Arsenaal dirree Chelsiirratti maal barate? Jalqabni Liiverpuul Saalaah malee maal fakkaata?

Taphattoota Arsenaal leenjisaa isaanii Mikeel arteettaa waliin

Madda suuraa, Getty Images

Arsenaal torban tokko keessatti taphoota ciccimoo: Tootenhaam, Baaye Muniik fi Chelsii keessatti taphatee humna fixatee baayyee qorameera. Ta'us taphoota sadan kana keessaa lama mo'atee tokko wal qixa bahuun isaa waanuma gaarii akka ta'etti ilaalama. Hata'u malee, Arsenaal kana caalaa waan gaarii hojjechuu ni danda'u ture.

Darbii Landan torban darbe masaanuu isaa ta'e Tootenhaam waliin taphatee ga'umsa ajaa'ibaan moate Arsenaal. Guyyaa lama qofa boqatee booda ammoo Roobii kilaba guddaa Awurooppaa bara kana tapha tokkollee hin mo'amne Baayer Muniikiinis adabeera Arsnaal. Taphoota ciccimoo kanaan booda gara dirree Chelsii deemee darbii biraa morkachuun hangam rakkisaa akka ta'e tilmaamuun garuu nama hin rakkisu.

Cittoorratti fanxoo kan itti ta'e ammoo qophiif osoo shaakalaa jiranii taphataan sarara ittisaa jabaa Wiliyaam Saliibaan jala amiidhameera. Kun ammoo qaawwa Gabreel Magaalesh duraan miidhamee jirurratti dabalamee yaaddoo biraa uume.

Haala kana fakkaatu keessatti goolii mataan Mikeel Meriinoon galcheen 1-1 Chelsii waliin walqixa bahuun dursaa kilabichaa kan ta'e Arsenaaliif guddoo qaanii hin qbu.

Garuu carraa taphataan cimaa Chelsii Mo'ises Kaasiyeedoo kaardii diimaan bahe fayyadamee taphattoota 10 waliin daqiiqaa dheeraa taphatetti fayyadamuu hin dandeenye.

Mikeel Arteettaas carraa kanatti fayyadamanii qabxii ittiin dursan caalaa dheereffachuu dadhabuu isaaniitiin gaabbii qabaachuu hin dhorksine.

Torban cimaa akka ture kan ibse Arteettaan darbii tokko taphatanii, gidduutti ammoo tapha shaampiyoons Liigii guddaa keessummeessuun darbii biraatti darbuun hedduu akka isaan miidhe kaase.

Taphootaafi shaakala walirraa hin cinne kana keessatti taphattoonnis jalaa miidhamuun xiqqoo hafuura isaan kuteera.

Miidhamni Saliibaa fi Tiroosaard ammaa kun miidhama taphattootaa sarara fuula duraa warra akka Odegaard, Giyookeresh, Jeesus, Kaayiifi kan sarara ittisaa Gabreel Magaalesh duraan turetti qaawwa dabalataa uumuu ibse Mikeel Arteettaa.

"[Akkas ta'ees] walumaagalatti garuu miidhama cimaa kana keessatti dhugaa dubbachuuf haala gaariirra jirra."

"Garuu har'a tapha kana mo'achuu qabna; mo'achuus ni dandeenya ture garuu hin mo'atiin hafne. Kun qabxii irraa barannedha," jedhe Mikeel Arteettaa.

Arsenaal Gabreel Magaalesh fi Wiliyaam Saliibaa malee

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphni Arsenaal Chelsii waliin taphate kun erga Hagayya bara 2021 as Gabreel Magaalesh ykn Waliyaam Saliibaa malee yeroo taphatu kan lamaffaati. Yoo waliin jiraachuu baatanillee tapha tokkoon isaanii keessaa dhiban hin turre.

Jarri lamaan Arsenaaliif sarara ittisaarratti qofa osoo hin taae, kubbaa dhaabaterraa goolii lakkoofsisuunillee gahee olaanaa taphatu. Isaan malee, kubbaan dhaabatee dhiitamu ykn fageenyarraa darbatamu carraa goolii ta'uu isaan qaban xiqqaadha.

Kubbaa Chesliin galches koornaarraa dhiitamee kan irratti lakkoofsifame yoo ta'u, osoo Saliiibaa ykn Gabreel jiraatanii kan oolu ture.

"Mataa dhukkubbiidha. Sababiin isaas ji'oota darban keessa miidhaan taphattootaa jiratullee carraa jijjiiruu qabna ture.

"Miidhamni Saliibaa kan hin eegamiin ture, kaleessuma mudate," jedhe Arteettaan.

