraa kun bakka hin guutamne, karaan ifa ta'e furmaata dippilomaasii saffisaa ta'e fidu hin jiru," jedhan Ambaasaaddarri UN Biriteen Barbara Woodward.
"Garaagarummaa keenya(mana marichaa) furuuf yaaluuf torbee dhufuu fi sanaa ol marii dippilomaasii dabalataaf qophaa'aa jirra."jedhan
Qoqqobbii yeroo biraatti darbuun kamiyyuu murtii Mana Maree Nageenyaa irraa argachuu barbaachisa.
Yoo gara xumura baatii Fulbaanaa 27tti waliigaltee dheeressuu irratti walii galuu hin dandeenye, sana booda qoqqobbii UN hundi deebi'ee ni kaa'ama.
Itti aanaan Ambaasaaddarri U.S. Doroti Sheyaa sagalee lakki jedhu kennuun keenya rakkoo karaa dippiloomasiin furamuu malu gufachiisuu hin qabuu jedhan.
Keessumaa murteen Pirezidaanti Tiraamp qophii Ameerikaan Iraan waliin mariin hiikuuf qabdu irra ka'uun waanti hin jijjiramne akka hin jirre ibsuun barbaadaa jedhan.