Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jeeneraal Saamoraa Yunis Jeneraal Sa'aara Mokonninin bakka buufaman
Jeneraal Sa'aara Mokonnin hogganaa Olaanaa Humna Waraanaa Biyyaalessaa Itoophiyaa ta'uun Jeeneraal Saamoraa Yuunis kan bara dheeraaf tajaajilan bakka buufaman.
Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad, Hogganaa Olaanaa Humna Waraanaa Biyyaalessaa kan turan Jeeneraal Saamoraa Yuunis kaasuun, Jeneraal Sa'aara Mokonnin bakka buusaniiru, jechuun Itti gaafatamaan Waajjira Ministira Muummee Obboo Fitsuum Araggaa fuula Twiitara isaaniin ibsaniiru.
Gama biraatiinis, Ministirri mummee Meejer Janaraal Alam Isheet Dagifee fi Birgaada Janaraal Asaaminawu Tsigee kan kana dura aangoonsaanii jalaa haqamuun humna waraanaa keessaa hari'ataman turan, wareegama isaan biyyaaf kanfalaniif beekumsa kennuun aangoosaanii deebii'eef faayidaawwan soorataa guutuu waliin sorama akka bahaniif murteessu Itti gaafatamaan waajjira Ministira muummee, Obbo Fitsum Aragaa ibsaniiru.