Radio Jangwani: Dorgommii sirba nagaa rakkoo nageenyaa Marsabit furuuf kaayyeeffate

Wal dorgommiin faaruu rakkoo nageenyaa Bulchiinsa Marsabit keessa jiru furuuf buufata raadiyoon gaggeeffamaa ture xumurame.
Dorgommiin Sing For Peace yookaan Nagaaf Sirbi jechuun buufata raadiyoo Jangwani 106.3 FM qopheesseefi Caamsaa 1 hanga Caamsaa 15tti kan gaggeeffame ture.
Dargaggoon Andrea Dokhle jedhamu hojii dhiyeesseen 1ffaa bahuun, Shilingii 15,000 yoo badhaafamu, sirbasaa kanas muuziqaan dabaalanii qulqullinaan ni waraabamaaf.
Daayireektarri Radio Jangwani Luba Abbaa Raachoo Ibraahim, ''ardaan keenya kuniin gara gosaatiin guddoo oolkii (waraana) qaba,'' jechuun waan kana furuurratti gumaachuuf dorgommii kana qopheessuu himan.
''Keessumaa jidduu Gabraafi Booranaa, Gabraafi Reendila, Booranaafi Reendila, Gabraafi Daassanach,... gochiiti (gosti) guddoo walhaati, horii walirraa fudhatti, guddoo wal ijjeefti,'' jedhan.
Kaawuntiin Marsabit erga nagayaa dhabdee bubbultee jirti - dhibiin hammaate jennaan mootummaan Keeniyaa oppireeshinii addaa biyyattii keessatti hin baramne labsuun hojiitti seene.
Mootummaan rakkoo nageenyaa bulchiinsa kanatti adeemuufi lubbuufi qabeenya hedduu galaafatu to'achuuf jecha jalqaba ji'a Caamsaa eegalee daangaa sochiillee kaa'uu dabalatee oppireeshinii gaggeessaa jira.
Kaaba Keeniyaa Bulchiinsa Marsabit dira Saakuu keessa buufataalee raadiyoo garagaraa afaanota gosa akka akkaan tamsaasan ni jiru.
Isaan keessaa tokko kan tahe buufata Raadiyoo Jangwaanii jedhamudha.
Radio Jangwani Mana Amantaa Kaatolikii Lallaba Marsabiitiin kan hundaa'e yogguu tahu, Afaan Booranaa (Oromoo) dabalatee afaanota Kiswahili, Saambuuruu, fi Reendileen sagantaa garagaraa dabarsa.
Gariin amantii irrattis xiyyeeffachuun sagantaa barsiisa amantaas ni qaba.
Luba Waldaa Kaatolikii kan tahan Abbaa Raachoo Ibraahim sababa raadiyoon kun hundeeffamef yoo himan, ''gumii hedduu kan waldhabiisa qabdu, tan gosaan walhaatu walittin gadi dhufanii, nam takka tolchanii jaalala jidduu warraa kaa'an,'' jedhu.

Bu'uuruma hundeeffama buufata raadiyoo kanaan, jalqaba ji'a Caamsaa irratti waldorgommii sirba nagayaa qopheessuun dhiyeenya kana kan xumurame wayita tahu, dhihoo wayita gaazexeessitoonni BBC dira Marsabit daawwatanitti dorgommichi haala ho'aa taheen miidiyaa hawaasaa gubbaa adeemaa ture.
Kanneen dorgommii kana keessatti hirmaatan dargaggoota gannisaanii 12-35 ni taha. Bilbila qabaniin of waraabuun sirba daqiiqaa lama hincaalle akka ergan gaafataman.
Dorgomtoonnis viidiyoo waraaban fuula Facebook fi Twitter dhaabbatichaatti erga fe'anii booda, nami hordoftootaan guddoo jaalatameef akka injifatu beeksisi bahe ni mul'isa.

Madda suuraa, Radio Jangwani
''Sagantaa keenna keessatti marroo hedduu waan nagaa dubbanna,'' kan jedhan Luba Abbaa Raachoo sababa waraana dira Saakuu keessatti adeemaa jiruun irra guddoo kan miidhame dargaggoota jedhan.
''Akkan ilaallee marroo hedduu nami du'uutti jiru nama kaayimaati (dargaggoota). Nama egeree irkoo gumii armaatii tahutu du'aa jira.''
Kana malees karaa miidiyaa hawaasummaatin nami waan jibbiinsaa walitti barreessuun walarrabsuun ni hammaates jedhu.
''Ijoolleen kaayimaa hedduun [miidiyaa hawaasaa] keessa jirti... tanaaf yoo sagantaa dorgommii sirbaa yoo [qopheessine] dandeennee qalbii ijoollee kanaa jijjiirra jennee waan kana jalqabanne.''

Sirbootaafi walaloo Afaanota akka akkaan ergaman keessaa kan Faarfattuun Achuu jedhamtu Afaan Booranaan ergite akkas jedha:
''Warra Marsabet Kaawuntii kottaa nagaa lallabna,
Gositti omaa nuun baatuu dhiiroo koottaa waljaalanna.
Nuyi ilmaan abbaa tokko,
Ka marraa bisaanii nu tokko,
Nageenni Waaqaa waan jabduu tokko...''

















