'Liiverpuuliin injifatamuun keenya dorgommii bara kanaa hin murteessu' - Maarkas Raashifoord

Madda suuraa, Getty Images
Maarkas Raashifoordi haala darbe kana qajeelchuuf osoo ''har’a taphachuu dandeenya tahe’’ akkam natti tola ture jedhe.
Leenjisaan Maanchistar Yuunaayitid Erik Ten Haag harka Liiverpuuliin akkasiin mo’amuu isaanii ogummaan ala [unprofessional] jechuun ibsaniiru.
Raashifoordi ammo gareen keenya taphni kun ''bara dorgommii keenya kana akka hin murteesine'' beekuu qabu jedhe.
''Haalota qajeelchuu fi sirreessuuf osoo har’a taphachuu dandeenya tahe'' jechuun fuula Tiwiiterii isaa irratti barreesse.
''Qabxiin galmaa’e qabxiima argine sana, waan darbe ilaaluu hin dandeenyu, Kun bara dorgommii keenya akka murteessu eeyyamuu hin qabnu. Adeemsichatti amannee tokkummaan dhaabbachuu qabna,'' jedhe.
Qabxii kun isa kana dura Liiverpuul waggoota dheeraa dura Maanchisteriin mo’ateen qixa tahus dhiyeenya Maanchister harka Liiverpuulitti akkanaan mo’amee hin beeku.
Haala akkanaan mo’amuun isaanii bara 1926 Bilaakbarniin, bara 1930 Aston Viilaan, bara 1931 ammoo Woolvisiin ture.
Raashfoordi qofa osoo hin taane karra eegaan Maanchister Yuunaayitid Deevid Hiyaan ''waan jibbisiisaadha'' jechuun ibse.
''Yeroon kun nuuf yeroo hamaadha, qabxiin akka kanaa gonkumaa nurratti hin galmaa’u, keessumaa adeemsa gaarii irra jirru waliin yoo ilaalamu,'' jedhe.
"Kilaba kanaaf itti gaafatamummaa qabna, baajii kilabichaa bakka buuna, garuu fuuldurattis carraawwan hedduu qabna, ariitiidhaan taphoota hedduutu dhufaa jira. Xiyyeeffannoo keenya isarra godhachuu qabna,'' jedhe.
Kamisa ifataanii kana Riyaal beetis waliin dorgommii Awurooppaa Liigii taphatu.
Dilbata dhufu ammoo Saawuzhampitaniin keessummeessu. Lameenuu tapha ulfaataa tahuu mala.
Liiverpuul hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii dhufu argachuuf sadarkaa gaarii irratti argama.
Arsenaal gabatee Liigichaa qabxii 63'n dursaa jira.
Dorgommiin bara kanaa eenyu shaampiyoonaa tahaa qofa osoo hin taane kamtu kufaatii irraa oola kan jedhus cimseera.
Kilebootni gara dhumaarra jiran hundi qabxii walitti dhiyaatu qabu.
Taphoota hafa irrati dorgommii cimaa ilaaluun keenya dirqama.