"Kiristaan Moskeeraa fi Piyeeroo Hinkaappii yeroo jalqabaatiif sarara ittisaarra waliin galaniiru."

Wanti gaariin taphattoota waliin taphachuu fedhan ta'uu isaaniiti. Kanaaf, adeemsa keessa waliif miajataa deemu. Nutis lamaan isaanii akka waliin ta'uun milkaa'an irratti ni hojjenna," jedhe Arteettaan.

"Kanaaf, har'a [dirree Chelsiiratti] hunda keenyaaf kan ta'u barumsa guddaa aranneerra; akkasumas namni jiru hunduu bakka itti ramadametti akka gahee isa abahatus wabuu nuuf kenneera."

Saalaah

Madda suuraa, Getty Images

'Kun Saalaah malee jalqabbii Liiverpuuliidha?

Saalaah'n Landan istaadiyeem (West Haam) irratti seenaa qaba ture. Miilana garuu Liiverpuul Saalaah malee West haam waliin taphatee seenaa hojjeteera.

Liiverpuul Saalaah osoo hin taphachiisiin West Haam Landan Istaadiyeemiirratti 2-0n mo'ateera.

Leenjisaan Liiverpuul Arnee Siloot taphataa lammii Masirii umuriin isaa waggaa 33 ta'e Saalaah erga Ebla bara 2024 osoo hin hiriirsiin hafeera.

Liiverpuul Saalaah malee taphachuun mata-duree oduu gaazexaa ta'eera.

Arnee Siloot Saalaah teesisuu isaatiif sababa qaba, innis raawwii kilabichi bara kana keessa walitti aansuun mo'amaa turedha.

Murtee Siloot kana namoonni deeggaranis hin dhiban. Fakkeenyaaf, taphataan duraanii Maanchester Yunaayitid Wayinii Ruunii Saalaah'n hanga gahumsa isaatti deebiyutti teessisuun barbaachisaa ta'uu kaasee dubbatee ture.

Siloot Saalaah hambisee taphataa dhalataa Ertiraa lammii Siwiidin ta'e Aleksaandar Isaak bara kana Niukasil irraa maallaqa guddaan fudhate hiriirsisuun itti milkaa'eera.

Isaak goolii bareedduu lakkoofsisuun murtoo leenjisaa kanaa sirrii ta'uu agarsiiseera.

Kanaan dura taphattoota Liiverpuul maallaqa guddaa itti baasuun bara kana keessa mallatteesiftae Filooriyaan Wiirtis fi Aleksaaddar Isaak hanga irra eegamu buusuu osoo hin jalqabiin truun isaanii qeeqa kaasaa tureera.

Kaleessa garuu taphattoonni kunneen laman bu'aa buusuu jalqabaniiru. Kun ammoo bakka Mohaammad Saalaah'n hin jirrettidha.

Leenjisaan Liiverpuul Saalaah hin hiriirsisiin hafuu isaa qofa miti, murtoo biroos fudhatee ture. Dominiik Siboozilaay gara bakka isaaf mijatutti deebisee taphachiisuu, akkasumas Joo Gomez ji'oota 11 keessatti yeroo jalqabaatiif akka jalqabarraa kaasee taphatu gochuu isaatiin itti milkaa'eera.

Kun ammoo Koodii Gaakpoon sirriitti taphatu gargaaruun Liiverpuul osoo gooliin itti hin galiin 2-0n mo'achuu danda'eera.

Tapha Waancaa Afrikaatiif deemuuf kan jiru Saalaah osoo hin hiriirsisiin hafuun Silootiif murtee rakkisaa ta'eera ta'a garuu bu'aa buusuun isaa mul'ateera.

Ganna darbe kontiraata haaraa waggaa lamaa Liiverpuul kan mallatteesse Saalaah'n, egeree bareedaa kilabicha waliin qabaata jedhamee yaadameeti.

Haata'u malee, Saalaahn bara kana, gahumsi isaa gadi bu'aa dhufuun hanga tapha keessaa hambifamuutti gaheera.

Alaan Shiirar BBC Sportitti akkas jechuu dubbate: "Muteen Siloot kun cimaadha, aruu Liiverpul mo'achuu isatiin salphaa ta'eera. Yeroo wanti jiru siif ta'uu didu, murtee cimaa akkasii fudhachuu qabda.

"Saalaah'n gungumuu hin dandau, sababiin isaas sirriitti taphachaa hin turre. Sirriitti taphachaa waan hin jireefis murtee akkasii fudhachuudha.

"Kun Liiverpuuliif hojjeteera, Isaakiifis hojjeteera, sababiin isaa har'a waan haaraadha," jechuun dubbate Aleen Shiirer.