Dubartii shamarran baadiyyaa Dirree Dhawaaf hiree barnootaa bal'isan

Aadde Amina Mohammed

Madda suuraa, SM

Dhuma bara 2022 irratti waldaan dubartootaa daldala keessa jiran(Association Women in Businees) jedhamu dubartoota hawaasa keessatti jijjiirama gaarii fiduuf carraaqan (Woman Excellence ) jechuun beekamtii kenneef keessaa Aadde Amiinaa Mohaammad tokkodha.

Aadde Amiinaan waggoota 20 oliif Magaalaa Dirree Dhawaa keessatti barsiisummaan tajaajilaniiru. ''Warreen qubee Afaan Oromoo barsiisuu jalqaban keessaa ani tokko,'' jedhu.

Manneen barnootaa keessatti ijaarsa dandeettii irratti hojjetaniiru. Boodarras Itti gaafatamtuu Dhimma Dubartootaa Magaalaa Dirree Dhawaa tahuun hojjechuu jalqaban.

Hoggansa kanarratti yeroo jiran dhimmi isaan xiyyeeffannoo kennaniif tokko barnoota dubartootaati.

''Shamarran gara baadiyyaa jiran kutaa torba, saddeet keessaa barumsa dhiisu, ammoo ni heerumsiisu,'' jedhan.

Danqaan shamarran mudataa jiru rakkoo bu'uuraa isaa maal akka tahe qorachuu jalqaban, hawaasa mariisisan.

Akka Aadde Amiinaan jedhanitti, iddoowwan baadiyyaa manni barumsaa hanga kutaa afurii yoo baay'ate hanga kutaa saddeet qofa jirutti, ''maatiin ijoolleesaa gara magaalaatti ergee barsiifachuuf humna diinagdee hin qabu.

''Kanaaf heerumsiifna namni tokko manarraa gaafa hir'atu rakkinni diinagdee nurraa fooyya'aa naan jedhanii,'' jedhu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Iddoowwan baadiyyaa 38 keessa, of amansiisanii ijoollee isaanii magaalatti erganii barsiisuu akka hin dandeenyetti taa'aniiru jedhan.

Mana barnootaa 48 keessaatti yeroo marii hawaasaa gaggeessan, ''ijoolleen keessan barsiiftuu, hakiima akka taatu hin barbaaddanii?,'' jennee gaafachaa turre jedhan.

''Humna hin qabnuuf malee kara heerumarra, barnootarra deemsifanna,waan jedhu mirkaneefadhe,'' jechuun dubbatu.

Marii hawaasaa kanaan booda, waggaa 15 dura yaada pirojektii qopheessan bulchiinsa magaalaa Dirre Dhawaaf galchan.

Piroojektiin kuni ijoolleen dubaraa kutaa saddeet erga darbiteen booda magaalaa Dirree Dhawaa keessatti mana keessa taa'anii baratan qopheessuu ture.

''Bulchiinsi magaalattii yaadicha fudhatee, manni jireenyaa (hostel) kutaalee 24 qabu ijaarame,'' jedhan.

A.L.I Bara 1999 hojiin ijaarsaa xumuramee furtuu harkaa qabaatanillee rakkoon hin yaadamne isaan mudate.

''Dirree Dhawaa keessa balaan lolaa mudatee diinagdee namootaa mancaasee, kaabineen hojii kanaaf qarshii naa eeyyamtee ni kaatee, namni ijoo hojii kanarratti bobba'ee ture qarshii fuudhee kute,'' jedhan.

Tahus Aadde Amiinaan abdii kutanii shamarran iddoo isaanii qopheessan taa'anii barumsa isaanii itti fufuu barbaadan ofirraa hin galchine.

''Ijoollee 47 ana jettee dhufte baadiyyaatti hin deebisne tooftaan itti barbaade. Yeroo lolaan mudate sana waan namni uummataaf arjoomaa turerraa, firaasha, boraatiifi ansoolaa gaafadhe ijoollee 47 yeroo jalqabaa qubachiise,'' jedhan.

Hojii yeroo sana jalqabneen shamarran 1500 baratanii akka bahan dubbatu.

''Shamarran kunneen hosteela kana bulanii magaaluma Dirree Dhawaa keessa barnoota isaanii qara'u [baratu]. Ifaa, bishaan, nyaataafi sireen isaanii guutameefii jiraatu,'' jedhan.

Kana malees iddoo jireenyaa isaanii keessatti, ''mana kitaabaa qabu, qayyabannaa isaaniif deeggarsa ni argatu, hiriyyoota waliinis dhimma garaagaraa irratti marii ni taasisuu,'' jedhan.

''Ijoollee dubaraa yeroo malee heerumsiisuun hir'ateeraa, akkaan qara'aa jiru ijoolleen, ammaan tanallee ijoollee 100 ol qaba,'' jedhan Aadde Amiinaan.

Shamarran isaan biratti hamma yoonaa baratan, ''barsiisota, narsii, ekisteenshinii fayyaafi qonna irratti hojjechaa jiran, '' jedhan.

'Seenaa dalagaa kanaaf na kakaase'

Aadde Aminaan barumsatti guddoo amanu. Ijoollee dubartootaa diinagdeen kan bilisa bahan, danqaa jireenyaa kan dabran yoo baratanii jedhu.

