Gorsaa nageenyaa olaanaa US: 'Waashingiteen wabii bishaan Masirii amansiisaa taasisuu keessatti ni dhimmamti'

Hidha haaromsaa, tarbaayina haaraa

Madda suuraa, Ministry of water

Gorsaa nageenya biyyaalessaa pirezidaantii US Joo Baayidan kan ta'e Jaak Suliivaan, bulchiinsi US carraaqqii wabii bishaan Masirii mirkaneessuu keessatti akka dhimmamtu irra deebi'uun dubbate.

Madda masaraa mootummaa Masirii waabeffachuun AhramOnline akka gabaasetti, Aab Suliivaan kana kan dubbate Roobii 29, 2021 wayita magaalaa guddoo Masirii Kaayirootti Pirezedaantii Masirii Abdel-Fattaah El-Sisi waliin wal arganitti.

Aanga'aan ol-aanaa US kun Abdel-Fattaah El-Sisi waliin haasaa kan taasisan bakka dursaan Tajaajila Intelejansii Waliigalaa Masirii Abbaas Kaamel, akkasumas Ministirri Dhimma Alaa Masirii Saameeh Shukurii jiranitti ture.

Abdel-Fattaah El-Sisi waliin dhimma Hidha Haaromsa Itoophiyaa Guddicha (GERD) laga Abbayyaarratti ijaaramaa jiru ilaalchisuun dubbatetti, Suliivaan US mirgoota bishaaniifi misooma Masirii, Sudaaniifi Itoophiyaa eegsisuuf hojjechaa jiraachuu ibse.

Miseensa garee marii dhimma GERD kan ta'e Obbo Ibraahim Idris gaaffiifi deebii Fulbaana 24, 2021 Burqaa Oduu Itoophiyaa waliin addatti taasiseen, Itoophiyaan Masiriifi Sudaan waliin waliigaltee kan mallatteessitu qabeenya bishaan Laga Abbayyaa fayyadamuurratti yoo fedhiin biyyaalessaafi egereen misoomaa ishee wabii argate qofa jedhe.

"Itoophiyaan haala kamiiniyyu fedhii biyyalessaa ishee hin sharaftus," jedhe Obbo Ibraahim.

Ministirri Dhimma Alaa Masirii Saameeh Shukurii gama isaanitiin deebii dubbii miseensa garee marii araaraa Itoophiyaa kanaaf kennaniin, GERD ilaalchisuun waan Itoophiyaan jettu 'dhugaarraa kan maqeefi amanamummaan kan itti hir'atudha' jedhe.

"Dogogorawwan [fallacies] Itoophiyaa ittuma fufeera," jedhe Saameeh Shukurii Dilabata darbe Sada El-Balad TV yaada yeroo kennetti.

Mariin hanga ammaatti taasifame Hidha kana guutuufi oppereeshinii isaa kan ilaallatu qofaa ta'uu kan ibsu Aab Saameeh Shukurii, dhimma kana ilaalchisuun waliigaltee tokkorra gahuun ammoo karaa kamiiniyyu misooma egeree Itoophiyaa hin dhorku jedhe.

Adoolessa keessa Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii yeroo jalqabaaf dhimmi Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa irratti kora taa'ee ture.

Korri sun akka taa'amu mana marichaaf gaaffii kan dhiyeessan Sudaan fi Masrii yoo ta'an, Itoophiyaan kophaashee murteessitee Hidhicha bishaan guutaa jiraachuufi dhimma kanarratti waliigalteerra gahamuu dhabuun wal diddaa biyyoota sadan jidduu jiru hammeessee, rakkoo nageenyaa naannicha keessatti uumuu mala jechuun manni marichaa akka tarkaanfii fudhatuuf ture kan gaafatan.

Itoophiyaan gama isheetiin dhimmi Hidha Haaromsa dhimma misoomaati malee dhimma nageenyaa waan hin taaneef mana maree nageenyaa UN hin ilaallatu jechuun gara Gamtaa Afrikaatti deebi'ee marii hoggansa gamtichaatiin taasifamuun biyyoonni sadan waliigalteerra akka gahaniif gaafattee turte.

Miseensonni Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniis (UNSC) Hidha laga Abbayyaa irratti wal dhabdeen Itoophiyaa, Sudaanii fi Masrii karaa Gamtaa Afrikaan akka furamu deeggaran.

UNtti ambaasaaddarri Ameerikaa Liindaa Toomaas Giriinfiildi, marii UNSC irratti gaggeeffamee turerratti hoggansa Gamtaa Afrikaa jalatti ariitiin akka itti fufee gaggeeffamu himan saanii ni yaadatama.

''Wal dhabdicha furuuf Gamtaan Afrikaa bakka gaariidha jennee amanna. Ameerikaan deeggarsa siyaasaa fi teeknikaa gochuu itti fufti,'' jechuun walgahii UN irratti dubbatan Liindaa Toomaas Giriinfiildi.

Walakkeessa ji'a Fulbaanaa kana keessa ammoo Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) Itoophiyaa, Masriifi Sudaan waldhibdee dhimma Hidha Haaromsaa irratti qaban furuuf marii akka itti fufaniifi mariin kunis yeroo murtaa'aa keessatti akka gaggeeffamu akeekkachiise.

Akka ibsa Manne Maree Nageenyaa UN baaseett, biyyoonni sadeenuu affeerraa dura taa'aan Gamtaa Afriikaa taasiseef fudhachuun mariitti deebi'uu qabu.

"Biyyoonni sadeen akkaataa guutiinsa bishaanii fi oppireeshinii Hidhichaarratti waliigaltee seera qabeessa hunda hirmaachiserra ga'uu qabu," jedha ibsichi.

Marii kana gara Gamtaa Afriikaatti qajeelchuusaa kan simatte Itoophiyaan, garuu Manni Maree UN dhimma isa hin galchine keessa galuun waa'ee mirga bishaanii irratti abbummaan dubbachuunsaa waan itti qabuudha jetteetti.

Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi A L I'tti baatilee jalqabaa bara 2014 keessa humna elektiriikaa maddisiisuu jalqaba jedhameera.

Tarbaayinoota 13 Hidhi kun qabu keesaa lamatu humna hanga meeggaa waattii 750 gahu maddisiisuuf jira.