Woddeessa Yaachisii: Ilma horsiisee bulaa daldalaan milkaa'anii badhaaasa Afrikaa injifatan

Woddeessa Yaachisii

Madda suuraa, Woddeessa Yaachisii

Maqaan isaanii Woddeessa Yaachisii jedhamu. Dhalatanii kan guddatan Godina Gujii Aanaa Sabbaa Boruutti.

Maatii Horsiisee bulaa irraa waan dhalataniif Ijoollummaan isaanii garri caalu loon tiksuudhan akka dabarsan yaadatu.

"Mucaa horsiisee bulaa gaafa taatu jabbii tiksuudhaan jalqabda. Gaafa guddachaa deemtu loon tiksita. Anis kanuma keessan darbe. Barnoota barachuun guddoo rakkoo ture.

''Maatiin kiyya naaf hin heeyyamne. Abbaan kiyya akkan loon horsiisee booda isaan dhaalu barbaadu ture," jedhan.

Boodarra abbaan isaanii waan heyyamaniifiif bara dargii keessa barnoota isaanii hanga kutaa 11 erga barataniin duuba gara bulti ijaarachuutti deebi'uus himan.

"Mootummaan Dargii yeroo sana rakkoo ture. Achumaan barumsa dhiiseen bulti ijaarradhe. Dhiibbaa yeroo sanii karaa barumsaa irraa gara daldalaatti akkan seenuuf sababa naaf ta'es," jedhan.

Jalqabbii hojii daldalaa…

Obbo Woddeessi amma Finfinnee fi Gujiitti kaampaaniiwwan hedduu horatanii qabu. Albuudaa fi daldala bunaatiinis daandii milkaa'inaa qabeenya guddaa ittiin horatani.

Daldalli amma dagaagee baargamatti daldalanii miiliyeenara ittiin tahan kuni garuu jalqabbiin isaaniii lukkuu daldaluudhaan akka eegale himu.

"Daldala kanin jalqabe lukkuudhaani. Achirraa re'ee daldaluuttan guddadhe. Achirraa gara looniittin darbe. Soogidda fi kaan waan xixiqqaa daldalaan ture.

''Waanin hin daldalle hin qabu. Waan hojjennu sana tolchinee hojjenna," jedhan.

Iccitiin milkaa'ina amma irra jiraniin isaan gahe garuu abdii kutachuu dhabuu isaanii akka ta'e amanu.

"Hojii keessatti abdii kutachuun hin barbaachisu. Ammoo lafti nuti irratti dhalanne tuni lafa abdii nama kutachiistu miti. Yoo tikfanne loon nuu furdisti. Yoo facaafanne midhaan akka dansa nuu kenniti.

''Yoo lafa qonne albuuda gosa meeqa nuu kenniti. Lafa akkanaa irratti dhalatanii abdii kutachuun cubbuudha," jedhu.

Oromiyaan dachee waan hundaan waaqni badhaase waan taateef yoo abaarsa yookan cubbuu qabaatan malee lafa itti abdii kutatanii taa'an mitis jechuun dubbatu.

Milkaa'ina amma irra gahanii jiran yoo ibsanis: "Tika loonitirraaa ka'ee amma kaampaanii saadarkaa idil adunyaatti beekamuu fi dorgomu hundeessuurra geenyeerra.

''Kaampaaniin Mormoraa fi Guji highland coffee beekamoodha. Isaaniin alattis amma kaampaaniiwwan biroo hedduu, hoteela sadarkaa isaa eeggateefi abbaa urjii ta'e ammoo shaakisootti ijaareera," jedhu.

Gujii Aanaa Sooddaatti ammoo yeroo ammaa heeyyama albuuda baasuu argachuun omisha Warqee irratti bobba'uun sadarkaa oomisha jalqabuurratti akka argaman himu.

Hojii hojjetan keessatti hawaasa naannoo hirmaachisuu fi gargaaruudhaanis maqaa gaarii akka qabantu himama.

Aadaan hawaasa wajjin guddachuu kun waan ummata kiyyarraa dhaale, akkaataa guddina kiyyaarraa waan maddedha jedhu Woddeessi.

"Namni karra saame hongaa'ee, namni nama saame ammoo ni badhaadhe jedhama. Namni namaaf qorsa. Qofa nyaataan qofaa du'alleen jedhan.

''Waan hojjettu haawasakee waliin gaafa hojjettu niduroomta falaasama jedhu keessatti guddanne nuti. Anis isuma kanan qabatamaan hojii gubbaa oolcha," jedhan.

"Osoon ummata malee qofaa kiyya hojjedheera ta'ee ani sadarkaa kanaan hin bahu. Ani ammoo waan hojjedhu hawaasa kiyya wajjin waan ta'eef hojiin kiyya bal'ataa bal'ataa deeme," jedhan.

Doktareetii Kabajaa…

Abbaan qabeenyaa kuni tibbana Yunvarsiitii biyya Beeniin irraa Doktareetii kabajaa isaanii badhaafaman.

Yunvarsiitii St. Salomon jedhamurraa Biizinas Manajimantiidhaan Doktareetii Kabajaa kan argatan Woddeessa Yaachisii badhaasa kanaaf kan gahan milkaa'ina isaan biizinasii irratti agarsiisanii fi hojii ummata fayyadu hojjetanaiin akka ta'e himan.

"Badhaasa kanaaf kan na kaadhimsiise Gamtaa Barattoota Baha Afrikaati. Isaantu hojiin hawaasa wajjin hojjechaa turee fi carraa hojii ani uume kana qoratanii na dorgomsiisanii ture. Ani hamma kana odeeffannoo hin qabun ture," jedhu.

"Jalqabarratti Itoophiyaa irraa ana dabalatee namoota jahatu badhaasa meedaaliyaa argatee ture. warri badhaasa kana kenne isaan booda waa'ee keenya qorannoo adeemsisanii hojii kiyya kana baran. Koreen waan kana qoratu Finfinnee dhufanii baga gammadde badhaasa biraatif kaadhimamte naan jedhan" jedhu.

Korichi Magaala Finfinnee dhufuudhaan kaadhimummaadhaan kanin irratti dorgome akkan injifadhee fi Biyya Beeniin Yunvarsiitii St Solomon argamanii akka kabaja kana fudhatan itti himamuus dubbatu.

Torbee Tokkoon dura gara biyya Beeniin deemuunis Doktareetii Kabajaa isaanii fudhatan.

Doktarri Kabajaa Woddeessa Yaachisii hojiin isaan duudhaa keessatti guddataniif jecha hawaasa isaanii waliin guddachuuf taasisan badhaasa hamma kana argamsiisuun isaa hedduu akka isaan gammachiise dubbatan.

"Baayyeen gammade. Badhaasi kuni kiyya kan dhuunfaa osoo hin taane kan ummata kiyyaa kan biyya kiyyaallee. Akka Afrikaatti Doktareetii Kabajaa kana yeroo fudhadhu biyya kiyyalleen bakka bu'eeti.

''Hawaasa kiyyaa fi biyya kiyya bakka bu'ee beekkamtii akkanaa argachuu gammada guddaatu natti dhagahame," jedhan.

Dargaggoonni yeroo isaanii sirnaan fayyadamanii miira abdii kutannaa hin qabneen hojjetanii ofi isaaniis ummata isaaniif fayyaduu qabu jechuunis dhaaman.