Paarlaamaan Chaayinaa nageenya Hongi Kongi to'achuuf seera haaraa raggaasise

Paarlaamaan Chaayinaa seera dhimma nageenyaa haaraa Hongi Kongi ilaallatu raggaaise. Akkaataa seera haaraa kanaati gochaan ol aantummaa Beejingi Hooongi Koongi irratti qabdu mormu hundi yakkadha.

Wixineen seeraa kun amma hoggantoota ol aanoo Chaayinaaf kan darbe yoo tahu namootni baay'een garuu seerichi walabummaa Hongi Kongi qabdu ture kan miidhudha jechuun amanu.

Haaluma kanaan Chaayinaan yeroo jalqabaaf dhaabbilee nageenyaa ishee Hongi Kongi keessatti banuuf jetti.

Hongi Kongi gar-tokkeen Chaayinaa irraa adda baatee kan of bulchaa jirtu yoo tahu Chaayinaan dhimma bulchiinsaa keenya keessa galuu hin qabdu jechuun mormiin yeroo dheeraaf tureera.

Hongi Kongi daangaa Chaayinaa keessa waan taateef bulchiinsi gidduugaleessaa aangoo irratti qaba jechuun Chaayinaan gaaffii naannichaa dhiyaataaf ture hin fudhanne.

Seerri haaraan amma ragga'e kun mormii haaraa bulchiinsa gidduugaleessaa Chaayinaa irratti kaaseera.

Kaleessa miseensotni mana maree Hoongi Koongi seerota alaabaa biyyaalessaa Chaayinaa, Hongi Kongi keessatti gadi buusan yakka taasisan irratti wal falmaa turan.

Yeruma sana ammoo mormii guddaan Hongi Kongi keessaa gochicha balaaleffachuun dhagahamaa ture.

Har'as marichi itti fufee osoo jiruu mormii cimaan dhagahamaa ture. Kanaanis namootni dhibbatti lakkaa'aman adabamaniiru.

Kaleessa Barreessan Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompe, wantootni Hongi Kongi mul'atan kana booda Hongi Kongi Chaayinaa guddoo irraa adda baatee aangoo ofiin of bulchuu akka hin qabaanne agarsiisa jedhan.

Kana jechuun akka seera Ameerikaatti Hongi Kongi addatti Chaayinaa guddoo irra adda baatee ilaalchi godhamuuf hin jiru jechuudha jedhan.

Ataakaaroo Bulchiinsa Hongi Kongii fi Chaayinaa guddoo

Paartiin Kongirensiin Biyyaalessaa biyyatti wal gahii tibbana taa'een wixinicha irratti filannoo gaggeessuu osoo danda'uu mootummaan akka hojiirra oolchuuf jecha seericha dabarse.

Wixinichi amma Koree Paartii Koministiidhaaf darbeera. Ji'a Hagayyaa keessa ammoo seera tahee hojiirra oola jedhamee eegama.

Wixineen kun maal qabate kan jedhu guutuun isaa beekamuu baatus kanneen seericha keessatti akka yakkaatti ilaalaman gurguddoon;

  • Foxxoquu- Biyyattii irraa adda bahuu
  • Aangoo mootummaa biyyaalessaaf beekamtii kennuu dhabuu
  • Shororkeessummaa- Jeequmsa kaasuuu fi nageenya uummataa booressuu
  • Gochaa humnoota alaa dhimma Hongi Kongi keessa galan kan jedhu dabalata.

Akkaataa seerichaatti akka barbaachisummaa isaatti qaamonni nageenyaa mootummaa gidduugaleessaa Hongi Kongi keessatti dhaabbilee nageenyaa dhaabuun tokkummaafi nageenya biyyaalessaa tiksuu danda'u jedha.

Qondaalonni mootummaa Hongi Kongi keessaa seerichi gochaa shorokeesummaa fi jeequmsaa dhaabuuf gargaara jiraattota daangaa Hongi Kongi keessaas waan sodaachisu hin qabu jechuun amanu.

Kaan ammoo namumti bulchiinsa gidduugaleessaa Chaayinaa qeeqe dabarfamee harka mootummaa Chaayinaatti kennama waan taheef walabummaa keenya miidha jechuun mormu.

Seerota Chaayinaan kanaan dura yakkamaa dabarsanii kennuu qabu jechuun Hongi Kongi ilaaachistee baastes haalaan mormamuun isaa ni yaadatama.