Moodeelii qaroo-dhabeettii giiftii bareedinaa tahuuf kaayyeeffatte

Feevar Ruufas

Madda suuraa, Miss Port Harcourt City 2022

Moodeeliin lammii Naayijeeriyaa Feevar Ruuufas jedhamtu wayita ganna torbaa ture dhukkuba galaakoomaan qarooshee dhabde.

Tahus giiftiii bareedinaa ta'uf mul’ata qabdi ture.

Feevar dhihenya kana wal-dorgommii bareedinaa guddaa Naayijeeriyaa irratti babahan moodeloota 18 wajjin dorgomtee turte.

Dorgommicha irrattis sadarkaa lammaffaa tahuun xumurtee dorgommii itti aanuun ammoo Giiftii Miss Port Harcourt City Humanity 2022 jedhamuun gonfoo fudhatee jirti.

‘'Namoonni baayyeen akkan dorgomu na jajjabeessaa hin turre. Irra caalli kanneen akka hin dorgomne natti himaa turan ammoo miseensoota maatii kiyya miti,’’ jechuun Feevar BBC'tti himeeetti.

Jalqaba rakkoo ijaa akka qabdu kan hubate barsiisaashee akka ta'e himuun, ''dareetti qabxiin koo gadi-buunaan maal akkan ta'e baruu barbaade,’’ jetti.

Kiliiniika ijaa wayita deemuun qoratamteettis waan sodaatte dhugaa tahu itti himame.

''Hakiimonni iji koo inni bitaa akka jaame natti himan, naaf oolchuufis akka barfate dubbatan,’’ jette.

Ijishee inni mirgaa akka fayyaa ta'e itti himan, garuu yeroo hunda qorichi ijatti copasan fudhachuu akka qabdu itti himame.

Feevar akka jettutti, wayita ammaa kanattis agartuun ijashee lamaanuu sirriitti hin arguuf. Kanaafu, leenjii sochii dhaabbata bayyanachiisaa tokko irraa argattuun sochoo'aa jiraachu himti.

Rakkoolee akkasi qabaattus garuu giiftii bareedinaa ta'uuf dorgommii ishee itti fufuudhaaf murannoo akka qabdu himti.