Bakka bultii dubartootaa jalqabuun kunis seenaa hojii kanaaf isaan kakaase akka qabu himu.

Naannoo Dirree Dhawaa iddoon Waaheel jedhamutti, ''inatala ijoollummaatti heerumtetu, ijoollee deessee warreen harka qalleeyyii wajjin seeftii neetii irraa gargaarsa fudhatti,'' jedhan.

''Qamadii fudhattee galte, abbaan warraa gurguriitii ittiin timboo bitadha jennaan 'ni nyaanna' jettee didde jennee mancaadhaan garaa keessa waraanee ajjeese,'' jedhan.

Isheen duute jennaan furmaati rakkoo dubartootaa,''kan diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa, barnoota waan jedhuuun waan amanuuf kaka'umsa argadhe,'' jedhan.

Bulchiinsi magaalaa Dirree Dhawaas ijoollee hosteelicha taa'anii baratanii ba'aniif carraa hojii akka argataniif ni deeggaraa jedhan Aadde Aminaan.

Manni jireenyaa barattoota shamarranii kuni ijoollee dubaraa qaama miidhamoo tahanillee akka fudhtee barsiisu nutti himaniiru.

Shari'aa irratti dubartoota bakka bu'uu

Aadde Amiinaan yeroo ammaa Waldaa Dubartoota Magaalaa Dirree Dhawaa hogganu.

Mana Murtii Shari'aa irratti illee dubartoota bakka bu'uun ni falmu.

''Mana murtii Shari'aa yogguu deemnuu dubartoota boo'utu achi jira,'' jedhan.

''Anillee Musliimaa, waan Shari'aafi Quraanni jedhan nin beeka, rakkina kana namatu uuma malee Rabbiin keenya nurratti hin uumne waan jettun qaba,'' jedhan.

Gaaffii dubartootaa irratti bara ''Haayilasillaasee hanga Ihaadeg [ADWUI] geeddaramaa dhufe.

Quraana irratti garuu, ''keewwatni dubartootaa hin haqamneefi hin geeddaramne kan Rabbi nuu kenneetu jira,'' jedhu.

Dubartiin yeroo heerumtu ''waan abbaa manaa ishee irraa argachuu qabdu maali? Yeroo adda bahan hoo? kan jedhu jira,'' jedhan.

Dubartootni abbaa warraan wal hiikanii faca'an, ''hamma mana murtii Shari'aa Waliigalaa deemee, 'Rabbiin keenya' akkana jedha isan maal jettuu jedhee falmee dubartoota baayyee bilisa baasee,'' jechuun dubbatu.

Wal-dhibdee haadha warraa fi abbaa warra gidduutti uumamuun mirga dubartii kabachiisuun dabalataan, ''jara lameen dhageenyee wal-amansiifnee, araarsinee kan walitti deebisnu jiraa, akkanaan warra Shari'aa wajjin hojjennaa,'' jedhan.

Akkasumas mirga abbumaa lafaa dubartoota baadiyyaa irrattis ni falminaa jedhan aadde Amiinaan.

Ammoo, ''namoonni Musliima hin tahiin isin Shari'aa keessantu isin miidhaa nuun jedhan, garuu kan nu miidhe namaa malee Rabbii miti jedha.''

Kanaafis jedhan namoonni hubannoo akka argatan, ''abbootii amantaa Islaamaafi Kiristaanaa waamee, daanyaa [abbaa seeraa] magaalaa waamee, warra Shari'aa waamee akka isaan mirga dubartootaa Rabbi kenne qaraasisaan [hubachiisan] godhe,'' jedhu.

''Hamtuun dubartii miitu Quraanarra hin jirtu, isin maaliif nu miitan jennee gaafannee,'' jedhu.

Hogganootni hawaasaa kunneen ''dogoggorre mirga keessaniif falmadhaa nuun jedhanii,'' jedhu.

Waan gara fuulduraa

Aadde Amiinaan mirgaaf falmuu, dubartoota aangessuu kana guddisuuf fedhu.

Waldaa Dubartoota Musliimaa magaalaa Dirree Dhawaa dhaabuu fedha jedhan.

Kanaanis dubartoota Musliimaa mirga ''Shari'aan isaanii kennite barsiisuu fedh,'' jedhan.

''Wallaalli dukkanaa, dubartiin ofitti hin amanne jirti, mirgi ka dhiiraa qofa kan itti fakkaatu,'' jirti jechuun ibsu.

Kanaaf dubartiin Musliimaa ofirratti amantee qabaattee, ollaashees akka bayyanachiistu barbaada jedhan.

Anillee ''siidaa miti nan darba'' dargaggoonni akka baratanii ofii akka wal-deeggara qopheessuu fedha jedhan.

Dhumarrattis manni jireenyaa ijoollee shamarranii kuni duraan UNICEF'n gargaaramaa ture amma, inni dhaabbatee kara biiroo barnootaa fa'iin gargaaramaa jiruu jedhan.

''Namuu akka lammiitti dhufee iddoo jireenyaa dubartootaa kana daawwatee, harka akka nu gadhiisuun [deeggarsa akka taasisu] gaafadhaa,'' jedhan.